Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Isaa Maali Dha?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Maleekonni uumamawwan ilmaan namootaa caalaa humnaa fi dandeettii guddaa qabani dha. (2 Pheexiros 2:11) Kan jiraatan hawaa ijaan mulʼatuu ol, samii keessa ykn addunyaa hafuuraa keessa dha. (1 Mootota 8:27; Yohaannis 6:38) Kana malees, hafuura akka taʼanitti ibsamaniiru.—1 Mootota 22:21; Faarfannaa 18:10, NW.
Maleekonni eessaa dhufan?
Waaqayyo maleekota kan uume karaa Yesuus isa Kitaabni Qulqulluun “hangafa uumama hundaa” jechuudhaan waamuu ti. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo uumama irratti akkamitti akka Yesuusitti fayyadame yommuu ibsu akkana jedha: “Wantoonni samii keessa jiranii fi lafa irra jiran kaan hundi, wantoonni ijaan argamanii fi ijaan hin argamne . . . karaa [Yesuus] uumaman.” Kunis Maleekota dabalata. (Qolosaayis 1:13-17) Maleekonni hin fuudhan, akkasumas wal hin horan. (Maarqos 12:25) Kanaa mannaa tokkoon tokkoon isaanii “Ilmaan Waaqayyoo” dhuunfaatti Waaqayyoon uumamani dha.—Iyoob 1:6.
Maleekonni kan uumaman lafti utuu hin uumamin yeroo dheeraa dura ture. Waaqayyo yommuu lafa uumetti maleekonni “guddisanii sagalee gammachuu in dhageessisan.”—Iyoob 38:4-7.
Maleekota meeqatu jira?
Kitaabni Qulqulluun lakkoofsa isaanii isa sirrii hin ibsu, taʼus baayʼee akka taʼan ni dubbata. Fakkeenyaaf, Yohaannis ergamaan maleekota miliyoona dhibbaan lakkaaʼaman mulʼataan argee ture.—Mulʼata 5:11.
Maleekonni maqaa dhuunfaa fi eenyummaa qabuu?
Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun maqaa maleekota lamaa ni ibsa, isaanis Mikaaʼelii fi Gabriʼeeli dha. (Daaniʼel 12:1; Luqaas 1:26) a Maleekonni kaanis maqaa akka qaban kan amanan taʼus, maqaa isaanii garuu hin dubbanne.—Uumama 32:29; Abboota Firdii 13:17, 18.
Maleekonni eenyummaa mataa isaanii qabu. Walii wajjin haasaʼuu ni dandaʼu. (1 Qorontos 13:1) Dandeettii yaaduu qabu, akkasumas Waaqayyoon jajachuu ni dandaʼu. (Luqaas 2:13, 14) Kana malees, muraasni isaanii fincila Seexanni Waaqayyo irratti kaase irratti isa wajjin hirmaachuudhaan cubbuu yeroo hojjetanitti akkuma mulʼate, wanta sirrii fi dogoggora taʼe filachuuf mirga qabu.—Maatewos 25:41; 2 Pheexiros 2:4.
Maleekonni sadarkaa adda addaa qabuu?
Eeyyee. Maleekaan humnaanis taʼe aangoodhaan hunda caalu hogganaa maleekotaa kan taʼe Mikaaʼeli dha. (Yihudaa 9; Mulʼata 12:7) Suraafeelonni maleekota sadarkaa ol aanaa qabanii fi teessoo Yihowaa bira buufatani dha. (Isaayaas 6:2, 6) Kiruubelonni immoo maleekota sadarkaa ol aanaa fi itti gaafatamummaa addaa qabani dha. Fakkeenyaaf, kiruubelonni Addaamii fi Hewaan erga achi keessaa baafamanii booda karaa gara dhaaba Eedenitti geessu eegu turan.—Uumama 3:23, 24.
Maleekonni namoota ni gargaaruu?
Eeyyee, Waaqayyo yeroo harʼaa namoota gargaaruuf maleekota isaa amanamoo taʼanitti fayyadama.
Waaqayyo maleekotatti fayyadamee tajaajiltoonni isaa misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo akka lallaban isaan qajeelcha. (Mulʼata 14:6, 7) Qajeelfamni kun warra lallabanis taʼe warra misiraachicha dhaggeeffatan ni fayyada.—Hojii Ergamootaa 8:26, 27.
Maleekonni namoonni hamoon gumii Kiristiyaanaa akka hin faalle eegumsa godhu.—Maatewos 13:49.
Maleekonni namoota Waaqayyoof amanamoo taʼan ni qajeelchu, akkasumas ni eegu.—Faarfannaa 34:7; 91:10, 11; Ibroota 1:7, 14.
Dhiheenyatti maleekonni waraana hammeenya balleessuuf godhamu irratti Yesuus Kiristoos wajjin hirmaachuudhaan ilmaan namootaatiif boqonnaa argamsiisu.—2 Tasalonqee 1:6-8.
Tokkoon tokkoon keenya maleekota nu eegan qabnaa?
Maleekonni nageenya hafuuraa tajaajiltoota Waaqayyootiif xiyyeeffannaa ni kennu; kana jechuun garuu Waaqayyo Kiristiyaanota hundaaf maleekaa isaan eegu ramadeera jechuu miti. b (Maatewos 18:10) Maleekonni tajaajiltoota Waaqayyoo rakkina ykn qorumsa hunda irraa hin eegan. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo yeroo baayʼee nama tokkoof ogummaa fi cimina jabaatee akka dhaabbatu isa gargaaru isaaf kennuudhaan qorumsa keessaa ‘karaa itti baʼu akka qopheessu’ dubbata.—1 Qorontos 10:12, 13; Yaaqoob 1:2-5.
Maleekota ilaalchisee yaada dogoggoraa jiru
Yaada dogoggoraa: Maleekonni hundi gaarii dha.
Dhugaa jiru: Kitaabni Qulqulluun ‘humnoonni hafuurota hamoo’ fi ‘maleekonni cubbuu hojjetan’ akka jiran dubbata. (Efesoon 6:12; 2 Pheexiros 2:4) Maleekonni hamoon kun jinniiwwan Seexana wajjin Waaqayyo irratti fincila kaasani dha.
Yaada dogoggoraa: Maleekonni hin duʼan.
Dhugaa jiru: Seexana dabalatee maleekonni hamoon ni balleeffamu.—Yihudaa 6.
Yaada dogoggoraa: Namoonni yeroo duʼan maleekota taʼu.
Dhugaa jiru: Maleekonni namoota duʼaa kaafaman utuu hin taʼin, uumamawwan hafuuraa Waaqayyo uume dha. (Qolosaayis 1:16) Waaqayyo namoota samii irra jiraachuuf duʼaa kaʼaniif jireenya hin duune kenna. (1 Qorontos 15:53, 54) Isaan maleekota caalaa iddoo ol aanaa qabaatu.—1 Qorontos 6:3.
Yaada dogoggoraa: Maleekonni kan uumaman namoota tajaajiluufi.
Dhugaa jiru: Maleekonni kan ajajaman nuuf utuu hin taʼin Waaqayyoofi. (Faarfannaa 103:20, 21) Yesuus illee gargaarsa maleekotaa argachuuf Waaqayyo gaafachuu akka qabu itti dhagaʼameera.—Maatewos 26:53.
Yaada dogoggoraa: Maleekonni akka nu gargaaran isaan kadhachuu dandeenya.
Dhugaa jiru: Kadhannaan kutaa waaqeffannaa keenyaa isa Yihowaa qofaaf dhiheessinuu ti. (Mulʼata 19:10) Karaa Yesuus Waaqayyo qofatti kadhannaa dhiheessuu qabna.—Yohaannis 14:6.
a Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko Isaayaas 14:12 irratti jecha “Luusiifer” jedhutti fayyadamaniiru, namoonni tokko tokko kun maqaa maleekaa yeroo booda Seexana taʼeef kenname akka taʼetti hubatu. Haa taʼu malee, jechi Afaan Ibrootaa as irratti ibsame ‘akka bakkalcha barii kan ibsu’ jechuu dha. Galumsi isaa akka argisiisutti jechi kun Seexana utuu hin taʼin mootii Baabilon isa of tuulummaa isaatiin kan kaʼe Waaqayyo isa salphise argisiisa. Jechi “isa akka bakkalcha barii ibsu” jedhu dubbii qoosaa bulchiinsi mootota Baabilon erga kufee booda haala ture ibsuuf gale dha.
b Namoonni tokko tokko seenaan waaʼee Pheexiros mana hidhaatii hiikamuu isaa dubbatu, Pheexiros maleekaa dhuunfaatti isa eegu akka qabu kan argisiisudha jedhanii amanu. (Hojii Ergamootaa 12:6-16) Haa taʼu malee, barattoonni “maleekaa [Pheexiros]” yommuu jedhan, gara isaanii kan dhufe Pheexiros utuu hin taʼin, maleekaa Pheexirosiin bakka buʼee ergame akka taʼe dogoggoraan yaadanii taʼuu dandaʼa.