YAADAWWAN QOʼANNAADHAAF TAʼAN
Namoonni Amanamoon Wareegasaanii ni Raawwatu
Wareega raawwachuu ilaalchisee seenaa Yiftaa fi intalasaarraa barumsa argachuuf Abbootii Murtii 11:30-40 dubbisi.
Yaada naannoosaa jirurratti yaadi. Israaʼelonni amanamoon wareega Yihowaadhaaf wareegan akkamitti ilaalu turan? (Lak. 30:2) Yiftaanii fi intallisaa Yihowaarratti amantii akka qaban kan argisiisan akkamitti?—Abo. 11:9-11, 19-24, 36.
Gadi fageenyaan qoradhu. Yiftaan yommuu wareegasaa wareegetti maal sammuutti qabatee ture? (w16.04 7 key. 12) Yiftaanii fi intallisaa wareegasaanii raawwachuuf aarsaa akkamii kaffalaniiru? (w16.04 7-8 key. 14-16) Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti waadaa akkamii galuu dandaʼu?—w17.04 5-8 key. 10-19.
Barumsa argattu adda baafadhu. Akkana jedhii of gaafadhu:
-
‘Waadaan yeroon of murteessetti gale eeguuf maaltu na gargaara?’ (w20.03 13 key. 20)
-
‘Yihowaa caalaatti tajaajiluuf aarsaa akkamiin kaffaluu dandaʼa?’
-
‘Waadaan hiriyaa gaaʼelaa kootiif gale yeroo hunda eeguuf maaltu na gargaara?’ (Mat. 19:5, 6; Efe. 5:28-33)