Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Addunyaa Mararraa

Addunyaa Mararraa

Xaaliyaanii

Bara 2011 Xaaliyaaniitti gurgurtaan biskileetii isa kan konkolaataarra caalee ture. Wantoota kanaaf sababa taʼan keessaa tokko tokko kufaatii dinagdee, gatiin bobaʼaafi konkolaataa suphuuf baʼu dabaluusaati. Karaa garabiraammoo baasiin biskileetii suphuuf baʼu muraasa taʼuusaarrayyuu itti fayyadamuuf mijataafi salphaadha.

Armeeniyaa

Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa, mootummaan Armeeniyaa mirga dargaggoota Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan 17 waan dhiibeef murtoo irratti dabarseera. Dargaggoonni kun, hojii dhaabbanni humna waraanaa olaantummaadhaan toʼatu hojjechuu waan didaniif hidhamanii turan. Kanaaf, mootummaan Armeeniyaa dargaggoota 17⁠n kanaaf beenyaafi dhimma kanaa wajjin haala wal qabateen baasii isaan baasan akka kaffalu itti murteeffameera.

Jaappaan

Ijoollee Weeb saayitii hawaasaatti fayyadamuudhaan miidhaan isaanirra gaʼe keessaa harki 63, balaa isaan mudachuu dandaʼu ilaalchisee warrisaanii akeekkachiisa hin kennineef. Qorannaan yakkawwan 599 raawwatamanirratti godhame akka ibsutti, namoota yakka kana akka raawwatan shakkaman keessaa harki 74, Weeb saayitoota kanatti kan fayyadaman ijoollee xixinnoo wajjin saalqunnamtii raawwachuuf akka taʼe dubbataniiru.

Chaayinaa

Magaalonni tokko tokko rakkina tiraafiikii daandiirratti uumamu hirʼisuuf heyyama konkolaattota haaraadhaaf kennamu daangessaniiru. Beejiingitti konkolaattonni waggaatti heyyama argatan 240,000 akka hin caalle murteessaniiru. Hagayya 2012⁠tti namoota 1,050,000 heyyama argachuuf galmeeffaman keessaa kan argatan 19,926 turan. Namoota iyyata galchatan 53 keessaa carraan kan baʼeef nama 1 qofadha jechuudha.