Dubbii Nama Miidhu Dubbachuurraa Fagaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?
MAATIIDHAAF | GAAʼELA
Dubbii Nama Miidhu Dubbachuurraa Fagaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?
HAALA RAKKISAA
Hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin yeroo walitti buutan hundumaatti, jechoota gadhee walitti dubbattu. Gaaʼela keessan keessatti jecha nama miidhu dubbachuun baramaa waan taʼeef, yeroo waliin haasoftan hunda kan itti fayyadamtan taʼeera.
Gaaʼela keessan keessatti wanti akkasii yoo uumame, amala kana dhiisuu ni dandeessu. Dura garuu, kaʼumsasaafi jijjiirama gochuu kan qabdan maaliif akka taʼe beekuu qabdu.
SABABIINSAA MAALIDHA?
Maatii keessatti guddatan. Abbootiiniifi haadhotiin manaa hedduun, maatii dubbii nama miidhu dubbachuun baramaa itti taʼe keessatti kan guddatanidha. Hiriyaan gaaʼelaa inni tokko ykn lamaanuu, dubbii warrasaaniirraa dhagaʼanitti fayyadamaa jiru taʼa.
Dhiibbaa bohaartii. Qoosaawwan fiilmiifi televijiiniidhaan dhihaatan, jechoota gadheetti fayyadamanii waan nama kolfisiisaniif, namoonni wantoota kana daawwatan jechoonni kun miidhaa kan hin qabneefi kan nama bashannansiisan akka taʼan itti dhagaʼama.
Aadaa. Hawaasni tokko tokko, namoonni dhugumaan dhiira taʼan, kan nama hacuucan taʼuu akka qaban, dubartoonnimmoo dadhaboo akka hin fakkaannetti aariidhaan dubbachuu akka qaban barsiisu. Hiriyoonni gaaʼelaa ilaalcha akkasii qaban, yeroo walitti buʼiinsi uumamu akka hiriyaatti utuu hin taʼin akka diinaatti wal ilaaluudhaan, jechoota nama fayyisanitti utuu hin taʼin jechoota nama miidhanitti fayyadamu.
Sababiinsaa maaliyyuu yoo taʼe, dubbiin nama miidhu gara wal hiikuutti nama geessuufi dhibee fayyaa fiduu dandaʼa. Namoonni tokko tokko, arrabni ulee caalaa akka nama dhukkubsu dubbatu. Fakkeenyaaf, dubartiin abbaan manaashee arrabaanis taʼe uleedhaan ishee miidhu tokko, “Miidhaa qaamaa inni narra geessisu caalaa arrabsoosaa dandaʼuutu natti ulfaate. Wanta nama miidhu akkasii natti dubbachuu mannaa utuu na rukutee naa wayya ture” jetteetti.
Dubbii nama miidhuun walitti dhufeenya keessan balleessitaniittu yoo taʼe, maal gochuu dandeessu?
MAAL GOCHUU DANDEESSU?
Rakkina keessan waliif hubadhaa. Bakka hiriyaa gaaʼelaa keessanii of kaaʼuudhaan, dubbiin keessan akkamitti isa ykn ishee miidhuu akka dandaʼu yaadaa. Yoo dandaʼame, haala hiriyaan gaaʼelaa keessan dubbii keessaniin itti miidhamee ture tokkorratti yaadaa. Wanta dubbattanii turtanirratti hin xiyyeeffatinaa; isin yaaddessuu kan qabu, wanti dubbattan sun hiriyaa gaaʼelaa keessanitti miirri akkamii akka dhagaʼamu gochuusaati. Yeroo sanatti jechoota nama miidhan dubbachuu mannaa, dubbii gaarummaa akkamii dubbachuu akka dandeessan yaadaa! Macaafni Qulqulluun, “Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa; dubbiin jabaan garuu dheekkamsa in kaasa” jedha.—Fakkeenya 15:1.
Hiriyoota gaaʼelaa wal kabajan ilaalaa. Namoonni fakkeenya gadhee taʼan, akkaataa itti waliin haasoftanirratti dhiibbaa gadhee geessisaniiru yoo taʼe, namoota fakkeenya gaarii taʼan barbaadaa. Akkaataa hiriyoonni gaaʼelaa wal kabajan itti waliin haasaʼan dhagaʼaa.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Filiphisiiyus 3:17.
Miira wal fakkaataa lamaan keessan kanaan dura qabdan yaadadhaa. Dubbiin nama miidhu yeroo baayʼee maddisaa afaan utuu hin taʼin garaadha. Kanaafuu, waaʼee hiriyaa gaaʼelaa keessanii waan gaarii yaaduuf carraaqqii godhaa. Sochiiwwan lamaan keessan kanaan dura waliin gochaa turtan yaadadhaa. Suuraawwan kanaan dura kaatan ilaalaa. Yeroo sanatti wanti isin kolfisiise maal ture? Amalli akka wal jaallattan isin godhe isa kami?—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Luqaas 6:45.
Waaʼee ofii keessanii ibsaa. Hiriyaa gaaʼelaa keessan dubbiidhaan miidhuu mannaa, isin akkamitti akka miidhamtan dubbachuudhaan wanta isin yaaddesse ibsaa. Fakkeenyaaf, “Yeroo hunda utuu na hin mariisisin waan tokko gochuun amala keeti” jechuu mannaa, “Utuu na hin mariisisin wanta tokko ennaa gootu akkan tuffatame natti dhagaʼama” jechuun keessan, deebiin gaarii taʼe akka isiniif deebifamu gochuu dandaʼa.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Qolosaayis 4:6.
Yoom dhaabuu akka qabdan beekaa. Aariin ittuma dabalaa, dubbiinis toʼannaadhaan ala taʼaa yoo deeme, dhimma sanarratti yeroo kan biraa haasaʼuuf murteessuun gaarii taʼuu dandaʼa. Yeroo baayʼee hamma tasgabbiidhaan mariʼachuun dandaʼamutti falmii guddaa dhiisanii deemuun dogoggora hin qabu.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 17:14, NW.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 5rra jiru]
Dubbiin nama miidhu yeroo baayʼee maddisaa afaan utuu hin taʼin garaadha
[Saanduqa fuula 5rra jiru]
CAQASOOTA IJOO TAʼAN
“Abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in taʼaaf.”—Efesoon 5:28.
“Haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!”—Efesoon 5:33.
‘Wacniifi maqaa wal balleessuun hundinuu isinirraa haa fagaatu!’—Efesoon 4:31.
[Saanduqa fuula 5rra jiru]
“MAQAA WAL BALLEESSUUN” MAALIDHA?
Macaafni Qulqulluun, ‘Wacniifi maqaa wal balleessuun hundinuu isinirraa haa fagaatu!’ jedha. (Efesoon 4:31) Phaawulos “maqaa wal balleessuu” fi ‘waca’ addaan baasee kan ibse maaliifi? Jechi ‘waca’ (afaan Giriikiitiin, kiraavii) jedhamee hiikame, sagalee ol kaasuu kan argisiisudha. Karaa gara biraatiinimmoo, “maqaa wal balleessuu” (afaan Giriikiitiin, bilaasfeemiyaa) jechuun, dhaamsa dubbiin sun qabate kan argisiisudha. Kana jechuun, maqaa wal balleessuun dirqama sagalee ol kaasuu kan gaafatu miti jechuudha. Dubbii hamaan, tuffiin ykn arrabsoon, sagalee xinnoodhaan yoo dubbatamellee, maqaa balleessuudha.