Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Dhiphina Sammuu

Dhiphina Sammuu

Dhiphinni sammuu maalidha?

“Ani goophaʼee, raawwadhees walittan cabe, guyyaa guutuus booʼaa nan naannaʼa.”​—Faarfannaa 38:6.

QORATTOONNI MAAL JEDHU?

Namoonni hundi yeroo tokko tokko kan gaddan siʼa taʼu, namoonni dhiphina sammuutiin qabaman garuu miirri kun yeroo dheeraadhaaf waan isaanirra turuuf, jireenyasaaniirratti dhiibbaa geessisuu dandaʼa. Haataʼu malee, gaddi maal akka taʼeefi dhiphinni sammuu maal akka taʼe ilaalchisee hayyoonni yaada walii galaa akka hin qabne hubachuun barbaachisaadha. Taʼus, namoonni tokko tokko yeroo taʼe tokkotti gatii akka hin qabneefi balleessaa akka qaban isaanitti dhagaʼamuu akka dandaʼu hubachuun keenya gaariidha.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Macaafni Qulqulluun dhiironniifi dubartoonni gaddi guddaan itti dhagaʼamee ture hedduun akka jiran ibsa. Fakkeenyaaf, Haannaan “garaasheetti gadda guddaa gadditee” turte. Yaanni kun ‘garaanshee cabee ture’ akkasumas ‘dhiphina cimaatu itti dhagaʼame’ jedhamees hiikamuu dandaʼa. (1 Saamuʼel 1:10) Eliyaas raajichi yeroo taʼe tokkotti baayʼee dhiphatee waan tureef Waaqayyo akka isa ajjeesu kadhatee ture.​—1 Mootota 19:4.

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, ‘lubbuu dhiphate akka jajjabeessan’ gorfamanii turan. (1 Tasaloniiqee 5:14, NW) Kitaabni tokko akka ibsetti, yaanni ‘lubbuu dhiphate’ jedhu namoota “yeroo muraasaaf dhiphina jireenyaatiin hubaman” argisiisuu dandaʼa. Kanaaf dhiironniifi dubartoonni amanamoon bara durii turan yeroo taʼe tokkotti dhiphinni cimaan isaanitti dhagaʼamee akka ture hubachuun ni dandaʼama.

Namoonni kan dhiphatan balleessaa mataasaaniitiinidhaa?

“Uumamni hundinuu hamma ammaatti akka aaduu fi akka ciniinsifatu in beekna.”​—Roomaa 8:22.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Macaafni Qulqulluun, dhibeen kan dhufe Addaamiifi Hewwaan abboomamuu diduusaaniitiin akka taʼe barsiisa. Fakkeenyaaf, Faarfannaan 51:5, “Haati koo isheen garaatti na baatte iyyuu cubbamtuu turte, anis yakkaa taʼee nan dhaladhe” jedha. Roomaan 5:12⁠mmoo, “Cubbuun karaa nama tokkoo [Addaam isa nama jalqabaa] biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal gaʼe” jedha. Hundi keenya Addaamirraa cubbuu waan dhaalleef, miidhaan qaamaas taʼe miiraa nu mudachuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun, ‘Uumamni hundinuu hamma ammaatti kan aaduu fi kan ciniinsifatu’ sababii kanaaf akka taʼe dubbata. (Roomaa 8:22) Haataʼu malee Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo wanta ogeessi fayyaa tokkoyyuu gochuu hin dandeenye, jechuunis addunyaa haaraa keessatti dhiphina dabalatee dhibee hunda akka balleessus ni dubbata.​—Mulʼata 21:4.

Rakkina dhiphinni sammuu geessisu moʼuu kan dandeessu akkamitti?

“Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaaʼes in fayyisa.”​—Faarfannaa 34:18.

WAAʼEE KANAA KAASUUN MAALIIF BARBAACHISE?

Haalakee yeroo hundumaa toʼachuu waan hin dandeenyeef, yeroo taʼe tokkotti wanta taʼe tokkoon akka miidhamtu beekamaadha. (Lallaba 9:11, 12) Haataʼu malee, miira hin taaneen akka hin moʼamnetti tarkaanfiin fudhachuu dandeessu jira.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Macaafni Qulqulluun, namoonni dhukkubsatan ogeessi fayyaa akka isaan barbaachisu dubbata. (Luqaas 5:31) Kanaaf, dhibee miiraa cimaa taʼe qabda taanaan, yaalii fayyaa argachuuf carraaqqii gochuunkee barbaachisaadha. Macaafni Qulqulluun kadhannaan gama kanaan faayidaa guddaa akka qabu ibsa. Fakkeenyaaf, Faarfannaan 55:22, “Wanta yaada sitti taʼu Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa! Namni qajeelaan raawwatee akka hin mittiqne in godha” jedha. Kadhannaan karaa itti Yihowaa isa “warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo” taʼee wajjin dubbannudha malee, meeshaa dhibee keenyarraa fooyyaʼuuf nu gargaaru miti.​—Faarfannaa 34:18.

Miira sitti dhagaʼamu nama itti siqxutti himuunkees faayidaa qabaachuu dandaʼa. (Fakkeenya 17:17) Daaniyeelaa isheen Dhugaa Baatuu Yihowaa taate akkas jetteetti: “Namni hidhata amantiikoo taʼe tokko waaʼee dhiphina sammuukootii akkan itti himu gaarummaadhaan na gaafate. Waggoota hedduudhaaf waaʼee kanaa dubbachuurraa baqachaa kanan ture taʼus, dubbachuunkoo barbaachisaa taʼuusaa yeroo sanaa asitti hubadheera. Sana booda boqonnaan akka natti dhagaʼame yommuun hubadhe baayʼeen dinqisiifadhe.”