Yakkarraa Of Eegi!
Yakkarraa Of Eegi!
“Yeroo baayʼee galgala galgala gara manaa ennaan deemu, hiriyoonnikoo na geggeessu turan. Gaaf tokko garuu, baayʼee waanan dadhabeef taaksiidhaan deemuufan murteesse.
“Shufeerichi manakootti na geessuu mannaa, hurufatti na geessee na gudeeduuf yaale. Hamman dandaʼe sagalee ol kaasee yommuun iyyu narraa fagaate. Deebiʼee natti dhufnaanis, iyyeen fiige.
“Kanaan dura, ‘Iyyuun akkamitti nama gargaaruu dandaʼa?’ jedheen yaada ture. Amma garuu akka nama gargaaru hubadheera!”—KAARAN. *
BIYYOOTA hedduutti yakki wanta baramedha. Fakkeenyaaf, biyya tokko keessatti abbaan alangaa tokko, “Oolee bulee eenyuyyuu yakki kan irratti raawwatamu taʼuunsaa nama gaddisiisa” jedheera. Iddoowwan kaanittimmoo yakki baramaa miti taʼa. Taʼus shakkuu dhiisuun balaadhaaf waan nama saaxiluuf, gama kanaan of eeggannoo gochuun barbaachisaadha.
Kan jiraattu naannoo yakki itti baayʼatus taʼe yakki itti xinnaatu keessa, atiifi namoonni jaallattu nagaadhaan akka jiraattan gochuu kan dandeessu akkamitti? Tarkaanfii gaariin fudhachuu dandeessu inni tokko, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu isa, “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata, namni wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas” jedhu hojiirra oolchuudha. (Fakkeenya 22:3) Poolisoonnis yakki akka nurra hin geenye of eeggannoo gochuun barbaachisaa taʼuusaa dubbatu.
Yakki hubaatii kan geessisu qaamaafi qabeenyarratti qofa miti. Namoonni yakki irratti raawwatame hedduun, sammuufi miirrisaaniis akkuma miidhametti hafa. Kanaafuu, karaa sirrii taʼeen wanta dandeenyu gochuudhaan nageenya keenya eeguu qabna! Kana galmaan gaʼuuf, yakkawwan kanneen akka saamichaarraa, miidhaa saalaarraa, yakka karaa Intarneetii raawwatamuufi hanna eenyummaarraa of eeguuf tarkaanfii garaagaraa fudhachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaali.
SAAMICHA
Maalidha? Saamichi, hanna humnaan ykn sossodaachisuudhaan raawwatamudha.
Namootarratti dhiibbaa akkamii geessisa? Biritaaniyaatti saamtonni meeshaa waraanaa hidhatan saamicha hedduu erga raawwatanii booda, abukaatoon tokko, namoonni yakki kun irratti raawwatame miidhaan qaamaa isaanirra gaʼuu baatus, hundasaaniirra dhiphinni sammuu akka gaʼe hubatteetti. Abukaatoon kun, “Baayʼeensaanii, yeroo dheeraadhaaf dhiphachaafi hirriba dhabaa akka jiran, hundisaanii wanti isaanirra gaʼe, guyyaa hojiidhaan dabarsanirratti dhiibbaa gadhee akka geessises gabaasaniiru” jetteetti.
Maal gochuu dandeessa?
• Dammaqaa taʼi. Hattoonni haala mijaaʼaa kan barbaadan siʼa taʼu namoota hin shakkine adamsu. Kanaaf, namoota si ilaalan ilaali; haala naannookee hubadhu; garmalee dhuguudhaan ykn qoricha sammuu hadoochu fudhachuudhaan miirakee akka hin hadoochineefi dandeettii hubannaakee akka hin dadhabsine of eeggadhu. Insaayikilooppeediyaan waaʼee fayyaa dubbatu tokko, “Namni tokko dhugaatii alkoolii yoo dhuge ykn qoricha sammuu hadoochu yoo fudhate, sirriitti yaaduufi haala balaa geessisu hubachuu dadhaba” jedha.
• Miʼakee sirriitti eeggadhu. Konkolaataakee, akkasumas balbalaafi foddaa manakeetii sirriitti eeggadhu. Nama hin beekne manatti hin simatin. Miʼawwan gati jabeessa taʼan fuullee hin kaaʼin; argisiifachuufis hin yaalin. Fakkeenyi 11:2, “Yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa” jedha. Ijoollee naamusa hin qabne dabalatee, hattoonni yeroo baayʼee namoota faaya gati jabeessaafi meeshaalee elektirooniksiisaanii argisiifatan adamsu.
• Gorsa gaafadhu. “Nama gowwaatti karaan ofii isaatii qajeelaa in fakkaata, namni ogeessi garuu gorsa in dhagaʼa.” (Fakkeenya 12:15) Karaa deemaa jirta yoo taʼe, namoota aangoo qaban dabalatee, gorsa namoonni naannichaa amanamoo taʼan sii kennan dhagaʼi. Karaa irra deemuu hin qabne sitti argisiisuufi ofii keetiifis taʼe qabeenya keetiif akkamitti eegumsa gochuu akka qabdu sitti himuu dandaʼu.
MIIDHAA SAALAA
Maalidha? Miidhaan saalaa gudeeduu qofa utuu hin taʼin, gocha saalqunnamtii wajjin wal qabate kamiyyuu akka raawwatu nama tokko dirqisiisuu ykn sossodaachisuu dabalata.
Namootarratti dhiibbaa akkamii geessisa? Dubartiin gudeedamte turte tokko akkas jetteetti: ‘Kan nama gaddisiisu kan miidhamtan yeroo wanti akkasii isinirra gaʼetti qofa miti; miidhaansaa yeroo dheeraadhaaf kan hin irraanfatamne siʼa taʼu, ilaalcha jireenyaaf qabdanirrattis jijjiirama ni fida. Jireenya namoota jaallataniis ni jijjiira.’ Namni miidhame sun balleessaa akka hin qabne beekamaadha. Kan itti gaafatamu isa miidhaa geessisedha.
Maal gochuu dandeessa?
• Miirakee dhaggeeffadhu. Qajeelchi poolisii Kaarolaayinaa Kaabaa, Yunaayitid Isteetisitti argamu, “Iddoo taʼe tokko ykn nama taʼe tokkoo wajjin taʼuun yoo isin dhiphise bakka sanaa ykn namicha dhiisaa adeemaa” jedheera.
• Ofitti amanannaa qabaadhu; dammaqaa taʼi. Namoonni miidhaa saalaa geessisuu barbaadan, warra hin shakkineefi of hin eegganne adamsu. Kanaafuu, ofitti amanannaadhaan deemi, dammaqaa taʼi.
• Dafii tarkaanfii fudhadhu. Iyyi. (Keessa Deebii 22:25-27) Fiigii baqadhu ykn mala namni sun hin yaannetti fayyadamuudhaan ofirraa ittisuuf yaali. Dandaʼamnaanimmoo bakka nagaa qabutti fiigiitii poolisii waammadhu. *
YAKKA INTARNEETIIDHAAN RAAWWATAMU
Maalfaa dabalata? Yakki kun, Karaa Intarneetii qaraxaafi qabeenya saamuu, faayidaa tokko tokko argachuuf jecha mootummaa gowwoomsuu, kireediit kaardii hatametti fayyadamuufi miʼa qarshiin itti kaffalame warra bitateef geessuu dhiisuu kan dabalatudha. Kana malees, gowwoomsaa Intarneetiidhaan raawwatamu, akkasumas invastimantiifi caalbaasii wajjin wal qabate ni dabalata.
Namootarratti dhiibbaa akkamii geessisa? Yakki intarneetiidhaan raawwatamu, nama miidhame sanas taʼe guutummaa hawaasaarratti kasaaraa doolaara biliyoona hedduutti lakkaaʼamu geessisa. Fakkeenya tokko ilaali. Saandiraan, iimeeliidhaan ergaan tokko kan ishee gaʼe siʼa taʼu, ergaan sun mana baankii isheen itti fayyadamturraa kan ishee gaʼeefi waaʼeeshee ibsa barbaachisaa taʼe akka kennitu kan ishee gaafatu itti fakkaatee ture. Odeeffannoo waaʼeeshee ibsu ergitee daqiiqaa muraasa booda, qarshiishee keessaa doolaarri Ameerikaa 4,000 gara baankii biyya alaatti akka dabarfame ennaa hubattu ni naate. Saandiraan utuu baayʼee hin turin akka gowwoomfamte hubatte.
Maal gochuu dandeessa?
• Dammaqaa taʼi! Weeb saayitoota seera qabeessa fakkaatanii dhihaataniin akka hin gowwoomfamne of eeggadhu. Dhaabbileen maallaqaa seera qabeessa taʼan odeeffannoo iccitii qabate iimeeliidhaan akka ergituuf si hin gaafatan. Intarneetiidhaan waa bituu ykn baasii baasuukee dura, dhaabbatichi amanamaa taʼuusaa mirkaneeffadhu. Fakkeenyi 14:15, “Namni wallaalaan dubbii hundumaa amana, namni hubataan garuu lafa dhaqu in ilaallata” jedha. Akkasumas, dhaabbata biyya alaa wajjin yommuu walii galtee gootu of eeggannoo godhi. Dhaabbatichi biyya garabiraatti kan argamu yoo taʼe rakkina uumameef furmaata argamsiisuun ulfaataa taʼuu dandaʼa.
• Dhaabbatichaafi imaammatasaa qoradhu. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Teessoon dhaabbatichaa eessadha? Lakkoofsi bilbilaasaa sirriidhaa? Kaffaltiin raawwadhe gatii ramadame caalaa akkan baasu kan gaafatudhaa? Wantin ajajadhe yoom naa dhufa? Miʼicha hin barbaadu yoon taʼe qarshiinkoo naaf deebiʼaa?’
• Wanta tokko ilaalchisee yaada arbeeffamee odeeffamu shakki. Adda durummaadhaan hanna karaa Intarneetii raawwatamuuf kan saaxilaman, namoota sassatoo taʼaniifi dadhabbii tokko malee waa argachuu barbaadanidha. Hanni kun hojii xinnoo hojjetanii qarshii baayʼee argachuu, ulaagaasaa utuu hin guutin liqii guddaa ykn kireediit kaardii fudhachuu ykn qarshii xinnoo baasuudhaan galii guddaa argachuufi wantoota kana fakkaatan dabalatee afeerrii nama hawwatu hedduu dhiheessuu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Koomishiniin Daldala Fedaraalaa Yunaayitid Isteetis akkas jedheera: “Afeerrii hojii tokkotti akka galtu sii dhihaatu yeroo fudhadhuutii irratti xiinxali. Buʼaa guddaa akka argannu abdiin yeroo nuu kennamutti hammasumammoo gowwoomfamuu dandeenya. Hojiin tokko seera qabeessa taʼuusaa utuu hin mirkaneeffatin, namoonni hojichatti akka galtu dhiibbaa akka sirratti godhan hin heyyamin.”
HANNA EENYUMMAA
Maalidha? Hanni eenyummaa, gowwoomsuuf ykn yakka garabiraa raawwachuuf, odeeffannoo waaʼee nama tokkoo ibsu karaa seeraan ala taʼeen argachuufi itti fayyadamuu dabalata.
Namootarratti dhiibbaa akkamii geessisa? Hattoonni, kireediit kaardii ykn liqii argachuuf ykn herrega baankii haaraa banachuuf eenyummaa keetti fayyadamuu dandaʼu. Achiis idaa guddaan akka sirra tuulamu godhu. Yeroo booda idaan sirra jiru yoo sii dhiifamellee, waggoota baayʼeedhaaf maqaa gadhee qabaachuu dandeessa. Namni yakki akkasii irratti raawwatame tokko, “Haalli kun wantoota hedduurratti dhiibbaa guddaa waan geessisuuf, qarshiinkee hatamuusaa caalaa miidhaa kan sirratti geessisu gama qarshii itti qabduun maqaa gadhee qabaachuukeeti” jedheera.
Maal gochuu dandeessa?
• Oddeeffannoon dhoksuu barbaaddu akka hin baane of eegadhu. Tajaajila baankii argachuuf ykn miʼa bituuf ennaa Intarneetiitti fayyadamtu, keessattuu kompiitara alaatti kan fayyadamtu yoo taʼe paaswardiikee yeroo hunda jijjiiri. Akkasumas akkuma olitti caqasame ergaan odeeffannoo dhuunfaakee si gaafatu yoo si gaʼe shakkii guddaa qabaadhu.
Namoonni eenyummaa hatan kompiitara qofatti hin fayyadaman. Dabtara baankii, cheekii, kireediit kaardiifi lakkoofsawwan tajaajila hawaasaa dabalatee, dookmantii barbaachisaa taʼe kamiyyuu harkatti galfachuuf waan dandaʼan hunda godhu. Kanaaf, wantoota kana bakka gaarii kaaʼi; dookmantiiwwan iccitii taʼan hunda gatuukee dura tatarsaasi. Dookmantiin tokko akka bade ykn akka hatame yoo shakkite dafiitii gabaasa godhi.
• Herregawwankee tooʼaadhu. Koomishiniin Daldala Fedaraalaa Yunaayitid Isteetis, ‘Warra eenyummaa hatanirraa of eeguuf dammaqoo taʼuun baayʼee barbaachisaadha. Eenyummaan akkamitti akka hatamu dursanii beekuun jijjiirama guddaa fida’ jedheera. Kanaaf, herregakee yeroo hunda toʼadhu; qarshiin haala ati hin beekneen baʼe yoo jiraates ilaali. Dandaʼamnaan, dhaabbata maqaa gaarii qaburraa ibsa herregaa kireediit kaardiikee gaafadhu; ibsi herregaa sun sirrii taʼuusaas of eeggannoodhaan qori.
Addunyaa kana keessatti wanti amansiisaa taʼe hin jiru. Namoonni baayʼee of eeggatanillee yakki isaanirratti raawwatama. Kun taʼuunsaa yeroo hunda ogummaafi hubannaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu hordofuun faayidaa akka argamsiisu ibsa. “Ogummaan si golgitii ishee hin dhiisin, si eegdiitii ishee jaalladhu!” (Fakkeenya 4:6) Hunda caalaammoo, Macaafni Qulqulluun yeroon yakki itti hin jiraanne akka dhufu abdii kenna.
Yakki Dhiheenyatti Ni Bada
Waaqayyo yakka akka balleessu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? Haalawwan armaan gadii ilaali:
• Waaqayyo yakka balleessuu barbaada. “Ani Waaqayyo, ‘Firdii qajeelaa nan jaalladha, saamichaa fi jalʼina garuu nan jibba.’”—Isaayaas 61:8.
• Yakka balleessuuf humna qaba. “Inni humnaa fi wanta qajeelaadhaan ol ol jedhaa dha; baayʼina qajeelummaa isaatiinis namoota gad hin qabu.”—Iyoob 37:23.
• Hamoota balleessuufi qajeelota oolchuuf abdachiiseera. “Warri jalʼoonni lafa irraa in balleeffamu.” “Toloonni lafandhaalu isarras barabaraan in jiraatu.”—Faarfannaa 37:9, 29, hiika bara 1899.
• Namoota isaaf amanamoo taʼaniif addunyaa naga qabeessa akka fidu abdachiiseera. “Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu, [‘in dhaalu,’ hiika bara 1899] isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.”—Faarfannaa 37:11.
Jechoonni kun garaakee tuqaniiruu? Taanaan, Macaafa Qulqulluu qorachuudhaan kaayyoo Waaqayyo namootaaf qabu caalaatti beekuuf yeroo ramadi. Kitaabni ogummaa faayida qabeessa taʼe qabate akkasii hin jiru. Kitaabni dhiheenyatti yakki akka badu abdii dhugaa kennu kan biraanis hin jiru. *
[Miiljaleewwan]
^ key. 4 Maqaawwan jijjiiramaniiru.
^ key. 21 Namoonni miidhaa saalaa geessisan hedduun, eenyurratti miidhaa akka geessisan beeku. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaafi—Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Dandaʼan jedhamu Jildii 1, fuula 228rraa mataduree, “Namoota Miidhaa Saalaa Geessisanirraa Of Eeguu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” (Ingiliffa) jedhu ilaali. Kitaaba kana Weeb saayitii www.mt1130.com jedhamurraa argachuun ni dandaʼama.
^ key. 43 Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamurraa, barumsawwan Macaafa Qulqulluu gurguddaa taʼanirratti odeeffannoo dabalataa argachuu dandeessa. Kitaaba kana Dhugaa Baatota Yihowaarraa kaffaltii malee argachuu ykn Weeb saayitii www.mt1130.com jedhamurraa dubbisuu ni dandeessa.
Hattoonni haala mijaaʼaa barbaadu; haala naannookee jiru hubadhu
Waaqayyo addunyaa haaraa naga qabeessa taʼeefi yakkarraa walaba taʼe akka fidu abdachiiseera