Dhimma ijoo ta'etti seeni

Namoonni Maqaan Isaanii “Kitaaba Jireenyaa” Irratti Barreeffame Eenyufaʼi?

Namoonni Maqaan Isaanii “Kitaaba Jireenyaa” Irratti Barreeffame Eenyufaʼi?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 ‘Kitaabni jireenyaa,’ ‘maraa kitaaba jireenyaa’ ykn ‘kitaaba yaadannoo’ jedhamees kan waamamu siʼa taʼu, maqaa namoota kennaa jireenya bara baraa argachuuf abdii qabanii kan qabate dha. (Mulʼata 3:5; 20:12; Miilkiyaas 3:16) Waaqayyo maqaawwan kana namni tokko amanamummaadhaan isaaf ajajamuu isaa irratti hundaaʼe filata.—Yohaannis 3:16; 1 Yohaannis 5:3.

 Waaqayyo “erga addunyaan” ilmaan namootaa “hundeeffamee jalqabee” akkuma waan maqaa isaanii kitaaba irratti barreessaa jiruutti tajaajiltoota isaa amanamoo ni yaadata. (Mulʼata 17:8) Haalli isaa akka argisiisutti Abeel inni nama amantii ture nama maqaan isaa kitaaba jireenyaa irratti barreeffame isa jalqabaa ti. (Ibroota 11:4) Kitaabni jireenyaa, Yihowaan Waaqa jaalala qabeessaa fi ‘warra kan isaa taʼan beeku’ akka taʼe waan argisiisuuf, kitaabni kun maqaadhuma barreeffame kan qabate miti.—2 Ximotewos 2:19; 1 Yohaannis 4:8.

Maqaan tokko “kitaaba jireenyaa” irraa haqamuu ni dandaʼaa?

 Eeyyee. Waaqayyo saba Israaʼel durii keessaa namoota ajajamoo hin taane ilaalchisee, “Nama ana irratti cubbuu hojjete kam iyyuu kitaaba koo irraa nan haqa” jedhee ture. (Baʼuu 32:33) Taʼus garuu amanamoo akka taane yoo argisiisne ‘maraa kitaaba jireenyaa’ irraa hin haqamnu.—Mulʼata 20:12.