Haalli Gaddisiisaan Ishii Mudatus Jabaattee Itti Fufteetti
Verjeniyaa ishiin Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taate dhukkuba lookd iin siindiroom jedhamuun dhiphatti. Qaamni ishii lamshaaʼeera. Ishiin ilaaluu, dhagaʼuu, ija ishii banuu fi cufuu akkasumas mataa ishii hamma tokko sochoosuu ni dandeessi. Taʼus dubbachuu ykn nyaachuu hin dandeessu. Ishiin fayya buleettii fi humna kan qabdu turte. Taʼus bara 1997 ganama tokko mataa ishii karaa duubaa utuu wal irraa hin kutin waraanuu jalqabe. Abbaan manaa ishii hoospitaalatti kan ishii geesse siʼa taʼu, galgala sana of wallaalte. Kan dammaqxee torban lama booda bakka kunuunsi cimaan kennamutti siʼa taʼu, qaamni ishii lamshaaʼee fi meeshaan hafuura baafachuuf gargaaru itti kaaʼamee ture. Guyyoota muraasaaf eenyu akka taate dabalate waan tokko iyyuu hin yaadattu turte.
Verjeniyaan wanta sana booda taʼe akka itti aanutti ibsiteetti. “Suutuma suuta yaadannoon koo naaf deebiʼe. Cimseen kadhadhe. Ilma koo isa xinnaa haadha malee dhiise duʼu hin barbaadun ture. Kutannoo koo guddifachuuf hamma naaf dandaʼame caqasoota Kitaaba Qulqulluu hedduu yaadachuufan yaale.
“Boodas doktaroonni bakka kunuunsi cimaan itti kennamuu na baasan. Jiʼa jaʼaaf hospitaalota gara garaa fi bakka itti bayyaannatan ergan ture booda gara manaatti na deebisan. Amma iyyuu akkuman lamshaaʼetti kanan jiru siʼa taʼu, karaa hundumaan gargaarsi warra kaanii na barbaachisa. Baayʼee abdii kutadheen ture. Warra kaaniifis taʼe Yihowaadhaaf faayidaa akkan hin qabne natti dhagaʼame. Akkasumas ilma koo kunuunsuu waanan hin dandeenyeef dhiphadheen ture.
“Muuxannoo Dhugaa Baatota haala koo wajjin wal fakkaatu qabanii dubbisuu kanan jalqabe yoo taʼu, wanti isaan Yihowaadhaaf gochuu dandaʼaan baayʼee na dinqisiise. Kanaan kan kaʼes wantan raawwachuu dandaʼu irratti xiyyeeffachuudhaan ilaalcha gaarii qabaachuufan yaale. Dhukkubsachuu koo dura dhimmoota hafuuraatiif yeroo muraasa qofan qaba ture. Amma garuu yeroo hundumaa guyyaa guutu yeroo qaba. Kanaafuu abdii kutachuu mannaa hariiroon Yihowaa wajjin qabu irrattan xiyyeeffadhe.
“Koompiitaratti fayyadamuun baradhe. Sooftiweerii sochii mataa koo hubatutti fayyadameen barreessa. Baayʼee kan nama dadhabsiisu taʼus teknoolojiin kun Kitaaba Qulqulluu akkan qoʼadhuu fi abdii koo xalayaa fi iimeeliidhaan warra kaaniif akkan hiru na dandeessiseera. Namoota na bira jiranii wajjin dubbachuuf gabatee qubeen irratti barreeffamen fayyadama. Namni na bira jiru al takkaatti qubee tokko tuqa. Yommuu qubee dogoggoraa tuqu ija koo balliseen bana, yommuu qubee sirrii tuqu immoo nan dunuunfadha. Jechoota uumuu fi hima ijaaruuf mala kana irra deddeebinee fayyadamna. Obboleettota naa wajjin yeroo dheeraa dabarsan keessaa tokko tokko wantan jechuu barbaade dafanii hubatu turan. Yeroo jecha ani dubbachuu hin barbaanne qindeessanitti kolfinee bira dabarra.
“Sochiiwwan gumii irratti hirmaachuun na gammachiisa. Yeroo hundumaa walgaʼii irratti akkan hirmaadhu qophiin naaf godhama ture, yeroo ammaatti immoo karaa viidiyoo konfiransiin argama. Yaadan kennu barbaade durseen barreessa; yommuu kutaan gaaffii fi deebii dhihaatu namni tokko naa dubbisa. Akkasumas garee tajaajilaa koo wajjin karaa viidiyoo konfiransii JW Broodkaastiingiin ilaala. a
“Dhukkuba lookd iin siindiroom jedhamuun ergan qabamee amma waggaa 23 taʼeera. Yeroo tokko tokko nan gadda. Taʼus kadhachuu fi obbolootaa wajjin yeroo dabarsuudhaan, akkasumas karaa hafuuraa dammaqaa taʼuudhaan miira darbee darbee natti dhagaʼamu kana moo dandaʼeera. Gargaarsan gumii irraa argadheen waggaa jaʼaaf qajeelchaa gargaaraa taʼuu illee dandaʼeera. Ilma koo Aleesaandiroo isa yeroo ammatti gaaʼela godhatee jiruu fi jaarsa gumii taʼee tajaajiluuf fakkeenya gaarii taʼuuf yaaleera. Innis haadha manaa isaa wajjin qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajila.
“Yeroo baayʼee wantan gara fuulduraatti jannata keessatti raawwachuu dandaʼu irrattan xiinxala. Jalqaba irratti wantan raawwachuu barbaadu sagalee kootti fayyadamee waaʼee Yihowaa dubbachuu dha. Baadiyyaatti qarqara lagaa deemuun natti tola, sababiin isaas taaʼumsa lafaa isa bareedaa taʼe ilaaluuf na dandeessisa. Akkasumas waggoota digdamaan darbaniif tubboodhaan wanta dhangalaʼaa qofa soorachaa waanan tureef poomii muka irraa kutee cuffachuu hawweera. Lammii Xaaliyaanii waanan taʼeef piizzaa dabalatee nyaata Xaaliyaanii ani jaaladhu qopheessuu fi nyaachuuf hawweera.
“Abdiin fayyinaa sammuu koof eegumsa godheera. (1 Tasalonqee 5:8) Haalli koo daangeffamee kan jiru taʼus addunyaa haaraa keessatti of ilaaluun koo gammachuu naaf argamsiisa. Hawwiin koo kun immoo dhiheenyatti dhugaa taʼa. Eeyyee, “jireenya isa dhugaa” Yihowaan karaa Mootummaa isaa nuu kennuuf waadaa gale jiraachuuf baayʼeen hawwa.”—1 Ximotewos 6:19; Maatewos 6:9, 10.
a Sagantaa JW Broodkaastiingiin jw.org irraa argachuu dandeenya.