Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GARGAARSA NAMOOTA GADDI IRRA GAʼEEF TAʼU

Gaddi Maal Geessisuu Dandaʼa?

Gaddi Maal Geessisuu Dandaʼa?

Ogeeyyiin tokko tokko namoonni gaddi irra gaʼe irraa jalaan miirri adda addaa akka isaanitti dhagaʼamu dubbatu; haa taʼu malee, namoonni hundi gadda isaanii kan ibsan karaa wal fakkaatuun miti. Maarree, akkaataan namoonni gadda isaanii itti ibsan garaa gara taʼuun isaa, namoonni tokko tokko gaddi cimaan akka isaanitti hin dhagaʼamne ykn miira isaanii akka ukkaamsan kan argisiisu dhaa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa. Namni gaddi irra gaʼe tokko nama jaallatu duʼaan akka dhabe amanuu fi gadda isaa ibsuun isaa jajjabaachuuf kan isa gargaaru taʼus, karaa sirriin gadda itti ibsan garuu tokko qofa miti. Aadaan nama gaddi irra gaʼee, amalli isaa fi mudannoon jireenyaa isaa, akkasumas haalli namni inni jaallatu ittiin duʼe akkaataa gadda isaa itti ibsu irratti dhiibbaa guddaa qaba.

GADDI ISAA HANGAM ULFAATAA DHA?

Namoonni gaddi irra gaʼe, nama jaallatan duʼaan dhabuun miira akkamii akka isaanitti uumu beekuu dhiisuu dandaʼu. Haa taʼu malee, miirri isaanitti dhagaʼamuu fi haalawwan qorumsa isaanitti taʼan tokko tokko wal fakkaataa fi yeroo baayʼee kan eegaman taʼuu dandaʼu. Mee kanneen armaan gadii haa ilaallu:

Miirri jeeqamuu. Namni gaddi irra gaʼe tokko booʼuu, nama duʼe sana yaaduu fi akkuma tasaa miirri isaa jijjiiramuu dandaʼa. Kana malees, yaadannoon gara sammuu isaatti dhufu ykn abjuun argu isa jeeqa taʼa. Jalqaba irratti garuu naasuun isatti dhagaʼamuu fi haala sana amanuun isatti ulfaachuu dandaʼa. Tiinaan yeroo abbaan manaa ishii Tiimoon akka tasaa duʼetti miira ishiitti dhagaʼame yommuu ibsitu akkana jetteetti: “Jalqaba irratti akka hadooduun taʼe. Booʼuu illee hin dandeenye. Yeroo tokko tokko garmalee dhiphachuu kootiin kan kaʼe hafuura baafachuun illee natti ulfaata ture. Wanta uumame amanuun baayʼee natti ulfaatee ture.”

Dhiphachuun, aaruu fi of ceephaʼuun waanuma jiru dha. Iivaan akkas jedheera: “Ilmi keenya Eeriik umurii isaa waggaa 24⁠tti erga duʼee booda yeroo muraasaaf anii fi haati manaa tiyya Yoolaandaan dafnee aarra turre. Sana dura namoota dafnee aarru akka taanetti waan hin yaanneef, amala akkasii argisiisuun keenya baayʼee nu dinqeera. Kana malees, ‘Ilma keenyaaf wanti utuu hin godhin hafne jiraa laata?’ jennee of ceephaana.” Alehaandiroon inni haati manaa isaa yeroo dheeraadhaaf erga dhukkubsattee booda duʼaan boqottes of ceephaʼa ture; akkana jedheera: “Jalqaba irratti, ‘Waaqayyo hammana akkan dhiphadhu erga heyyamee ani nama hamaa dha’ jedheen yaade. Achii immoo wanta taʼeef Waaqayyoon akkan komadhe waan natti dhagaʼameef of ceephaʼuun jalqabe.” Koostaas inni mata duree darbe irratti caqasame immoo akkana jedheera: “Soofiyaan maaliif duute jedhee yeroon ishiitti aare iyyuu qaba. Akkas jedhee yaaduun koo immoo akkan of ceephaʼu na taasise. Kun balleessaa ishii miti.”

Sirriitti yaaduu dadhabuu. Yaanni nama gadde sanaa bitaa namatti taʼuu ykn yeroon sirrii itti hin taane jiraachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namni gaddi irra gaʼe sun, sagalee nama duʼe sanaa akka dhagaʼe ykn akka isa arge godhee yaaduu dandaʼa ykn namni duʼe sun akkuma waan qaamaan isa bira jirutti dubbata taʼa. Yookiin immoo namni gadda irra jiru sun yaada isaa sassaabbachuun ykn waa yaadachuun isa rakkisuu dandaʼa. Tiinaan akkas jetteetti: “Yeroo tokko tokko utuman namaa wajjin haasaʼaa jiruu illee yaadni na bada. Sammuun koo waaʼee wantoota duʼa Tiimoo wajjin wal qabatanii xiinxala. Wanta tokko irratti xiyyeeffachuu dadhabuun koos baayʼee na dhiphisa.”

Namoota irraa adda of baasuu. Namni gadda irra jiru warra kaanii wajjin yeroo taʼu dafee aaruu ykn isatti toluu dhiisuu dandaʼa. Koostaas akkana jedheera: “Namoota gaaʼela qabanii wajjin yeroon taʼu iddoo naaf hin malle akkan dhaqe natti dhagaʼama ture. Namoota gaaʼela hin godhannee wajjin yeroon taʼus akkasuma natti dhagaʼama.” Haati manaa Iivaan Yoolaandaanis akkana jetteetti: “Namoota rakkina gadda nu irra gaʼee wajjin yeroo wal bira qabamu hamma kana ulfaataa hin fakkaanneen baayʼee hadheeffatanii wajjin taʼuun baayʼee nutti ulfaata ture! Namoonni tokko tokko immoo milkaaʼina ijoolleen isaanii argatan nutti himu. Kanan isaaniif gammadu taʼus, wanta isaan dubbatan dhaggeeffachuun na jeeqa. Anii fi abbaan manaa koo jireenyi akka itti fufu beekna; taʼus, wanta akkasii haasaʼuuf fedhiis taʼe obsa hin qabnu turre.”

Dhibee fayyaa. Namoonni hedduun fedhiin nyaataa fi ulfaatinni qaama isaanii ni hirʼata, hirribas ni dhabu. Aaron abbaan isaa erga duʼee booda wanta gara waggaa tokkootiif isa irra gaʼe yaadachuudhaan akkana jedheera: “Hirriba gaarii waanan hin rafneef baayʼeen rakkadha ture. Yeroo hunda saʼaatii murtaaʼaa taʼettin dammaqa; achiis waaʼee duʼa abbaa kootii yaadee gadduun jalqaba.”

Alehaandiroon immoo dhukkubni kana jedhee himachuu hin dandeenye akka isatti dhagaʼamu yommuu ibsu akkana jedheera: “Yeroo baayʼee mana yaalaa dhaqee ilaalamee fayyaa akkan taʼe natti himaniiru. Kan na dhukkube sababa gadda kootiin taʼuu hin oolu.” Oolee bulee garuu mallattoowwan dhukkubichaa badaa deeman. Taʼus, Alehaandiroon mana yaalaa deemee ilaalamuun isaa gaarii ture. Gaddi dandeettii qaamni dhukkuba ittisuuf qabu hirʼisuu, dhibee kanaan dura qaban akka hammaatu gochuu, akkasumas dhibee gara biraa namatti fiduu dandaʼa.

Hojiiwwan barbaachisoo taʼan raawwachuuf rakkachuu. Iivaan akkana jechuudhaan wanta yaadatu dubbateera: “Eeriik akka duʼe firootaa fi michoota keenyatti qofa utuu hin taʼin, hogganaa isaa fi nama mana isaaf kireesse dabalatee namoota kaanittis himuu qabna turre. Sanadoota seeraa wajjin wal qabatan hedduus guutuun nu barbaachisa. Achiis qabeenya Eeriik iddoo iddoo qabsiisuu qabna turre. Kana hunda gochuun xiyyeeffannaa kan gaafatu taʼus, nuti garuu yeroo kanatti sammuun keenya dadhabee, qaamni keenya bututee fi miirri keenya miidhamee ture.”

Namoonni tokko tokko immoo qorumsa guddaa kan isaanitti taʼu, yeroo wantoota namni duʼe sun raawwachaa ture raawwachuun isaan barbaachisutti dha. Haalli akkasii Tiinaa mudateera. Akkana jetteetti: “Dhimmoota baankii wajjin wal qabatanii fi dhimmoota wal fakkaatan kan biroo kan hordofu Tiimoo ture. Amma garuu itti gaafatamummaan hundi ana irra jira; kun immoo caalaatti akkan dhiphadhu na taasise. ‘Itti gaafatamummaa kana hunda sirriitti raawwachuu nan dandaʼaa laata?’ jedheen yaaddaʼa.”

Haalawwan rakkisoon olitti caqasaman dhiibbaa gaddi geessisu dandamachuun baayʼee ulfaataa akka taʼu gochuu dandaʼu. Nama jaallatan duʼaan dhabuun gadda cimaa akka geessisu beekamaa dha; taʼus namoonni dhiheenyatti gaddi isaan mudate dursanii kana beekuun isaanii gadda isaanii dandamachuuf isaan gargaaruu dandaʼa. Kana malees, rakkoowwan sababa gaddaatiin dhufan hundi namoota hunda irra gaʼu jechuu akka hin taanes yaadachuu qabna. Namoonni nama jaallatan duʼaan dhaban, warri gaddi irra gaʼe kaanis miirri akkasii akka isaanitti dhagaʼamu beekuun isaanii isaan jajjabeessuu dandaʼa.

KANA BOODA GAMMACHUU QABAACHUU NAN DANDAʼAA LAATA?

Maal eeguu dandeessa? Gaddi cimaan nutti dhagaʼamu oolee bulee hirʼachuun isaa hin oolu. Kana jechuun garuu namni gaddi irra gaʼe gadda isaa irraa guutummaatti ni jajjabaata ykn nama duʼe sana ni irraanfata jechuu miti. Haa taʼu malee, dhiphinni cimaan sababa gaddaatiin isatti dhagaʼamu suutuma suuta hirʼachaa deema. Yaadannoowwan tokko tokko gara sammuu isaatti yeroo dhufan ykn guyyoota akka guyyaa cidha isaanii jiranitti gaddi isaa akka haaraatti isatti dhagaʼama taʼa. Taʼus, namoonni baayʼeen suutuma suuta miirri isaanii tasgabbaaʼaa waan deemuuf, akkuma duraanii sochii guyyaa guyyaa godhanitti deebiʼu. Keessumaa immoo, miseensonni maatii ykn michoonni isaa kan isa jajjabeessanii fi innis tarkaanfiiwwan barbaachisoo taʼan tokko tokko kan fudhatu yoo taʼe gadda isaa damdamachuu ni dandaʼa.

Gadda irraa jajjabaachuun yeroo hammamii fudhata? Namoonni tokko tokko, gaddi isaanii kan isaanitti jabaatu jiʼoota muraasaaf qofa taʼuu dandaʼa. Namoonni hedduun immoo, gaddi isaanii hirʼachaa akka deeme kan isaanitti dhagaʼamu waggaa tokko ykn lama booda dha. Namoonni tokko tokko garuu, sana caalaa yeroo dheeraa isaanitti fudhachuu dandaʼa. * Alehaandiroon, “Gara waggaa sadiitiif gadda cimaatu natti dhagaʼama ture” jedheera.

Obsa qabaadhu. Waaʼee borii yaaduudhaan hin dhiphatin; yeroo gadda si irra gaʼe irraa jajjabaachuuf sitti fudhate kan warra kaanii wajjin wal bira hin qabin; gaddi kee yeroo booda hirʼachaa akka adeemu yaadadhu. Taʼus, amma gadda cimaa sitti dhagaʼamu hirʼisuu fi utuu hin barbaachisin akka hin dheeranne gochuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu dandeessu jiruu?

Warri gaddi irra gaʼe kaanis miirri akkasii isaanitti dhagaʼama

^ key. 17 Namoonni tokko tokko gaddi isaanii isaanitti cimuu isaatiin kan kaʼe haala isaa dandamachuun isaan rakkisuu dandaʼa. Namoonni akkasii gargaarsi ogeeyyii fayyaa isaan barbaachisa taʼa.