GAAFFII DARGAGGOOTAA
Hammamin Cimina Qaba?
Ati hammam cimaa dha? Wantoonni armaan gadi si irra gaʼanii beekuu?
Nama jaallattu duʼaan dhabdeettaa?
Dhibee fayyaa cimaa yeroo dheeraadhaaf turu qabdaa?
Balaan uumamaa si irra gaʼee beekaa?
Qorattoonni cimina kan gaafatan rakkoowwan guguddaa qofa akka hin taane dubbatu. Dhiphinni guyyaa guyyaa fayyaa keenya irratti miidhaa geessisuu dandaʼu. Rakkinni si mudatu hammam xinnoo ykn hammam guddaa taʼus cimina qabaachuun kee barbaachisaa kan taʼe kanaafi.
Cimina jechuun maal jechuu dha?
Cimina jechuun dandeettii jijjiirama ykn rakkina jireenya keessatti nama mudatu karaa buʼa qabeessa taʼeen dandamachuu jechuu dha. Namoonni cimoo taʼan akkuma namoota kaanii rakkinni isaan mudata. Haa taʼu malee, rakkinicha ni dandamatu, akkasumas miidhaa isaan irraan geessisus isa duraa caalaa cimoo taʼu.
Cimina qabaachuun kan si barbaachisu maaliifi?
Rakkinni gaʼuun waan hin hafneefi. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Warri saffisan yeroo hundumaa dorgommii irratti hin moʼan, . . ., warri beekumsa qabanis yeroo hundumaa milkaaʼina hin argatan; sababiin isaas, yeroo fi wanti hin eegamne hunduma isaanii irra ni gaʼa.” (Lallaba 9:11) Caqasa kana irraa barumsa akkamii arganna? Namoonni gaariin illee balleessaa tokko utuu hin raawwatin yeroon rakkinni isaan irra gaʼu jira.
Cimina qabaachuun eegumsa waan sii godhuufi. Namni mana barumsaa sadarkaa lammaffaa tokko keessatti gorsaa barattootaa taʼan akkana jedhaniiru: “Barattoonni heduun qorumsa irratti C yeroo argatan ykn weebsaayitii hawaasaa irratti wanti nama aarsu tokko yommuu gadhiifamu gara biiroo koo dhufanii wanti hundi akka isaanitti dukkanaaʼe natti himu.” Akka namni kun dubbatanitti, ijoolleen wantoota salphaa fakkaatan akkasii wajjin haala wal qabateenis ciminaan rakkina sana keessa darbuu hin dandeenye “dhibeewwan sammuu fi miiraa adda addaatiif saaxilamu.” a
Cimina qabaachuun kee ammas taʼe yeroo nama guddaa taatutti waan si fayyaduuf. Rakkoowwan jireenya keessatti nama mudatan ilaalchisee Doktar Riichaardi Larnar akkana jedhanii barreessaniiru: “Namni tokko jireenya isaa keessatti milkaaʼina qabaachuu fi buʼa qabeessa taʼuu kan dandaʼu wanti yaade yeroo isaaf milkaaʼu didu haala isaa dandamachuu fi galma kan biraa baasuu ykn karoora isaa milkeessuuf filannoowwan kan biroo barbaaduu yoo dandaʼe dha.” b
Cimina gabbifachuu kan dandeessu akkamitti?
Rakkinni si mudate hangam ulfaataa akka taʼe madaaluu baradhu. Rakkoowwan xixinnoo fi guguddaa addaan baasii beeki. Kitaabni Qulqulluun, “Namni gowwaan aarii isaa yeruma sana ibsa, namni abshaalli garuu arrabsoo tuffatee bira darba” jedha. (Fakkeenya 12:16) Rakkinni xinnoon waan si irra gaʼeef qofa gar malee gadduu hin qabdu.
“Mana barumsaatti, ijoolleen waaʼee rakkoowwan xixinnoo gar malee arbeessanii dubbatu. Hiriyoonni isaanii weebsaayitii hawaasaa irratti yommuu wal harkaa fuudhanii afarsanitti immoo isaanitti caalaa; kun immoo rakkinichi hangam akka taʼe madaaluun akka isaanitti ulfaatu godha.”—Jooʼaan.
Warra kaan irraa baradhu. Fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu tokko, “Akkuma sibiilli sibiila qaru namnis michuu isaa ni qara” jedha. (Fakkeenya 27:17) Namoota rakkoowwan guguddaa keessa darban irraa barumsa guddaa argachuu dandeessa.
“Namoota kaanii wajjin yommuu haasoftan rakkoowwan hedduu kan dabarsan taʼus amma nagaa akka taʼan hubachuu dandeessu. Rakkoowwan sana dandamachuuf maal akka godhanii fi maal gochuu irraa akka of qusatan isaan gaafachuu dandeessu.”—Juuliyaa.
Obsa qabaadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Namni qajeelaan siʼa torba kufuu dandaʼa; deebiʼees ni kaʼa, namni hamaan garuu rakkina isa irra gaʼuun ni gufata” jedha. (Fakkeenya 24:16) Wanta si mudate amantee fudhachuun yeroo waan fudhatuuf, yeroo tokko tokko yoo gaddite si dinqisiisuu hin qabu. Wanti guddaan ‘deebitee kaʼuu’ kee ti.
“Rakkinni sun erga darbee booda bakka kee duraatti deebiʼuuf garaan kee fi miirri kee fayyuu qaba. Kun immoo siʼa tokkotti kan taʼu utuu hin taʼin yeroo kan fudhatu dha. Yeroon darbaa yommuu deemu gaddi namatti dhagaʼamus salphachaa akka deemu hubadheera.”—Aandiriyaa.
Kan galateeffattu taʼi. Kitaabni Qulqulluun, “Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa” jedha. (Qolosaayis 3:15) Rakkoon si mudate hammam illee cimaa yoo taʼe, yoom iyyuu wanti itti galateeffattu akka jiraatu beekamaa dha. Wantoota jireenya kee gammachiisaa godhan sadii yaaduuf carraaqi.
“Rakkinni yeroo si irra gaʼu ‘Rakkinni ana irra kan gaʼe maaliifi?’ jettee gaafachuun kee hin oolu. Cimina yoo qabaatte garuu waaʼee rakkinichaa gar malee yaaduu mannaa waaʼee wantoota qabduu ykn wantoota gochuu dandeessuu ni galateeffata.”—Samaantaa.
Wanta qabdutti gammaddee jiraachuuf carraaqi. Phaawulos ergamaan, “Ani haala akkamii iyyuu keessatti, wantan qabutti gammadee jiraachuu baradheera” jedheera. (Filiphisiyus 4:11) Rakkoowwan Phaawulosiin mudatan toʼannaa isaatii ala turan. Rakkinicha ilaalchisee garuu wanta gochuu dandaʼu toʼachuu ni dandaʼa. Phaawulos wanta qabutti gammadee jiraachuuf murtoo godheera.
“Yeroo baayʼee yeroo rakkinni na mudatu wantin jalqaba godhu gaarii akka hin taane hubadheera. Kanaaf haala akkamii keessatti iyyuu ilaalcha sirrii qabaachuuf galma baafadheera. Akkas gochuun koo immoo namoota naa wajjin jiranis kan fayyadu dha.”—Maatiwu.
Kadhadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Baʼaa kee Yihowaa irratti gati, innis si deggera. Namni qajeelaan akka kufu matumaa hin heyyamu” jedha. (Faarfannaa 55:22) Kadhannaa kan dhiheessinu miirri keenya akka tasgabbaaʼu kan barbaannu waan taʼeef qofa miti. Kanaa mannaa, kadhannaa kan dhiheessinu Uumaa keenya isa ‘nuuf yaaduu’ wajjin qunnamuu waan barbaannuufi dha.—1 Pheexiros 5:7.
“Kophaa koo dhiphachuu hin qabu. Waaʼee rakkinicha ifatti kadhachuudhaan, akkasumas wantoota Waaqayyo naaf godheef galateeffachuudhaan miira dogoggoraa natti dhagaʼamu irraa bilisa baʼuu nan dandaʼa, wanta Yihowaan naaf godhe irrattin xiyyeeffadha. Kadhannaan baayʼee barbaachisaa dha!”—Kaarloos.