Dhimma ijoo ta'etti seeni

Cubbuun Maali Dha?

Cubbuun Maali Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Cubbuun gocha, miira ykn yaada ulaagaalee Waaqayyoo wajjin wal faallessu hunda argisiisa. Wanta Waaqayyo duratti dogoggora taʼe ykn qajeelaa hin taane raawwachuudhaan seerawwan Waaqayyoo cabsuu dabalata. (1 Yohaannis 3:4; 5:17) Kana malees Kitaabni Qulqulluun wanta sirrii taʼe raawwachuu dhiisuun cubbuu akka taʼe dubbata.—Yaaqoob 4:17.

 Afaanota jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffameen cubbuu jechuun “alaamaa tokko qoluu ykn irraa goruu” jechuu dha. Fakkeenyaaf, gareen loltootaa Israaʼel durii tokko dhagaa furrisuu irratti dandeettii waan qabaniif, alaamaa isaanii hin qolan turan. Yaanni kun kallattiidhaan otoo hiikamee “cubbuu hin hojjetan” jechuu taʼuu dandaʼa. (Abboota Firdii 20:16) Kanaafuu, cubbuu hojjechuu jechuun ulaagaalee Waaqayyoo warra mudaa hin qabne otoo hin guutin hafuu jechuu dha.

 Waaqayyo Uumaa waan taʼeef, ilmaan namootaatiif ulaagaa baasuuf mirga qaba. (Mulʼata 4:11) Gocha keenyaaf isa biratti itti gaafatamna.—Roomaa 14:12.

Guutummaatti cubbuu irraa fagaachuun ni dandaʼamaa?

 Lakki. Kitaabni Qulqulluun, “Hundi isaanii cubbuu hojjetaniiru, ulfina Waaqayyoos calaqqisiisuu hin dandaʼan” jedha. (Roomaa 3:23; 1 Mootota 8:46; Lallaba 7:20; 1 Yohaannis 1:8) Kun kan taʼe maaliifi?

 Addaamii fi Hewaan jalqaba irratti cubbuu hin qaban turan. Sababiin isaas, isaan akka bifa Waaqayyootti mudaa kan hin qabne taʼanii uumaman. (Uumama 1:27) Haa taʼu malee, Waaqayyoof ajajamuu waan didaniif cubbamoota taʼan. (Uumama 3:5, 6, 17-19) Ijoollee yommuu godhatan cubbuu fi mudaa isaanitti dabarsan. (Roomaa 5:12) Mootii Israaʼel kan ture Daawit, “Yakkaa taʼee nan dhaladhe” jedheera.—Faarfannaa 51:5.

Cubbuuwwan tokko tokko warra kaan irra ni caaluu?

 Eeyyee. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun namoonni Sodoom ishii durii keessa jiraatan ‘jalʼoota cubbuu baayʼeedhaan yakkan’ akka turanii fi cubbuun isaanii “baayʼee ulfaataa” akka ture dubbata. (Uumama 13:13; 18:20) Mee wantoota guddina ykn ulfaatina cubbuu tokkoo murteessan sadi haa ilaallu.

  1.   Cimina isaa. Kitaabni Qulqulluun cubbuuwwan ciccimoo akka halalummaa, waaqolii tolfamoo waaqeffachuu, hatuu, machaaʼuu, saamicha, ajjeechaa fi gocha hafuurota hamoo raawwachuu jiran irraa akka fagaannu nu akeekkachiisa. (1 Qorontos 6:9-11; Mulʼata 21:8) Kitaabni Qulqulluun cubbuuwwan kana cubbuuwwan otoo itti hin yaadin raawwataman, fakkeenyaaf, dubbii fi gocha warra kaan miidhu wajjin wal bira qabee ibsa. (Fakkeenya 12:18; Efesoon 4:31, 32) Taʼus, Kitaabni Qulqulluun cubbuuwwan kam iyyuu xiqqeessinee akka hin ilaalle nu jajjabeessa; sababiin isaas, cubbuuwwan kun cubbuu cimaa raawwachuu fi seerawwan Waaqayyoo cabsuutti nu geessuu dandaʼu.—Maatewos 5:27, 28.

  2.   Kakaʼumsa. Cubbuuwwan tokko tokko wanta Waaqayyo barbaadu wallaaluudhaan kan raawwatamani dha. (Hojii Ergamootaa 17:30; 1 Ximotewos 1:13) Kitaabni Qulqulluun cubbuuwwan akkasii salphaa akka taʼan dubbachuu baatus, cubbuuwwan taʼe jedhamanii seera Waaqayyoo cabsuudhaan raawwataman irraa adda akka taʼan ibsa. (Lakkoobsa 15:30, 31) Cubbuun taʼe jedhamee raawwatamu ‘yaada hamaa’ irraa madda.—Ermiyaas 16:12.

  3.   Baayʼina isaa. Kitaabni Qulqulluun cubbuu yeroo tokko qofa raawwachuu fi cubbuu hojjechuu amaleeffachuun garaa garummaa akka qabu dubbata. (1 Yohaannis 3:4-8) Namoonni wanta sirrii taʼe akkamitti raawwachuun akka dandaʼamu erga baratanii booda illee ‘taʼe jedhanii cubbuu hojjechuu amaleeffatan’ murtii Waaqayyoo cimaa taʼetu isaan eeggata.—Ibroota 10:26, 27.

 Namoonni cubbuu cimaa hojjetan dogoggorri isaanii baʼaa ulfaataa isaanitti taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Daawit Mootichi, “Irra-daddarbaan koo mataa koo irra ol darbeera, miijanni isaas baʼaa ani baachuu hin dandeenye taʼee anatti ulfaateera” jedhee barreesseera. (Faarfannaa 38:4) Taʼus Kitaabni Qulqulluun abdii akkana jedhu kenna: “Namni jalʼaan karaa isaa isa jalʼaa haa dhiisu, namni hamaanis yaada isaa isa hamaa irraa haa deebiʼu! Gara Waaqayyo keenyaa isa araarri isaa guddaa taʼeetti haa deebiʼu, innis isa in maara.”—Isaayaas 55:7.