Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQAA! Lakk. 4 2017 | Humna Kee Ol Hojjechaa Jirtaa?

Yeroo harʼaatti namoonni hedduun hamma hariiroon maatii isaanii balaadhaaf saaxilamuu fi mancaʼutti gar malee hojiin isaanitti baayʼata.

Karaa sirrii taʼeen yeroo keenyatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

Namni ogeessi tokko yeroo tokko akkana jedhee barreesseera: “Rakkinaan itti dadhabanii harka lama guutuu qabaachuu mannaa, gabiitti harka tokko guutuu qabaachuu wayya.”—Lallaba 4:6.

Barruun “Dammaqaa!” kun wanta dursa kennuufii qabnu ilaalchisee gorsa gaarii qabateera.

 

MATA DUREE FUULA JALQABAA

Humna Kee Ol Hojjechaa Jirtaa?

Namoonni baayʼeen wanta iddoo hojiittis taʼe manatti isaan irraa barbaadamuu guutuun isaanitti ulfaateera. Rakkoon kun kan uumamee maaliifi? Hambisuuf hoo maal gochuutu dandaʼama?

Simbirroo Dinqisiistuu Arkitiik Tarni Jedhamtu

Arkitiik Tarnoonni Arkitiikii kaʼanii hamma Antaarkitiikaatti dhaqaa gala gara kiilomeetira 35,200 akka balaliʼan yaadama ture. Taʼus, simbirri kun seenaa dinqisiisaa kan biraa qabdi.

“Badhaadhummaa Guddaa Irra, Maqaa Gaarii Wayya”

Maqaa gaarii fi kabaja namootaa argachuun ni dandaʼama. Garuu akkamitti?

MAATIIDHAAF

Yeroo Ijoolleen Guddatanii Manaa Baʼaan

Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko yommuu ijoolleen guddatanii mana baʼan rakkinni guddaan isaan qunnama. Haala rakkisaa kana damdamachuu kan dandaʼan akkamitti?

GAAFANNOO

Hayyuun Paatoloojii Sammuu Waaʼee Amantii Isaa Ibse

Piroofeesara Raajeesh Kaalaariyaan waaʼee hojii fi amantii isaa dubbate. Saayinsii fi jireenyi akkamitti akka dhufe akka qoratu kan isa kakaase maali dha?

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Qorumsa

Gaaʼelli diigamuun isaa, dhukkubni cimaanii fi qalbiin keenya nu ceephaʼuun isaa wantoota qorumsa nutti taʼan keessaa muraasa isaanii ti. Kiyyoo kanaan akka hin qabamneef maal gochuu dandeenya?

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Goraa Pooliyaa Halluu Cuquliisaa Qabu

Goraan kun halluu cuquliisaa muka kam irratti illee hin argamne qaba. Taʼus, uumamaan halluu kana hin qabu. Halluu dinqisiisaa akkasii kan qabaate akkamitti?

Wantoota garabiraa

Kitaabni Qulquluun Maatii Gammachuu Qabu Akkan Qabaadhu Na Gargaaruu Dandaʼaa?

Gorsawwan gaariin Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman maatii gammachuu qabu akka qabaatan gargaaraniiru.