Urjii Lakkaaʼuu fi Hooda Dubbachuun Yeroo Gara Fuulduraa Beekuuf ni Gargaaruu?
URJII LAKKAAʼUU
Urjii lakkaaʼuun gosa hojii falfalaa urjiileen, baatii fi pilaaneetonni jireenya namoota lafarra jiraataniirratti dhiibbaa guddaa akka geessisan amanuurratti hundaaʼedha. Namoonni urjii lakkaaʼan namni tokko yeroo dhalatutti teessumni qaamoleen samii kun qaban, amalaa fi jireenya isaa gara fuulduraarratti dhiibbaa guddaa akka geessisan dubbatu.
Urjii lakkaaʼuun kan madde Baabilon ishii durii keessaa taʼus, ammayyuu baayʼee beekamaa taʼuu isaa itti fufeera. Qorannaan bara 2012tti Yuunaayitid Isteetis keessatti godhame akka ibsetti, namoota gaafataman harka sadii keessaa harki tokko urjii lakkaaʼuun “gosa saayinsii” akka taʼe kan yaadan yeroo taʼu, parsantii 10 kan taʼanimmoo “guutummaatti saayinsawaa” akka taʼe dubbataniiru. Kun dhugaadhaa? Matumaa. Sababiin isaa armaan gaditti ibsameera.
-
Akka namoonni urjii lakkaaʼan jedhanitti pilaaneetonnii fi urjiileen ilmaan namootaarratti dhiibbaa geessisuuf humna hin qaban.
-
Wanti isaan raagan yeroo baayʼee akkuma walii galaatti waan taʼeef nama kamiifiyyuu hojjechuu kan dandaʼudha.
-
Herregni namoonni urjii lakkaaʼan yeroo ammaatti fayyadaman yaada dogoggoraa bara durii pilaaneetonni lafatti marsu jedhurratti kan hundaaʼedha. Pilaaneetonni garuu aduutti marsu.
-
Nama tokko ilaalchisee wanti namoonni urjii lakkaaʼan garaagaraa raagan wal hin simu.
-
Namoonni urjii lakkaaʼan guyyaa dhalootaa isaaniirratti hundaaʼuudhaan namoota kutaalee 12n ykn mallattoowwan zoodiyaak keessaa isa tokko keessatti ramadu. Teessumni lafaa hawaa keessatti argamu jaarraawwan hedduudhaaf jijjiiramaa waan tureef, guyyoonni mallattoowwan zoodiyaakii wajjin wal qabatan yeroo aduun tuuta urjiilee maqaa mallattoowwan kanaatiin waamamanii keessa itti darbituu wajjin wal hin siman.
Mallattoowwan zoodiyaakii waaʼee amala nama tokkoo ni mulʼisu jedhamee amanama. Dhugaan isaa garuu, namoonni guyyaa tokkotti dhalatan amala wal fakkaataa hin qabaatan; guyyaan dhalootaa nama tokkoo waaʼee amala isaa waan ibsu tokkollee hin qabu. Namoonni urjii lakkaaʼan eenyummaa namootaa akkuma jirutti ilaaluu mannaa, waaʼee amala namaa tilmaamaan murteessu. Kun yaada dhugaarraa fagaate mitiiree?
HOODA DUBBACHUU
Bara duriitii kaasee namoonni, namoota hooda dubbatan gaafachaa turaniiru. Namoonni hooda dubbatan tokko tokko miʼa garaa horii fi namootaa ykn karaa kormaan indaaqqoo midhaan itti funaannatu ilaalanii hiika isaa beekuuf yaalu. Kaanimmoo, sarara baala shaayii ykn siicoo bunaa ilaaluudhaan raagu. Yeroo harʼaattis namoonni hooda dubbatan egeree nama tokkoo himuuf kaardii, kubbaa kiristaalii, saanduqa xiqqoo fuula wal qixxee (dice) fi malawwan kan birootti fayyadamu. Hooda dubbachuun karaa amansiisaa yeroon gara fuulduraa ittiin beekamudhaa? Matumaa. Sababii kana itti jennu haa ilaallu.
Mee yaanni isaanii kan wal simu taʼuu isaa haa ilaallu. Hoodni namoonni tooftaalee adda addaatti fayyadamanii dubbatan yeroo baayʼee kan wal faallessudha. Tooftaa tokkotti kan fayyadaman taʼullee, raajiin isaan dubbatan garaagaradha. Fakkeenyaaf, namni tokko yeroo gara fuulduraa ilaalchisee namoota kaardii wal fakkaataa taʼe dubbisanii hooda dubbatan lama yoo gaafate deebiin isaa wal fakkaachuu qaba. Haa taʼu malee, yeroo baayʼee wal hin fakkaatu.
Tooftaan ykn kakaʼumsi namoonni hooda dubbatan qaban shakkii kan uumudha. Qeeqxonni kaardiin ykn kubbaan kiristaalii miʼa fakkeessaadhaaf itti fayyadaman qofa akka taʼanii fi namoonni hooda dubbatan kan raagan miʼa sanarratti utuu hin taʼin deebii namni sun kennurratti hundaaʼuudhaan akka taʼe dubbatu. Fakkeenyaaf, namni hooda dubbachuurratti muuxannoo qabu tokko gaaffilee walii galaa erga gaafatee booda, waaʼee nama sanaa tilmaamuu akka dandaʼuuf deebii inni dubbachuudhaanis taʼe sochii adda addaatiin kennu xiyyeeffannaadhaan hordofa. Wanta namni sun utuu itti hin yaadin dubbaterratti hundaaʼuudhaan kan tilmaamu taʼus, waan ofii isaatiin beeke fakkeessee dubbata. Namoonni hooda dubbatan tokko tokko maamiltoonni isaanii waan isaan amananiif, maallaqa hedduu argachuu dandaʼaniiru.
WANTA KITAABNI QULQULLUUN NU BARSIISU
Namoonni urjii lakkaaʼanii fi hooda dubbatan egereen keenya dursee akka murteeffame dubbatu. Garuu kun dhugaadhaa? Kitaabni Qulqulluun wanta itti amannu ykn wanta gochuu barbaannu filachuu akka dandeenyuu fi filannoon keenyas egeree keenyarratti dhiibbaa akka geessisu barsiisa.—Iyyaasuu 24:15.
Waaqayyo gocha hafuurota hamoo gosa hundumaa waan balaaleffatuuf, namoonni isa waaqeffatan urjii lakkaaʼuu fi hooda dubbachuurraa fagaachuuf sababii dabalataas qabu. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni hooda dubbatu, namni falfala raawwatu, namni milkii ilaalu, namni nama dawweessu, namni eker dubbistuu yookiin raagduu gaafatu yookiin namni warra duʼan gaafatu si gidduutti hin argamin. Sababiin isaas, namni wantoota kana raawwatu kam iyyuu Yihowaa a duratti jibbisiisaa dha.”—Keessa Deebii 18:10-12.
a Maqaa Waaqa ‘guutummaa lafaa irratti Isa Hundaa Olii’ taʼeeti.—Faarfannaa 83:18.