Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | DARGAGGOOTA

Yeroo Haati Yookiin Abbaan Duʼan

Yeroo Haati Yookiin Abbaan Duʼan

HAALA RAKKISAA

Daamiin yeroo umuriin ishii waggaa jaʼa turtetti abbaa ishii dhukkuba sammuu keessatti uumamuu fi aniyuuriizim jedhamuun duʼaan dhabde. Deeriik immoo yommuu abbaan isaa dhukkuba onneetiin duʼu mucaa waggaa sagalii ture. Jiiniin yommuu harmeen ishii gara waggaa tokkootiif kaansarii gadameessaatiin dhukkubsattee duutetti mucaa waggaa torbaa turte. *

Dargaggoonni kun sadan, miira nama jaallatan duʼaan dhabuun fidu damdamataniiru. Ati hoo wanti akkasii si mudateeraa? Taanaan, mata dureen kun rakkina kana damdamachuuf si gargaaruu dandaʼa. * Mee jalqaba irratti waaʼee gaddaa dhugaa tokko tokko haa ilaallu.

WANTA BEEKUU QABDU

Gaddi karaa garaa garaatiin ibsamuu dandaʼa. Kana jechuun karaan ati gadda kee itti ibsitu karaa warri kaan gadda isaanii itti ibsan irraa adda taʼuu dandaʼa jechuu dha. Kitaabni Helpiingi Tiinsi Koppi Wiiz Deez jedhamu, “Akkaataa gadda itti damdamatan ilaalchisee seera dhaabbataa baasuun hin dandaʼamu” jedheera. Wanti baayʼee barbaachisaa taʼe, gadda kee ukkaamsitee qabuu dhiisuu kee ti. Maaliif? Sababiin isaas . . .

Gadda ofii ukkaamsuun miidhaa geessisuu dandaʼa. Jiiniin ishiin olitti caqasamte akkana jetteetti: “Obboleettii koo ishii xinnoodhaaf jecha cimtuu taʼuu akkan qabu waan natti dhagaʼameef, miira koo ukkaamsee qabeen ture. Amma illee yeroo tokko tokko miira koo nan ukkaamsa; akkas gochuun garuu gaarii miti.”

Hayyoonnis yaada kana irratti walii galu. Kitaabni Za Giriivingi Tiin jedhamu, “Miirawwan ukkaamamanii turan bara baraaf ukkaamamanii hin hafan. Yeroo ati hin yaannetti, jechuunis yeroo miirri kee jeeqamutti ykn yeroo dhukkubsattutti deebiʼanii dhufu” jedheera. Akkasumas gaddi ukkaamame miidhaa nama irraan gaʼuu, jechuunis rakkina kana jalaa miliquuf dhugaatii alkoolii gar malee dhuguu ykn qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuutti nama geessuu dandaʼa.

Gaddi miirri akka jeeqamu taasisa. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko namni duʼe sun akka “qofaatti isaan dhiise deeme” waan isaanitti dhagaʼamuuf baayʼee isatti aaru. Kaan immoo, Waaqayyo akka hin duune gochuu ni dandaʼa ture jedhanii waan yaadaniif isatti mufatu. Namoonni gaddan hedduunis, nama duʼe sana irratti waan raawwatan ykn waan isaan jedhan ilaalchisee dhiifama gaafachuu waan hin dandeenyeef baayʼee of ceephaʼu.

Gaddi miira baayʼee ulfaataa akka taʼe beekamaa dha. Gadda kana damdamachuu kan dandeessu akkamitti?

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Nama tokko mariisisi. Tarii yeroo rakkisaa taʼe kanatti warra kaan irraa of fageessuu barbaadda taʼa. Taʼus, miira kee miseensa maatii kee ykn michuu kee tokkotti himuun, gadda sitti dhagaʼamu akka damdamattuu fi rakkoo si irra gaʼe kanaan akka hin moʼamne si gargaaruu dandaʼa.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Fakkeenya 18:24, hiika bara 1899.

Miira sitti dhagaʼamu barreessi. Waaʼee haadha kee ykn abbaa kee duʼaan dhabdee barreessi. Fakkeenyaaf, nama sana ilaalchisee waan gaarii yaadattu barressi. Amala gaggaarii inni ittiin jajamu ykn ishiin ittiin jajamtu barreessi. Ati hoo amalawwan kanneen keessaa isa kam horachuu barbaadda?

Yaadawwan dogoggoraa yoo si rakkisan, jechuunis wanta nama mufachiisuu fi haati kee ykn abbaan kee duʼuu isaanii dura isaanitti dubbatte irraanfachuun yoo si rakkise, wanta sitti dhagaʼamuu fi maaliif akkas akka sitti dhagaʼamu barreessi. Fakkeenyaaf, “Guyyaa abbaan koo duʼuu isaa dura turetti, isa waliin falmaa waanan tureef baayʼeen of ceephaʼa” jetta taʼa.

Achiis of ceephaʼuun kee kun sirrii dha moo sirrii miti isa jedhu qori. Kitaabni Za Giriviingi Tiin jedhamu akkana jedheera: “Carraa dhiifama itti gaafattu akka hin arganne dursitee waan hin beekneef of ceephaʼuun kee sirrii miti. Namni tokko wanta gara fuulduraatti akka dhiifama gaafatu isa godhu dubbachuu ykn gochuu irraa fagaachuu akka dandaʼu yaaduun waan fakkaanne dha.”—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Iyoob 10:1.

Of kunuunsi. Sirriitti boqodhu; sochii qaamaa gaʼaa godhi, akkasumas nyaata madaalamaa nyaadhu. Fedhii nyaataa yoo dhabde, fedhiin nyaataa kee hanga iddootti deebiʼutti, takkaatti baayʼee nyaachuu mannaa, xinnoo xinnoo garuu immoo daftee daftee nyaata salphaa nyaachuu dandeessa. Gaddi kee akka itti caalu waan godhuuf, gadda kee irraanfachuuf jecha nyaata fayyaadhaaf faayidaa hin qabne hin nyaatin ykn dhugaatii alkoolii hin dhugin.

Kadhannaadhaan Waaqayyotti dhihaadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Wanta yaada sitti taʼu Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa!” jedha. (Faarfannaa 55:22) Kadhannaan wanta miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu si gargaaru qofa miti. Kanaa mannaa, Waaqa isa ‘rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessu’ waliin garaadhaa yaada wal jijjiiruu dha.—2 Qorontos 1:3, 4.

Karaan Waaqayyo warra gaddan itti jajjabeessu keessaa tokko, Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe dha. Maarree haala namoonni duʼan keessa jiranii fi abdii duʼaa kaʼuu ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu maaliif hin qortu? *Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Faarfannaa 94:19.

^ KEY. 4 Akkasumas, haala Daamii, Deeriikii fi Jiiniin keessa darban mata duree kanatti aanee jiru keessatti dubbisuu dandeessa.

^ KEY. 5 Mata dureen kun waaʼee duʼa haadhaa fi abbaa kan ibsu taʼus, dhugaan buʼuuraa as keessatti caqasame yeroo obbolaan ykn michoonni keenya nu jalaa duʼanittis ni hojjeta.

^ KEY. 19 Kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaa fi Deebiiwwan Hojii Irra Ooluu Dandaʼan, Jildii 1 (Amaariffa) jedhamu irraa boqonnaa 16ffaa ilaali. Weeb saayitii jw.org/am irraa WANTOOTA QOPHAAʼAN jalaa tola garagalfachuu ni dandeessa.