Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Anis Fakkeenya Gaarii Taʼuuf Carraaqqii Godheera

Anis Fakkeenya Gaarii Taʼuuf Carraaqqii Godheera

“Umuriin koo meeqa akka taʼe beektaa?” jedheen gaafadhe. Iisaak Maree inni Koloraadoodhaa gara Paatarsan Niiwu Yoorkitti na waame “Umuriin kee meeqa akka taʼe sirriittan beeka” jedhee naaf deebise.Mee wanta maree kanatti nu geessen isiniif ibsa.

KANAN dhaladhe Wichitaa, Kaansaas, Yunaayitid Isteetisitti Muddee 10, 1936⁠tti siʼa taʼu, ijoollee afur keessaa ani angafa. Warri koo Wiiliyaamii fi Jeen waaqeffattoota Yihowaa guutummaatti isaaf bulan turan. Abbaan koo tajaajilaa kaampaanii ture; yeroo sanatti namni gumii keessatti dursa fudhatee geggeessu maqaa kanaan waamama ture. Haati koo dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu kan baratte haadha ishii Eemaa Waagnar irraa ture. Eemaan, Gartiruud Istiil isa misiyoonii taʼee Porto Riikoo keessatti waggoota hedduudhaaf tajaajile dabalatee namoota hedduu dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu barsiisteetti. * Kanaafuu, namoota hedduu fakkeenya naaf taʼan qaban ture.

FAKKEENYOTA GAARII YAADACHUU

Abbaan koo qarqara daandii dhaabatee namoota karaa irra darbaniif barruulee yommuu kennu

Sanbadduraa tokko galgala, yeroo umuriin koo waggaa shan turetti, abbaa koo wajjin barruulee Masaraa Eegumsaa fi Konsooleeshin (amma Dammaqaa! jedhama) jedhaman namoota daandii irra deemaniif kennaa turre. Yeroo sanatti, biyyattiin Waraana Addunyaa Lammaffaatiin jeeqamaa turte. Dooktorri machaaʼe tokko dhufee sodaattuu fi waraana irratti hirmaachuu kan hin barbaanne akka taʼe dubbachuudhaan, siyaasa irraa walaba taʼuu isaatiin kan kaʼe abbaa koo arrabse. Dooktorichi abbaa kootti ija babaasaa “Sodaattuu nana, maaliif na hin rukuttu ree?” isaan jedhe. Sodaadhee kanan ture taʼus, abbaa koo immoo nan dinqisiifadhe. Namoota hedduu walitti qabamanii turaniif barruulee kennuu isaa itti fufee ture. Achiis loltuun tokko yeroo dhufu, dooktorichi “Namicha sodaattuu kana waan tokko godhi!” jedhee aariidhaan dubbate. Loltuun sunis namichi akka machaaʼe waan hubateef, “Machiin kee akka si irra galuuf manatti gali!” isaan jedhe. Achiis lamaan isaanii iyyuu ni deeman. Ija jabina Yihowaan abbaa kootiif kenne yeroon yaadadhu baayʼeen dinqisiifadha. Abbaan koo Wichitaa keessatti mana rifeensaa lama kan qabu siʼa taʼu, dooktorichi immoo maamila isaa ture!

Warra koo wajjin walgaʼii guddaa Wichitaatti bara 1940mman keessa godhame irratti argamuuf utuu deemnuu

Yeroo umuriin koo waggaa saddeet taʼu, warri koo manaa fi suuqii isaanii erga gurguranii booda mana iddoodhaa iddootti sochoʼu ijaarratanii iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemanii tajaajiluuf gara Koloraadoo deeman. Achiis, naannoo Giraandi Jaankshin jiraachuu jalqabne; warri koos iddoo kanatti qajeelchitoota taʼanii tajaajilaa kan turan siʼa taʼu, saʼaatii murtaaʼeef immoo hojii qonnaa fi horsiisa loonii irratti hirmaatu turan. Eebba Yihowaatiin, akkasumas hinaaffaadhaan hojjechuu isaaniitiin gumiin tokko ni hundeeffame. Iddoo kanatti, Waxabajjii 20, 1948⁠tti abbaan koo ana, Biilii Niikalzii fi haadha manaa isaa dabalatee, namoota dhugaa Kitaaba Qulqulluu fudhatan kaan burqaa gaara jalaa baʼu tokko keessatti nu cuuphe. Yeroo booda Biilii Niikalzii fi haati manaa isaa hojii daawwannaa kan jalqaban siʼa taʼu, ilmi isaanii fi haati manaa isaas hojii kana hojjetu turan.

Namoota hojii Mootummichaa irratti guutummaatti hirmaatanii wajjin walitti dhufeenya cimaa qabna turre; waaʼee wantoota hafuuraas marii nama gammachiisu goona ture. Keessumaa maatii Istiil, jechuunis Doonii fi Arlan, Deevii fi Juuliyaa, akkasumas Saayii fi Maartaa wajjin yeroo gaarii dabarsina turre; jarri kun jireenya koo irratti dhiibbaa gaarii godhaniiru. Mootummichaaf dursa kennuun akkamitti jireenya gaarii fi gammachiisaa taʼe akka namaaf argamsiisu na hubachiisaniiru.

AMMAS NAANNOO KAN BIRAAN DEEME

Yeroo umuriin koo waggaa 19 taʼu, michuu maatii keenyaa kan taʼe Bad Haastiin kibba Yunaayitid Isteetis keessatti qajeelchaa taʼee akkan isaa wajjin tajaajilu na gaafate. Daawwataan ol aanaa aanaa tokko naannoo Dhugaa Baatonni duubatti jedhan hedduun itti argamanii fi Rastan, Luusiyaanaa jedhamu akka deemnu nu gaafate. Namni hammamii iyyuu yoo irratti argame torban torbaniin walgaʼii godhachuu akka qabnu nutti himamee ture. Iddoo mijataa walgaʼiidhaaf taʼu argannee suphine. Walgaʼii hunda ni godhanna turre; yeroo murtaaʼeef garuu lamaan keenya qofatu walgaʼii irratti argama ture. Dabaree dabareedhaan kutaa dhiheessaa kan turre siʼa taʼu, inni tokko kutaa yeroo dhiheessu, inni kan biraan immoo gaaffiiwwan hunda deebisa ture. Kutichi hojiin argisiisa qaba yoo taʼe immoo, lamaan keenya waltajjii irra kan baanu siʼa taʼu, namni nu dhaggeeffatu hin jiru ture! Xumura irratti obboleettii maanguddoon tokko walgaʼii irratti argamuu jalqabde. Suuta suuta immoo, barattoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokkoo fi obboloonni duubatti jedhanii turan gumii irratti argamuu kan jalqaban siʼa taʼu, utuu baayʼee hin turin gumiin keenya guddachuu jalqabe.

Gaaf tokko anii fi Bad, tajaajilaa waldaa tokkoo wajjin kan wal argine siʼa taʼu, innis caqasoota ani hin beekne caqase. Yeroo kanatti hamma tokko kanan naʼe siʼa taʼu, wantan itti amanu ilaalchisee gadi fageenyaan yaaduun jalqabe. Gara torban tokkootiif hirriba dhabeen gaaffiiwwan inni kaaseef deebii argachuuf carraaqqii gochaa ture. Kunis dhugaa kan mataa koo akkan godhadhu kan na gargaare siʼa taʼu, lallabaa kan biraa wajjin wal arguuf iyyuu hawween ture.

Kun erga taʼee yeroo muraasa booda daawwataan ol aanaa aanaa, gara Eel Daraadoo, Arkansoo deemee gumii achitti argamu akkan gargaaru na gaafate. Yeroon achi turetti boordii waraanaa duratti dhihaachuudhaaf yeroo baayʼee gara Koloraadootti deddeebiʼeera. Gaaf tokko qajeelchitoota naa wajjin tajaajilan tokko tokkoo wajjin konkolaataa kootiin utuu deemnuu, Teeksaasitti balaan konkolaataa kan nu mudate siʼa taʼu, konkolaataan koos faayidaadhaa ala taʼe. Obboleessa tokko kan waamne siʼa taʼu, innis dhufee gara mana isaatti nu geesse; akkasumas gara walgaʼii nu fuudhee deeme. Achitti, balaan akka nu irra gaʼe himan; obboloonnis gaarummaadhaan kakaʼanii gargaarsa qarshii nuuf godhan. Akkasumas, obboleessichi konkolaataa koo doolaara 25⁠niin naaf gurgure.

Konkolaataa gara Wichitaatti nu geessu kan arganne siʼa taʼu, michuun maatii keenyatti baayʼee dhihaatuu fi Everij Firaank Dook Maakaartinii jedhamu qajeelchaa taʼee achi tajaajila ture. Ilmaan isaa lakkuu taʼan lamaan Firaankii fi Firaansis michoota koo kan turan siʼa taʼu, amma iyyuu michoota koo ti. Konkolaataa isaanii moofaa taʼe qarshii ani konkolaataa koo isa caccabe ittiin gurgureen, jechuunis doolaara 25⁠niin natti gurguran. Yeroon kun, Yihowaan waanan Mootummicha durseef wanta na barbaachisu akka naaf kenne yeroo jalqabaatiif yeroon itti ifatti arge ture. Yeroo kanatti, maatiin Maakaartinii obboleettii bareedduu Beetel Kireen jedhamtuu wajjin wal na barsiisan. Haati ishii Ruut, Wiilingitan, Kaansaas keessatti hinaaffadhaan tajaajilaa kan turte taʼuu isaa irra iyyuu, umuriin ishii waggaa 90mman keessa yeroo turetti illee qajeelchituu turte. Anii fi Beetel waggaa tokko utuu hin guutin bara 1958⁠tti kan wal fuune siʼa taʼu, ishiinis Eel Daraadoo keessatti qajeelchituu taatee na faana tajaajiluu jalqabde.

AFEERRIIWWAN NAMA GAMMACHIISAN

Fakkeenya gaarii xinnumaa keenyaa kaasee argaa guddanne irratti erga yaannee booda, wanta jaarmiyaan Yihowaa akka hojjennu nu gaafatu kam iyyuu hojjechuuf murteessine. Waalnat Riij, Arkansootti qajeelchitoota addaa taanee ramadamnee turre. Achiis bara 1962⁠tti Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 37⁠ffaa irratti akka hirmaannu yeroo afeeramnetti baayʼee gammanne. Kan nama gammachiisu immoo, Doon Istiilii wajjin kutaa tokko turre. Erga eebbifamnee booda anii fi Beetel Naayiroobii, Keeniyaatti ramadamne. Yeroo Niiwu Yoorkii baanu baayʼee gaddinee kan turre taʼus, buufata xiyyaaraa Naayiroobiitti obboloonni keenya yommuu nu simatan baayʼee gammanne!

Naayiroobii keessatti Meerii fi Kiriis Kaanaayaa wajjin tajaajila irratti utuu hirmaannuu

Utuu baayʼee hin turin, Keeniyaa fi tajaajila gammachiisaa achitti raawwannu baayʼee jaallanne. Namoota Kitaaba Qulqulluu barsiisaa turre keessaa, jalqaba guddina kan godhan Kiriisii fi Meerii Kaanaayaa turan. Amma iyyuu Keeniyaa keessatti tajaajiltoota yeroo guutuu taʼanii amanamummaadhaan tajaajilaa jiru. Waggaa itti aanutti, gara Kaampaalaa, Ugaandaa akka deemnu kan gaafatamne siʼa taʼu, biyyattii keessatti misiyoonota jalqabaa turre. Namoonni hedduun dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu barachuuf fedhii waan qabaniif, akkasumas yeroo booda Dhugaa Baatota waan taʼaniif yeroon achitti dabarsine baayʼee kan nama gammachiisu ture. Haa taʼu malee, waggaa sadii fi walakkaadhaaf Afriikaa erga turree booda, mucaa godhachuuf gara Yunaayitid Isteetisitti deebine. Guyyaa Afriikaadhaa baanetti, isa yeroo Niiwu Yoorkii baane gaddine caalaa gaddine. Uummata Afriikaa baayʼee jaallannee kan turre taʼuu isaa irra iyyuu, guyyaa tokko deebiʼuuf abdannee turre.

HOJII HAARAA FUDHACHUU

Dhiha Koloraadoo, iddoo warri koo jiraatan deemne. Utuu baayʼee hin turin, intalli keenya ishiin jalqabaa Kiimbarliin kan dhalatte siʼa taʼu, waggaa tokkoo fi jiʼa shan booda immoo Istefaaniin ni dhalatte. Hojii haaraa warra taʼuudhaan arganne kanaaf iddoo guddaa kan kennine siʼa taʼu, ijoollee durbaa keenya keessatti dhugaan akka hundee godhatu gochuuf qophoofne. Akkuma warri kaan fakkeenya gaarii nuuf taʼan, nutis fakkeenya gaarii taʼuu barbaanna turre. Fakkeenyi gaariin ijoollee leenjisuu irratti buʼaa gaarii kan argamsiisu akka taʼe kan beeknu taʼus, yeroo hunda ijoolleen yeroo guddatan Yihowaa akka tajaajilan godha jechuu miti. Kan nama gaddisiisu, obboleessii fi obboleettiin koo warri quxisuu koo taʼan dhugaa dhiisaniiru. Gara fuulduraatti fakkeenyota gaarii isaaniifis kaaʼaman akka hordofan nan abdadha.

Ijoollee durbaa keenya lamaan guddisuun, akkasumas wantoota garaa garaa maatiidhaan waliin raawwachuun nu gammachiisa ture. Naannoo Aaspan, Koloraadoo jiraachaa waan turreef, darbee darbee hundi keenya cabbii irra sigigaachuu akka dandeenyuuf, dandeettii cabbii irra sigigaachuu barannee turre. Yeroo ispoortii kana hojjennutti ijoollee keenyaa wajjin mariʼachuu dandeenyeerra. Isaanii wajjin dunkaana dhaabbannee kan bashannannu siʼa taʼu, ibiddatti naannofnee marii nama gammachiisu goona turre. Ijoollee xixinnoo kan turan taʼus, gaaffiiwwan kanneen akka “Yeroon guddadhu maalin hojjedha?” fi “Hiriyaa gaaʼelaa akkamiin barbaada?” jedhan gaafatu turan. Sammuu fi garaa ijoollee keenyaa keessa ulaagaalee Yihowaa kaʼuuf ni carraaqna turre. Tajaajila yeroo guutuu galma akka godhatan, akkasumas nama galma akka isaanii qabutti akka heeruman isaan barsiisneerra. Umuriin isaanii utuu hin gaʼin heerumuu dhiisuun isaanii gaarii akka taʼe isaan hubachiisuuf yaalleerra. “Yoo xinnaate umurii 23 dura hin godhatinaa gaaʼela” isaaniin jenna turre.

Akkuma warri keenya nuu wajjin gochaa turan, maatiidhaan walgaʼii irratti argamuuf waan nuu dandaʼame hunda goona turre; akkasumas, yeroo hundumaa tajaajila baana turre. Obboloonni tajaajila yeroo guutuu keessa jiran tokko tokko, yeroo muraasaaf mana keenya akka boqotan goona turre. Akkasumas, yeroo misiyoonii taanee dabarsine akka jaallannu yeroo baayʼee ni dubbanna. Arfan keenya gaaf tokko waliin taanee gara Afriikaa dhaquu akka dandeenyus abdii akka qabnu ni dubbanna turre. Ijoolleen keenyas kana gochuu ni barbaadu turan.

Yeroo hundumaa qoʼannaa maatii godhanna turre; yeroo kanatti wanta mana barumsaatti mudachuu dandaʼu haala diraamaatiin argisiisna turre. Ijoolleen keenya akka Dhugaa Baatuu gaaffii gaafatame deebisaa jiruu akka taʼan goona turre. Akkaataa kanaan barachuun baayʼee isaan gammachiisa ture; kun immoo ofitti amanamummaa isaanii isaaniif dabaleera. Yeroo guddachaa adeeman, qoʼannaa maatii ilaalchisee yeroo tokko tokko ni guungumu turan. Gaaf tokko, abdii waanan kutadheef, qoʼannaa waan hin godhanneef gara kutaa isaanii akka deemanin itti hime. Baayʼee kan naʼan taʼuu isaa irra iyyuu booʼuu jalqaban; akkasumas qoʼachuu akka barbaadan dubbatan. Achiis ijoollummaa isaaniitti wantoota hafuuraatiif dinqisiifannaa akka qabaatan gargaaraa akka jirru hubanne. Qoʼannaa keenya jaallachaa kan dhufan siʼa taʼu, nutis wanta isaanitti dhagaʼamu bilisummaadhaan akka dubbatan goona turre. Darbee darbee garuu barumsawwan dhugaa tokko tokko irratti akka walii hin galle yeroo dubbatan yommuu dhageenyu baayʼee gaddina turre. Taʼus, dhuguma garaa isaanii keessa maaltu akka jiru beekuu dandeenyeerra. Erga isaanii wajjin mariʼannee booda ilaalcha Yihowaatti ni gammadu turan.

JIJJIIRAMA KAN BIRAA WAJJIN WAL SIMNEE JIRAACHUU

Hojiin ijoollee guddisuu kun isa nuti eegne caalaa saffiseera. Gargaarsaa fi qajeelfama jaarmiyaa Waaqayyootiin, Yihowaa akka jaallatanitti isaan guddisuuf wanta dandeenye hunda gooneerra. Ijoolleen keenya barumsa sadarkaa lammaffaa erga xumuranii booda yeroo qajeelchaa taʼanii fi ogummaa qarshii ittiin jiraatan argachuuf isaan dandeessisu yeroo guddifatan baayʼee gammanne. Obboleettota kan biraa wajjin naannoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemanii tajaajiluuf gara Kiliivlaandi, Tanasii deeman. Nu irraa adda baʼuun isaanii kan nu gaddisiise taʼus, tajaajila yeroo guutuu keessa seenuun isaanii nu gammachiiseera. Achiis, anii fi Beetel qajeelchaa taanee tajaajiluu kan jalqabne siʼa taʼu, kun immoo mirgawwan kan biroo argachuuf karaa nuu baneera. Daawwataa ol aanaa aanaa bakka buunee hojjenneerra; akkasumas hojii walgaʼii guguddaa hojjechaa turre.

Ijoolleen keenya gara Tanasii deemuu isaanii dura waajjira damee daawwachuuf gara Landan, Ingilaandi deemanii turan. Achitti Istefaanii ishiin umuriin ishii waggaa 19 ture, dargaggeessa miseensa maatii Betʼel taʼee fi Pool Noortan jedhamuu wajjin wal barte. Yeroo booda deebiʼanii yeroo deeman immoo, Kiimbarliin obboleessa Biraayan Lawuliin jedhamuu fi Pool Noortan faana hojjetuu wajjin wal barte. Istefaaniin yommuu umuriin ishii waggaa 23 guutu Poolitti heerumte. Kiimbarliin immoo waggaa itti aanu yeroo umuriin ishii waggaa 25 taʼu Biraayanitti heerumte. Kanaafuu, yoo xinnaate hamma umuriin isaanii waggaa 23 taʼutti gaaʼela hin godhanne. Hiriyoota gaaʼelaa isaan filatan garaa guutuudhaan deggerreerra.

Bara 2002⁠tti Pool, Isteefanii, Kiimbarlii fi Biraayanii wajjin waajjira damee Maalaawwiitti

Ijoolleen keenya, fakkeenyi nuyii fi akaakoliin isaanii isaaniif keenye gama qarshiitiin haalli rakkisaan yoo isaan mudate illee, ajaja Yesuus ‘Mootummicha barbaaduu isaanii akka itti fufan’ kenne hojii irra oolchuuf akka isaan gargaare nutti himaniiru. (Mat. 6:33) Ebla 1998⁠tti Poolii fi Istefaaniin Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 105⁠ffaatti afeeraman; achiis Maalaawwii, Afriikaa keessa akka tajaajilan ramadaman. Yerooma sana keessa Biraayanii fi Kiimbarliin Betʼel isa Landanitti argamutti akka tajaajilan kan afeeraman siʼa taʼu, yeroo booda immoo Betʼel isa Maalaawwiitti argamutti jijjiiramaniiru. Karaa dargaggoonni jireenya isaaniitti itti fayyadaman keessaa kan kana caalu waan hin jirreef baayʼee gammanne.

AFEERRII BAAYʼEE NAMA GAMMACHIISU KAN BIRAA

Amajjii 2001⁠tti bilbila ani seensa koo irratti caqasetu naaf bilbilame. Ilaaltuu ol aanaa Kutaa Tajaajila Hiikkaa kan taʼe obboleessi keenya Mareen, obboloonni hiiktota addunyaa maratti argamaniif barumsa Afaan Ingiliffaa kennuuf yaadaa akka jiran erga naaf ibsee booda, anis umurii koo waggaa 64⁠tti barsiistota keessaa tokko akkan taʼuuf na leenjisuu akka yaadan natti hime. Anii fi Beetel dhimma kana ilaalchisee kadhannaa dhiheessine; achiis haadholii keenya maanguddoo taʼan gorsa gaafanne. Gargaarsi keenya kan isaanitti hafu taʼus, lamaan isaanii iyyuu akka nuti deemnu barbaadan. Deebisee bilibileen mirga adda taʼe kana fudhachuuf qophaaʼoo akka taane itti hime.

Achiis haati koo dhukkuba kaansariitiin qabamte. Anis obboleettii koo Liindaa wajjin ishii kunuunsuu akka dandeenyun itti hime. Haati koo garuu, “Wanta naaf gootu hin qabdu. Hin deemtu taanaan baayʼeen sitti gadda” naan jette. Liindaanis yaada ishii irratti walii galte. Fedhii isaanii aarsaa gochuu isaanii fi gargaarsa obboloota keenya naannoo sana jiranii baayʼee dinqisiifanna! Guyyaa nuti itti gara Wiirtuu Barumsaa Masaraa Eegumsaa Paatarsanitti argamu deemuuf baanetti Liindaan bilbiltee haati keenya duʼuu ishii nutti himte. Akkuma haati keenya nu jajjabeessaa turte hojii keenya isa haaraadhaaf guutummaa guutuutti of kennine.

Kan baayʼee nama gammachiisu, jalqaba kan ramadamne iddoo ijoolleen keenyaa fi abbootiin manaa isaanii itti tajaajilaa turanitti, jechuunis waajjira damee Maalaawwiitti ture. Deebinee wal arguun keenya baayʼee nu gammachiise! Achiis Zimbaabuweetti barumsicha erga kenninee booda gara Zaambiyaa deemne. Waggaa sadii fi walakkaadhaaf barumsa afaanii erga barsiisnee booda, gara Maalaawwiitti deebiʼuudhaan muuxannoo obboloota siyaasa irraa walaba taʼuu isaaniitiin kan kaʼe achitti ariʼatamni irra gaʼee turee akka qindeessinu gaafatamne. *

Ijoollee intala keenyaa wajjin tajaajila irratti utuu hirmaannuu

Bara 2005⁠tti anii fi Beetel ammas baayʼee gaddaa gara biyya keenya Baasaalt, Koloraadootti deebinee qajeelchaa taanee tajaajiluu itti fufne. Bara 2006⁠tti Biraayanii fi Kiimbarliin ijoollee durbaa isaanii lama, jechuunis Maakniizii fi Eelizaabeet guddisuuf mana nutti aanee jirutti galan. Poolii fi Istefaaniin amma iyyuu Maalaawwii kan jiran siʼa taʼu, Pool Koree Waajjira Damee keessa tajaajilaa jira. Amma umuriin koo gara waggaa 80 siʼa taʼu, dargaggoonni ani kanaan dura wajjin hojjechaa ture itti gaafatamummaa ani duraan qabu fudhatanii yommuu hojjetan arguun baayʼee na gammachiisa. Namoota fakkeenya gaarii nuuf taʼan qabaachuun keenya, akkasumas nutis ijoollee fi ijoollee intala keenyaatiif fakkeenya taʼuuf carraaquun keenya gammachuu nuuf argamsiiseera.

^ KEY. 5 Waaʼee hojii misiyoonummaa miseensonni maatii Istiil hojjetanii caalaatti barachuuf Masaraa Eegumsaa Caamsaa 1, 1956, (Ingiliffa) ful. 269-272, akkasumas Bitootessa 15, 1971, ful. 186-190 ilaali.

^ KEY. 30 Fakkeenyaaf, seenaa jireenyaa Tiroofiim Nisombaa Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 2015 ful. 14-18 irratti baʼe ilaali.