Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFANNOO | ANTOONIYOO DEELAA GAATAA

Sababii Qeesiin Tokko Amantii Isaa Itti Dhiise

Sababii Qeesiin Tokko Amantii Isaa Itti Dhiise

ANTOONIYOO DEELAA GAATAAN Roomaa keessatti waggaa sagaliif erga baratee booda bara 1969tti qeesii taʼee muudame. Yeroo booda, mana barumsaa amantii Neeppilsi, Xaaliyaanitti argamutti itti gaafatamaa taʼee tajaajileera. Yeroo achi turetti, qorannoo hedduu erga godhe, akkasumas yeroo fudhatee erga irratti xiinxalee booda, amantiin Kaatolikii Macaafa Qulqulluu irratti kan hin hundoofne akka taʼe mirkaneeffate. Carraaqqiin Waaqayyoon argachuuf godhe maal akka fakkaatu Dammaqaatti! himeera.

Mee waaʼee yeroo ijoollummaa keetii nutti himi.

Bara 1943tti Xaaliyaanii keessattan dhaladhe. Obbolootaa fi obboleettota koo wajjin mandara xinnoo tokko keessatti guddanne; abbaan koo mandara kana keessatti hojii qonnaa fi hojii mukaa hojjeta ture. Warri keenya amantii Kaatolikii akka gaariitti nu barsiisaniiru.

Qeesii taʼuu kan barbaadde maaliifi?

Ijoollummaa kootti, waldaa keessatti qeesota dhaggeeffachuun natti tola ture. Sagaleen isaanii fi sirni hawwataan isaan raawwatan na gammachiisa ture. Kanaan kan kaʼe qeesii taʼuun hawwe. Yeroon mucaa waggaa 13 turetti, haati koo mana barumsaa keessa bulamuu fi barumsa qeesummaa olaanaatiif dhiirota xixinnoo qopheessutti na galchite.

Leenjiin fudhattu Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan dabalatu turee?

Hin dabalatu jechuun ni dandaʼama. Yeroo umuriin koo waggaa 15 turetti, barsiisaan koo tokko kitaaba Wangeelaa isa waaʼee jireenyaa fi tajaajila Yesus dubbatu kan naa kenne siʼa taʼu, kitaabicha irra deddeebiʼeen dubbise. Umurii koo waggaa 18tti, yunivarsiitii barumsa phaaphaasummaa barsiisutti barachuuf gara Roomaan dhaqe; yunivarsiitii kana kan geggeessu phaaphaasicha ture. Afaan Laatiinii fi Giriikii, seenaa, falaasama, xinsammuu fi barumsa amantii baradheera. Caqasoota Macaafa Qulqulluu yaadatti qabannee irra deddeebinee kan dubbannuu fi lallaba Dilbataa irratti yeroo Macaafni Qulqulluun dubbifamu kan dhageenyu taʼus, Macaafa Qulqulluu sirriitti hin qayyabannu turre.

Sana booda itti gaafatamaa mana barumsichaa taate. Kun barsiisuus ni dabalata turee?

Hojiin koo inni guddaan geggeessuu ture. Haa taʼu malee, barumsa labsiiwwan Mana Maree Vaatikaan Isa Lammaffaa irratti baʼanii wajjin wal qabatus nan barsiisan ture.

Amanticha shakkuu kan jalqabde maaliifi?

Wantoonni sadii gaaffii natti uumu turan. Waldichi siyaasa keessa ni gala ture. Geggeessitoonnii fi hordoftoonni amantichaa amala gadhee argisiisan tarkaanfiin isaan irratti hin fudhatamu. Akkasumas, barsiisawwan Kaatolikii tokko tokko sirrii natti hin fakkaatan ture. Fakkeenyaaf, Waaqni jaalala qabeessa taʼe duʼa booda bara baraaf akkamitti namoota adaba? Kana malees, dhuguma Waaqayyo calleetti fayyadamuudhaan yeroo dhibbaan lakkaaʼamuuf kadhannaawwan irra deddeebinee akka kadhannu barbaadaa? *

Maal goote ree?

Qajeelfama argachuuf imimmaan koo dhangalaasaan kadhannaa dhiheesse. Akkasumas, Macaafa Qulqulluu Kaatolikii Jerusaalem Baayibil jedhamu isa yeroo sanatti reefuu Afaan Xaaliyaaniitiin qophaaʼe bitadheen dubbisuu jalqabe. Gaaf tokko Dilbata ganama Qiddaasee booda uffata qeesii uffadhee ture of irraa baasee fannisaa utuun jiruu dhiironni lama gara mana barumsichaa dhufan. Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu isaanii natti himan. Saʼaatii tokkoo oliif waaʼee Macaafa Qulqulluu fi wanta inni mallattoowwan amantii dhugaa ilaalchisee dubbatu irratti mariʼanne.

Namoota sana ilaalchisee maaltu si hawwate?

Amantiin wanta dubbatan irratti qabanii fi akkaataan isaan Macaafa Qulqulluu Kaatolikii irraa salphaatti caqasa itti baasan na dinqisiisee ture. Yeroo booda, Dhugaa Baatuun kan biraa Maariyoo jedhamu na mariisisuu jalqabe. Obsa qabeessaa fi amanamaa ture; Sanbadduraa ganama saʼaatii sadiitti rooba dha aduu dha utuu hin jedhin na bira dhufa ture.

Marii isaa wajjin gootu ilaalchisee qeesonni kaan maal jedhu turan?

Marii keenya irratti akka argaman isaan afeereen ture; garuu tokkoon isaanii iyyuu Macaafa Qulqulluu seeraan qayyabachuu hin jalqabne. Ani garuu marii keenyatti gammadeen ture. Sababa Waaqayyo hamminnii fi rakkinni akka jiraatu itti heyyamee fi gaaffii natti taʼaa ture dabalatee waan baayʼeen baradhe.

Hoggantoonni kee Macaafa Qulqulluu qayyabachuu akka dhiistu si hin gorsinee?

Bara 1975tti, ilaalcha koo ibsuuf yeroo garaa garaa Roomaa dhaqeera. Hoggantoonni koo ilaalcha koo jijjiiruuf yaalanii kan turan taʼus, tokkoon isaanii iyyuu Macaafa Qulqulluutti hin fayyadamne. Dhuma irratti, Amajjii 9, 1976tti, xalayaa kana booda amantii Kaatolikii akkan hin hordofne ibsun Roomaatti barreesse. Guyyaa lama booda, mana barumsichaa dhiiseen walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti yeroo jalqabaatiif argamuuf baabura yaabbadhee deeme; akka tasaa taʼee, walgaʼiin kun walgaʼii guddaa gumiiwwan hedduun irratti argaman ture. Wanti hundumtuu wantan ani beeku irraa baayʼee adda ture! Dhugaa Baatonni hundumtuu Macaafa Qulqulluu kan qaban yommuu taʼu, yeroo mata duree garaa garaa irratti haasaan kennamu caqasa baasanii hordofu turan.

Maatii keetti maaltu dhagaʼame?

Baayʼeen isaanii gar malee na morman. Booda garuu obboleessi koo tokko Lombaardii ishee kaaba Xaaliyaaniitti argamtu keessatti Dhugaa Baatotaa wajjin qayyabachaa akka jirun beeke. Isa gaafachuun dhaqe; achiis, Dhugaa Baatonni achi jiran achitti hojii fi bakka jireenyaa akkan argadhu na gargaaran. Wagguma sana keessa yeroo booda Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼeen cuuphame.

Amma dhuguma Waaqayyotti akkan dhihaadhe natti dhagaʼama

Wanti itti gaabbitu jiraa?

Matumaa! Waaʼee Waaqayyoo wantin beeku falaasama ykn duudhaa waldaa irratti utuu hin taʼin Macaafa Qulqulluu irratti kan hundaaʼe waan taʼeef, amma dhuguma Waaqayyotti akkan dhihaadhe natti dhagaʼama. Kana malees, karaa akkan itti amanu argisiisuunii fi garaa guutuudhaan namoota barsiisuu nan dandaʼa.

^ key. 13 TMacaafni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaa fi kan biraa hedduudhaaf deebii ifa taʼe ni kenna. Odeeffannoo dabalataa argachuuf Weeb saayitii jw.org jedhamu ilaali. (Amaariffaan ni argama. የመጽሐፍ ቅዱስ ትምህርቶች > የመጽሐፍ ቅዱስ ጥያቄዎችና መልሶቻቸው kan jedhu jalaa ilaali.)