GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU
Mucaan Keessan Qabxii Barumsaa Isaa Akka Fooyyeffatu Gargaaruu kan Dandeessan Akkamitti?
Mucaan keessan barumsaaf dantaa dhabuu isaa irra iyyuu hoj manee hin hojjetu, hin qoʼatus. Kanaaf, qabxiin isaa yeroodhaa gara yerootti gad buʼeera, amalli isaas mancaʼaa jira. Maarree mucaan keessan qabxii isaa akka fooyyeffatu gargaaruu kan dandeessan akkamitti?
Wanta beekuu qabdan
Mucaa keessan irratti dhiibbaa gochuun rakkinicha itti caalchisa. Mucaa keessan irratti dhiibbaa gochuun mana barumsaattis taʼe manatti akka dhiphatu godha. Kun immoo akka yaaddaʼu, akka sobu, qabxii gadi aanaa yommuu argatu akka dhoksu, waraqaa gabaasaa isaa irratti mallattoo keessan fakkeessee akka mallatteessu, akkasumas mana barumsaatii akka oolu isa gochuu dandaʼa. Haalli kun immoo caalaatti rakkina keessa akka galu kan isa taasisu dha.
Badhaasni qabxii yaadame argamsiisuu dhiisuu dandaʼa. Abbaan Andiruu jedhamu tokko akkana jedheera: “Intalli keenya barattuu cimtuu akka taatu jajjabeessuuf, qabxii gaarii yommuu argattu badhaasa kennuufii jalqabne. Kun garuu badhaasicha qofa irratti akka xiyyeeffattu ishii taasise. Qabxii gadi aanaa yommuu argattutti caalaatti kan ishii gaddisiisu qabxii gaarii dhabuu ishii utuu hin taʼin, badhaasa utuu hin argatin hafuu ishii ti.”
Barsiisota komachuun mucaa keessan hin fayyadu. Barsiisota kan komattan taanaan, mucaan keessan qabxii gaarii argachuuf carraaqqii gochuun akka isa hin barbaachisne godhee yaaduu dandaʼa. Kana malees, balleessaa isaa namoota kaanitti akka qabatuu fi rakkina isa mudate namoonni kaan akka isaaf furan akka eegu gochuu dandaʼa. Gabaabaadhumatti, mucaan keessan gaʼeessa yommuu taʼutti beekumsa barbaachisaa taʼe, jechuunis dandeettii wantoota raawwatuuf itti gaafatamummaa fudhachuu utuu hin baratin.
Maal Gochuu Dandeessu?
Miira keessan toʼadhaa. Qabxii mucaan keessan argateen kan kaʼe aarii irra jirtu taanaan, marii keessan yeroo gara biraatti dabarsuun gaarii dha. Abbaan Biraat jedhamu tokko, “Haati manaa koo fi ani yommuu tasgabboofnuu fi bakka ijoollee keenyaa of keenyee of ilaaluuf yommuu yaallu buʼaa gaarii arganna” jedheera.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni hundi dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa, dheekkamuufis suuta jedhaa haa taʼu.”—Yaaqoob 1:19.
Madda rakkinichaa beekuuf yaalaa. Yeroo baayʼee sababiin itti ijoolleen qabxii gadi aanaa argatan, miidhaa isaan irra gaʼu, mana barumsaa jijjiiruu, qormaata sodaachuu, rakkoowwan maatii keessa jiran, hirriba gaʼaa dhabuu, sagantaadhaan qoʼachuu dhiisuu, akkasumas yaada ofii sassaabbachuu dadhabuu dha. Mucaan keessan dadhabaa akka taʼe daftanii hin murteessinaa.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Nama barsiisa yaadatti qabatuuf wanti inni godhu wal in qixxaataaf.—Fakkeenya 16:20.
Haalli barachuuf mijataa taʼe akka jiraatu godhaa. Mucaan keessan sagantaa itti hoj manee hojjetuu fi itti qoʼatu baasaa. Bakki mucaan keessan itti qoʼatu wantoonni yaada isaa hihhiran (televizyinii fi moobaayilii dabalatee) akka hin jiraanne godhaa. Xiyyeeffannaadhaan hojjechuuf waan isa gargaaruuf hoj manee isaa qoqqoodee akka hojjetu godhaa. Abbaan Heektoor jedhamuu fi Jarman jiraatu tokko, “Qormaanni yommuu dhihaachaa deemu jala gaʼee akka hin muddamnetti dursinee guyyaa guyyaadhaan qabxii muraasa waliin irra deebina” jedheera.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Wanti hundinuu yeroo qaba.”—Lallaba 3:1.
Faayidaa barachuun qabu akka hubatu godhaa. Mucaan keessan faayidaa barumsi amma isaaf argamsiisaa jiru yommuu hubatu, fedhii inni barachuuf qabu caalaatti dabala. Fakkeenyaaf, herrega barachuun qarshii isaa sagantaadhaan akka itti fayyadamu isa gargaara.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Ogummaa argadhu, hubataas taʼi! . . . Ol ishee fuudhi.”—Fakkeenya 4:5, 8.
Gorsa gaarii: Mucaan keessan hoj manee yommuu hojjetu isa gargaaraa malee isaaf hin hojjetinaa. Andiruun, “Intalli keenya deebii gaaffichaa ofii ishiitiin argachuuf yaaluu mannaa, akka nuti ishiitti himnu nu irraa eegdi turte” jedheera. Mucaan keessan hoj manee ofii isaatiin akkamitti hojjechuu akka dandaʼu barsiisaa.