Fayyaa Qaamaa
Kitaabni Qulqulluun kitaaba yaalii fayyaa miti. Taʼus, gorsa fayyaa gaarii qabaachuuf nu gargaaru qabateera. Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu fayyaa kee siif fooyyessuu dandaʼan tokko tokko ilaali.
OF KUNUUNSI
QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni qaama ofii jibbu tokko illee hin jiru; kanaa mannaa, ni soora, akkasumas ni kunuunsa.”—Efesoon 5:29.
MAAL JECHUUDHA? Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu kun fayyaa keenya kunuunsuuf wanta dandeenyu akka goonu nu jajjabeessa. Qorannaan tokko akka argisiisetti, rakkina fayyaa hedduudhaaf sababa kan taʼu akkaataa jireenyaa filannudha. Kanaafuu, filannaa sirrii gochuun keenya fayyaan keenya akka fooyyaʼu godha.
WANTA GOCHUU DANDEESSU:
-
Nyaata Madaalamaa Sooradhu. Nyaata fayyaadhaaf gaarii taʼe sooradhu, akkasumas bishaan gaʼaa dhugi.
-
Sochii Qaamaa Godhi. Hirʼina qaamaa ykn dhukkuba cimaa yoo qabaattellee, umuriin kee hammamiyyuu yoo taʼe, sochii qaamaa gochuun kee haalli fayyaa keetii akka fooyyaʼu gochuu dandaʼa. Miseensonni maatii kee, michoonni kee fi ogeeyyiin fayyaa sochii qaamaa akka gootu kan si jajjabeessan taʼus, irraa fayyadamuuf tarkaanfii fudhachuu kan qabu sumadha.
-
Hirriba Gaʼaa Rafi. Namoonni yeroo dheeraadhaaf hirriba gaʼaa utuu hin rafin dabarsan dhukkuba cimaadhaaf saaxilamuu dandaʼu. Namoonni baayʼeen filannaa godhaniin kan kaʼe hirriba gaʼaa utuu hin rafin hafu. Taʼus, hirriba gaʼaa rafuuf filachuun kee jireenya kee siif fooyyessa.
BARSIIFATA MIIDHAA QABURRAA FAGAADHU
QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Wanta foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of haa qulqulleessinu.”—2 Qorontos 7:1.
MAAL JECHUUDHA? Wantoota kan akka tamboo jiraniin qaama keenya faaluurraa of qusachuun
keenya faayidaa guddaa nuuf argamsiisa; tamboon dhukkubaa fi duʼaaf sababa guddaa taʼuu isaatiin beekama.WANTA GOCHUU DANDEESSU: Guyyaa itti dhaabdu murteessi, achiis kaalaandarii keerratti mallattoo godhi. Guyyaa, guyyaa murteessite kana dura jirutti sijaaraa mana keessaa qabduu fi wantoota barsiifata miidhaa qabu kanaa wajjin wal qabatan kan biroo gati. Iddoo namoonni wanta barsiifata kanaa wajjin wal qabatu itti raawwatanirraa fagaadhu. Maatiin kee fi michoonni kee akka si deggeraniif murtoo kee kana isaanitti himi.
QAJEELFAMOOTA KITAABA QULQULLUU KAN BIROO
BALAAN AKKA HIN UUMAMNE OF EEGGADHU.
“Mana haaraa yommuu ijaartu, namni tokko achi irraa kufee manni kee dhiigaan akka itti gaafatamu akka hin gooneef, baaxii kee irratti ittisa tolchi.”—KEESSA DEEBII 22:8.
AARII KEE TOʼADHU.
“Namni dafee hin aarre hubannaa guddaa qaba, namni obsa hin qabne garuu gowwummaa isaa argisiisa.”—FAKKEENYA 14:29.
GARMALEE NYAACHUURRAA FAGAADHU.
‘Warra akka malee nyaatanii wajjin hin taʼin.’—FAKKEENYA 23:20.