Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Ol dheerinni barandaa mana qulqullummaa Solomoon hammam ture?

Barandaan sun karaa Kutaa Qulqulluutti itti seenamu ture. Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa bara 2023 dura maxxanfame, “Barandaan inni fuulduraa dheerinni isaa dhundhuma 20 yeroo taʼu, dalga manichaa wajjin qixxee ture; ol dheerinni isaas 120 ture” jedha ture. (2 Sen. 3:4) Hiikkaawwan kan biroonis barandaan sun “dhundhuma 120” akka ol dheeratu ibsaniiru; kunis gamoo meetira 53 dheeratu jechuudha!

Haa taʼu malee, Hiikni Addunyaa Haaraa bara 2023​tti maxxanfame barandaa mana qulqullummaa Solomoon ilaalchisee, “Ol dheerinni isaas 20 ture” jedha; kunis gara meetira 9 jechuudha. a Sababiiwwan sirreeffamni kun itti godhame muraasa haa ilaallu.

Ol dheerinni barandaa 1 Mootota 6:3 irratti hin ibsamne. Barreessaa kitaabichaa kan taʼe Ermiyaas caqasa kanarratti, dheerinaa fi dalga barandaa sanaa malee ol dheerinasaa hin ibsine. Achiis boqonnaa ittaanurratti Galaana sibiila baqfamerraa tolfame, gaariiwwan kurnan, akkasumas utubaawwan sibiila diimaarraa hojjetaman lamaanii fi barandaa fuuldura dhaabbatan dabalatee waaʼee kutaawwan mana qulqullummaa kan biroos balʼinaan ibseera. (1 Mot. 7:15-37) Barandichi meetira 50 ol kan dheeratuu fi mana qulqullummaa kan caalu yoo taʼe, Ermiyaas waaʼee ol dheerinasaa utuu hin caqasin kan hafe maaliifi? Jaarraawwan hedduu boodallee barreessitoonni Yihudii barandichi mana qulqullummaa Solomoon akka hin caalle barreessaniiru.

Hayyoonni girgiddaan mana qulqullummaa barandaa dhundhuma 120 dheeratu baachuu kan dandaʼu taʼuusaa ni shakku. Dhagaan guddaanii fi xuubiin bara durii kan akka karra mana qulqullummaa Gibxii ijaaruuf oole jallisaa baayʼee balʼatee qalʼachaa ol baʼa. Manni qulqullummaa Solomoon garuu kanarraa adda ture. Hayyoonni furdinni girgiddaawwansaa dhundhuma 6 ykn meetira 2.7 akka hin caalle amanu. Kanaafuu, barreessaan seenaa haala ijaarsaa qoʼatuu fi Tiwodoor Buusiinki jedhamu xumura kanarra gaʼeera: “Furdina balballi [mana qulqullummaa] qabu yeroo ilaallu, [ol dheerinni] barandaa sanaa dhundhuma 120 taʼuu hin dandaʼu.”

Yaanni 2 Seenaa Baraa 3:4 irra jiru yeroo garagalfamu dogoggorri uumamee taʼuu dandaʼa. Caqasa kanarratti barreeffamoonni bara durii muraasni “120” kan jedhan taʼus, barreeffamoonni amanamoon kan biroon kan akka Koodeeksi Aleksaandiriinas isa jaarraa shanaffaatti qophaaʼee fi Koodeeksi Ambiroosiyaanas isa jaarraa jaʼaffaatti qophaaʼee jiran “dhundhuma 20” jedhu. Namni garagalchu tokko dogoggoraan “120” jedhee kan barreessu maaliif taʼuu dandaʼa? Afaan Ibrootaatiin jechi “dhibbaa” fi “dhundhuma” jedhu wal fakkaata. Kanaafuu, namni garagalche sun bakka “dhundhuma” jedhu “dhibba” jedhee barreessee taʼuu dandaʼa.

Wantoota kana hunda hubachuu fi mana qulqullummaa Solomoon sirriitti argisiisuuf carraaqqii kan goonu taʼus, caalaatti kan xiyyeeffannu wanta manni qulqullummaa sun argisiisu, jechuunis mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaarrattidha. Yihowaan mana qulqullummaa kana keessatti akka isa waaqeffatan tajaajiltootasaa hunda waan affeereef baayʼee isa galateeffanna!—Ibr. 9:11-14; Mul. 3:12; 7:9-17.

a Miiljaleensaa akkana jedha: “Barreeffamoonni bara durii muraasni ‘120’ jedhu; barreeffamoonni bara durii kaanii fi hiikkaawwan tokko tokko garuu ‘dhundhuma 20’ jedhu.”