Waaʼee Waaqayyoo Raajota Isaa Irraa Barachuu Dandeenya
Waaqayyo bara duriitti raajonni isaa ergaawwan baayʼee barbaachisoo taʼan ilmaan namootatti akka himan godheera. Ergaawwan kunneen eebba Waaqayyoo akkamitti argachuu akka dandeenyu nu barsiisuu dandaʼuu? Eeyyee ni dandaʼu. Mee wanta raajota amanamoo taʼan sadii irraa barachuu dandeenyu haa ilaallu.
ABRAHAAM
Waaqayyo hin loogu, akkasumas namoota hunda eebbisuu barbaada.
Waaqayyo Abrahaam raajichaan, “Qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifamu” jechuudhaan waadaa isaaf galeera.—Uumama 12:3.
Kana Irraa Maal Baranna? Waaqayyo baayʼee nu jaallata, akkasumas qomoo hunda, jechuunis dhiirota, dubartootaa fi ijoollee isaaf ajajaman hunda eebbisuu barbaada.
MUSEE
Waaqayyo gara laafessa dha, akkasumas warra isa beekuuf carraaqan ni eebbisa.
Waaqayyo Inni Hundumaa Dandaʼu, Musee raajichi dinqiiwwan guguddaa akka raawwatuuf humna isaaf kenneera. Haa taʼu malee Museen, “Akkan si beekutti, si durattis faara tolaadhaan ilaalamaa akkan jiraadhutti ‘Hadaraa karaa kee anatti argisiisi!’” jechuudhaan kadhateera. (Baʼuu 33:13) Waaqayyo kadhata Museen dhiheessetti kan gammade yeroo taʼu, beekumsaa fi hubannaa karaawwan isaa fi amalawwan isaa irratti qabu isaaf dabaluudhaan isa eebbiseera. Fakkeenyaaf Museen, Uumaan keenya “Waaqayyo isa ooʼa-qabeessaa fi araara qabeessa” taʼuu isaa barateera.—Baʼuu 34:6, 7.
Kana Irraa Maal Baranna? Waaqayyo dhiirota, dubartootas taane ijoollee, caalaatti isa beekuuf carraaqqii yoo goone hunda keenya eebbisuu barbaada. Kitaaba Qulqulluu keessatti akkamitti isa waaqeffachuu akka dandeenyu, akkasumas surraa isaa nuu kennuu fi nu eebbisuuf hawwii akka qabu ibseera.
YESUUS
Waaʼee Yesuus, wanta inni raawwatee fi barsiise yoo baranne Waaqayyo bara baraaf nu eebbisuu ni dandaʼa.
Jireenya Yesuusii fi wanta inni barsiise ilaalchisee Dubbii Waaqayyoo irraa wantoota baayʼee barachuu dandeenya. Waaqayyo, Yesuus dinqiiwwan guguddaa, kanneen akka ija jaame, gurra duudee fi qaama lamshaaʼe fayyisuu akka raawwatu humna isaaf kennee ture. Inni namoota duʼan illee duʼaa kaasuu dandaʼeera. Yesuus kana gochuudhaan Waaqayyo gara fuulduraatti guutummaa ilmaan namootaatiif eebba akkamii akka fidu argisiiseera. “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa Waaqa dhugaa tokkicha taatee fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu” jechuudhaan eebbawwan kunneen argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibseera.—Yohaannis 17:3.
Yesuus gara laafessa, miira namaa kan hubatuu fi gaarummaa kan qabu ture. Affeerraa jaalala irratti hundaaʼee fi “Ana irraas baradhaa, ani garraamii fi kanan gad of qabu waanan taʼeef lubbuu keessaniif boqonnaa argattu” jedhu waan dhiheesseef, dhiironnii fi dubartoonni, akkasumas ijoollee fi maanguddoonni gara isaa ni dhufu turan. (Maatewos 11:29) Namoota yeroo sanatti turanii fi dubartoota cunqursan irraa haala adda taʼeen, Yesuus dubartootatti gaarummaa fi kabaja argisiisa ture.
Kana Irraa Maal Baranna? Yesuus namootatti jaalala guddaa argisiisa ture, akkasumas namoota wajjin hariiroo akkamii qabaachuu akka qabnu ilaalchisee fakkeenya gaarii nuuf taʼeera.
YESUUS WAAQAYYO MITI
Kitaabni Qulqulluun, “Waaqa tokkicha” qofa akka qabnuu fi Yesuus Kiristoos immoo ergamaa Waaqayyoo gad of qabu akka ture barsiisa. (1 Qorontos 8:6) Yesuusis, Waaqayyo akka isa caaluu fi gara lafaatti akka isa erge ifatti dubbateera.—Yohaannis 11:41, 42; 14:28. *
^ key. 17 Waaʼee Yesuus dabalataan barachuuf birooshura Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argachuuf Si Gargaaru jedhamuu fi www.mt1130.com irratti argamu irraa kutaa 8 fi 9 ilaali. (Amaariffa)