Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Birooshurri Dubbisuu Fi Barreessuu Barachuuf Carraaqqii Godhi jedhamuu fi gama kanaan nama gargaaruu dandaʼu afaan 100 oliin koppiin miliyoona hedduudhaan lakkaaʼamu maxxanfameera

Barumsa Kitaaba Qulqulluu Dubbisuu fi Barreessuu Jajjabeessu

Barumsa Kitaaba Qulqulluu Dubbisuu fi Barreessuu Jajjabeessu

“Dubbisuu fi barreessuun mirga namummaa humna namootaa ittiin cimsan, karaa hawaasummaa fi humni uummataa ittiin guddatu dha.”—YUUNESKOO. *

GABAASNI akka argisiisutti addunyaa maratti, namoonni miliyoona 700 ol taʼan kan umuriin isaanii waggaa 15 fi isaa ol taʼan dubbisuu fi barreessuu hin dandaʼan. Kanaaf, barumsawwan naamusaa fi hafuuraa gaggaarii Kitaaba Qulqulluu keessatti “nu barsiisuuf caafaman” dabalatee, beekumsa addunyaa balʼaa taʼe qoruu hin dandaʼan. (Roomaa 15:4) Kanaan kan kaʼes, biyyoota hedduutti Dhugaa Baatonni Yihowaa sagantaa barumsa Kitaaba Qulqulluu kennanii wajjin leenjii dubbisuu fi barreessuu ni kennu; barumsawwan kana hundas kaffaltii malee barsiisu. Maarree sagantaan kun buʼa qabeessa taʼeeraa?

Mee akka fakkeenyaatti hojii Dhugaa Baatota Yihowaa Meksiikoo biyya afaan Ispaanishii balʼinaan itti dubbatamu keessatti hojjetamu haa ilaallu. Bara 1946 jalqabee Dhugaa Baatonni Meeksikoo namoonni 152,000 ol taʼan dubbisuu fi barreessuu akka baratan kan gargaaran siʼa taʼu, barattoota sana keessaa hedduun isaanii yeroo booda barsiisota taʼaniiru. Mootummaan biyya sanaa Dhugaa Baatotaaf hojii isaanii dinqisiifachuudhaan xalayaa hedduu isaaniif ergeera. Xalayaawwan sana keessaa tokko akkas jedha: “Boordiin Waliigala Barumsaa kun gumaacha isin Sagantaa Gaʼeessota Barsiisuu irratti gootaniif beekamtii isinii kenna, akkasumas guddaa isin dinqisiifata.”

Ijoolleenis taʼe maanguddoonni sagantaa dubbisuu fi barreessuuf godhame kana irraa faayidaa argachaa jiru. Fakkeenyaaf, maanguddoon umurii waggaa 101 taʼanii fi Hoseefinaa jedhaman sagantaa kana irraa leenjii argachuuf galmaaʼanii turan; waggaa lama gidduuttis barumsa isaanii haala gaariidhaan xumuraniiru!

Meeksikoo keessatti afaan balʼinaan dubbatamu Ispaanishii taʼus, sagantaan dubbisuu fi barreessuu kun afaan kan biraatiinis ni kennama. Bara 2013tti namoonni biyyattii afaan garagaraa saddeet dubbatan, sagantaa barumsaa kanaan afaan dhalootaa isaaniitiin dubbisuu fi barreessuu barataniiru.

Dhuguma iyyuu dubbisuu fi barreessuu dandaʼuun, wantoota haaraa hedduu barachuuf carraa namaaf bana. Hunda caalaa garuu, dubbisuu fi barreessuun namoonni akaakuu adda addaa qaban Kitaaba Qulqulluu isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee fi ilaalcha dogoggoraa, amantii sobaa fi amalawwan gadhee nama garboomsan irraa walaba isaan baasuu dandaʼu akka dubbisan isaan gargaara.—Yohannis 8:32.

^ KEY. 2 Dhaabata Mootummoota Gamtoomaniitti Waldaa Barumsaa, Saayinsii fi Aadaa.