Oo’a Argisiisuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
Oo’a Argisiisuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
“Kottaa nama hundumaaf, addumaan immoo warra amantii keessa jiraniif, gaarii in hojjenna!”—GALAATIYAA 6:10.
1, 2. Namicha Samaariyaa oo’a qabeessa ta’e ilaalchisee fakkeenyi dubbatame, oo’a ilaalchisee maal nu barsiisa?
BARSIISAAN Seeraa tokko Yesusii wajjin utuu haasa’uu, “Nama isa kam” jaallachuun qaba? jedhee gaafate. Yesus fakkeenya armaan gadii dubbachuudhaan deebii kenneef: “Namni tokko Yerusaalemii gara Yerikootti utuu gad bu’uu, warra saamtuu afaan bu’e; uffata isaas isa irraa baafatanii, erga reebanii isa butuchanii, du’aa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii adeeman. Lubni tokko karaa sana utuu darbuu, namicha yommuu lafatti arge irraa goree darbe. Akkasumas namni gosa Lewwii tokko, iddoo sana dhufee yommuu isa arge, irraa goree darbe. Namni Samaariyaa tokko garuu, utuu karaa adeemuu achi ga’ee, yommuu isa arge in oo’eef. Itti dhi’aatees, madaa isaa dibataan mucuceessee, daadhii wayniis itti naqee erga hidheefii, horii ofii isaatii yaabee adeemaa ture irra teessisee, mana buufata keessummaatti isa geesse; achittis isa gargaare. Borumtaas meetii lama fuudhee, isa buufata keessummaa sana eegutti kennee, ‘Hadaraa ittiin wal’aani; kana irra caalaa yoo baaftes, yommuun deebi’u siifan kenna’ ittiin jedhe.” Ittaansuudhaanis Yesus akkas jedhee isa gaafate: “Egaa jarreen sadan kana keessaa, isa kamtu namicha warra saamtuu afaan bu’e kana akka ofii isaatiitti ilaale sitti fakkaata?” Namichis: “Isa oo’eef” jedhee deebise.—Luqaas 10:25, 29-37a.
2 Kunuunsi namichi Samaariyaa namicha miidhameef godhe oo’i dhugaan kan akkamii akka ta’e sirriitti kan argisiisudha. Gadda ykn gara laafinaan kaka’ee nama miidhaan irra ga’e sana gargaareera. Namichi rakkinni irra ga’e sun nama Samaariyaa sanaaf alagaadha. Lammiin, amantiin ykn aadaa garaa garaa qabaachuun oo’a akka hin argisiisneef gufuu ta’uu hin qabu. Yesus namicha Samaariyaa oo’a qabeessa ta’e ilaalchisee fakkeenya erga kennee booda, namicha isa dhaggeeffachaa tureen, “Atis dhaqii, akkasuma godhi!” jedhee gorse. (Luqaas 10:37b) Nuyis gorsa kana fudhachuudhaan warra kaaniif oo’a argisiisuuf carraaquu dandeenya. Kana gochuu kan dandeenyu garuu akkamitti? Guyyaa guyyaadhaan oo’a argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?
‘Obboleessi Tokko Bututtuu Kan Uffatu Yoo Ta’e’
3, 4. Keessumaa gumii Kiristiyaanaa keessatti oo’a argisiisuuf yaaduu kan qabnu maaliifi?
3 Phaawulos ergamaan akkas jedheera: “Egaa akkuma fucha argannetti, kottaa nama hundumaaf, addumaan immoo Galaatiyaa 6:10) Kanaafuu, dura karaa itti namoota amantii keessa jiraniif caalaatti oo’a argisiisnu haa yaannu.
warra amantii keessa jiraniif, gaarii in hojjenna!” (4 Yaaqoob, Kiristiyaanonni dhugaa oo’a qabeeyyii akka ta’an yeroo gorsu, “Nama oo’a hin qabnetti, oo’a malee firdiin itti in faradama” jechuudhaan barreesseera. (Yaaqoob 2:13) Yaanni naannoo jechoota geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman kanaatti argamu, karaawwan oo’a itti argisiisuu dandeenyu tokko tokko nutti hima. Fakkeenyaaf Yaaqoob 1:27rratti yaada akkas jedhu dubbisna: “Waaqayyoon sodaachuun inni Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenya duratti qullaa’ee fi xurii hin qabne garuu, ijoollota abbaa fi haadha hin qabne, dubartoota abbaan manaa irraa du’es rakkina isaanii ilaalanii gargaaruu dha; xuraa’ummaa biyya lafaa irraas of eeggachuu dha.” Yaaqoob 2:15, 16 akkas jedha: “Fakkeenyaaf obboleessi tokko obboleettiin tokkos bututtuu in uffatu akkasumas guyyaa guyyaatti nyaata ga’u hin argatan ta’a; isin keessaa tokko immoo, waan namummaa isaaniif barbaachisu utuu hin kenniniif, ‘Nagaadhaan dhaqaa, isinitti haa ho’u, quufaas!’ yoo ittiin jedhe, bu’aa maalii qabaaf ree?”
5, 6. Walitti dhufeenya miseensota gumii keenyaa wajjin qabnuun, oo’a argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
5 Warra kaaniif yaaduufi namoota rakkatan gargaaruun mallattoo amantii dhugaati. Amantiin keenya, namootaaf yaaduu keenya waan gaarii akka isaaniif hawwinu afaaniin dubbachuudhaan qofa akka argisiisnu nu hin jajjabeessu. Kanaa mannaa, namootaaf garaa laafuun keenya warra rakkatan gargaaruuf tarkaanfii akka fudhannu nu kakaasa. (1 Yohannis 3:17, 18) Eeyyee, karaawwan oo’a itti argisiisnu keessaa tokko tokko, nama dhukkubsateef nyaata qopheessuu, warra dullooman mana keessatti hojiidhaan gargaaruu, yeroo barbaachisaa ta’utti gara walga’iiwwan Kiristiyaanaatti geessuu, akkasumas haala sassatarraa walaba ta’een namoota gargaarsi godhamuufii qabuuf waan tokko gochuudha.—Keessa Deebii 15:7-10.
6 Miseensota gumii Kiristiyaanaa guddachaa jiru wantoota qaamaaf barbaachisaniin gargaaruun barbaachisaa ta’uyyuu, karaa hafuuraa isaan gargaaruun caalaatti barbaachisa. ‘Warra garaansaanii sodaate [dhiphate] akka toosifnu’ ykn jajjabeessinuufi ‘warra dadhabaniif akka yaannu’ gorfamneerra. (1 Tasaloniiqee 5:14) “Dubartoonni dullooman” “waan gaarii ta’e [akka] barsiisan” gorfamaniiru. (Tiitoos 2:3) Kiristiyaanota ilaaltota olaanaa ta’an ilaalchisee Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Tokkon tokkon isaanii akka iddoo qilleensa jabaa jalaa itti baqatanii, akka da’oo bubbee jalaa itti baqatanii . . . in ta’u.”—Isaayaas 32:2.
7. Oo’a argisiisuu ilaalchisee obboloota Sooriyaa Anxokiyaa turanirraa maal baranna?
7 Gumiiwwan jaarraa jalqabaa, dubartoota abbaan manaa irraa du’eef, ijoollee abbaafi haadha hin qabneef, akkasumas namoota gumii gargaarsiifi jajjabinni isaan barbaachisuuf kunuunsa godhu turan; kana malees, yeroo tokko tokko buusii walitti qabuudhaan Hojii Ergamootaa 11:28-30) Yeroo har’aahoo? “Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” obboloota balaawwan uumamaa akka obomboleettii, socho’a lafaa ykn lolaa bishaaniitiin miidhaman gargaaruuf, koree gargaarsaa hundeesseera. (Maatewos 24:45) Qophii kana deggaruuf yeroo, humnaafi qabeenya keenya kennuudhaan, oo’a keenya argisiisuu dandeenya.
amantoota bakka biraa jiraniif ni ergu turan. Fakkeenyaaf, Agaabos raajichi “lafa hundumaa irratti beelli jabaan akka bu’u” raajii yeroo dubbatetti, bartoonni Sooriyaa Anxokiyaa turan “adduma addaan hamma danda’an obboloota warra Yihudaa jiraatan gargaaruudhaaf ofitti muran.” Kunis “harka Baarnaabaasii fi Saa’olitti” maanguddoota achi jiranitti ergame. (“Nama Yoo Wal Caalchiftan”
8. Namoota wal caalchisuun oo’a akka hin argisiisne gufuu kan ta’u akkamitti?
8 Yaaqoob, amalawwan oo’a akka hin argisiisneefi “seera mootichaan kenname” jechuunis jaalala akka hin raawwanne nu dhowwanirraa fagaachuu akka qabnu ennaa akeekkachiisu akkas jedheera: “Nama yoo wal caalchiftan garuu cubbuu in hojjettu; seerichis irradaddarbaa keessaniif yakka isinitti in mura.” (Yaaqoob 2:8, 9) Nama sooressa ykn beekamaa ta’e tokkoof looguun keenya, “hiyyeessa rakkatee gargaarsaaf iyyuuf” akka hin gaddine nu gochuu danda’a. (Fakkeenya 21:13) Nama wal caalchisuun oo’a akka hin argisiisneef gufuu nutti ta’a. Namoota wal caalchisuu dhiisuudhaan oo’a argisiisna.
9. Namoota isaaniif ta’uuf xiyyeeffannaa adda ta’e kennuun dogoggora kan hin taane maaliifi?
9 Namoota wal hin caalchisnu jechuun nama tokkoof ilaalcha adda ta’e hin qabaannu jechuudhaa? Tasumaa akkas jechuu miti. Phaawulos ergamaan, hidhatasaa kan ta’e Ephafrodixosiin ilaalchisee Kiristiyaanota Filiphisiiyusiif, “Namoota akkasiifis ulfina kennaa!” jechuudhaan barreesseera. Maaliif? Sababiisaa akkas jechuudhaan ibseera: “Inni sababii hojii Kristosiif du’atti dhi’aate, isa isin anaaf akka hojjetuuf ergitan raawwachuufis jireenya isaa fittee irraan ga’e.” (Filiphisiiyus 2:25, 29, 30) Ephafrodixos tajaajilasaa amanamummaadhaan waan raawwateef xiyyeeffannaan addaa kennamuufii qaba ture. Kana malees, 1 Ximotewos 5:17rratti akkas kan jedhu dubbisna: “Maanguddoonni warri ba’eessa godhanii hojii waldaa geggeessan, addumaan immoo warri lallabaa fi barsiisatti dadhabanii hojjetan, gatii dadhabbii isaanii dachaa lama ulfinaan argachuun isaaniif in ta’a.” Namni karaa hafuuraa haala gaarii qabu galateeffamuu qaba. Waan akkasiitiif nama galateeffachuun wal caalchisuu miti.
“Ogummaan Waaqa Irraa . . . Oo’aan . . . Guutuudha”
10. Arraba keenya to’achuu kan qabnu maaliifi?
10 Arraba ilaalchisee Yaaqoob akkas jedheera: “Inni hamaa gabii hin qabnee dha, hadhaa du’a fiduunis guutuu dha. Arrabaan maqaa Waaqayyoo gooftaa in eebbifna, isumaanis namoota fakkaattii Waaqayyootti uumaman in abaarra. Afaanuma tokko keessaa eebbii Yaaqoob 3:8-10a, 14-17.
fi abaarsi in ba’a.” Yaaqoob yaada kanarratti dabaluudhaan akkas jedheera: “Garaa keessan keessatti hinaaffaa hadhaa’aa, ofittummaas yoo qabaattan garuu, akka ogummaatti ittiin of hin jajinaa! Dhugaa irrattis soba hin dubbatinaa! Ogummaan akkasii kun isa lafa irraa ti, kan yaada foonii ti, kan hafuura hamaa ti malee, waaqa irraa isa gad bu’e miti. Lafa hinaaffaanii fi ofittummaan jiru, hammacamni, wanti hamaan hundinuus jira. Ogummaan waaqa irraa garuu, hundumaa dura qullaa’aa dha, akkasumas naga-qabeessa, garraamii dha, of kennaa dha; oo’aan, ija gaariidhaanis guutuu dha; garaa hir’uun, of arguu dhabuunis keessa hin jiru.”—11. Akkaataa arraba keenyaan fayyadamnuun oo’a argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
11 Kanaafuu, akkaataan arraba keenyatti itti fayyadamnu, ogummaa ‘oo’aan guutuu ta’e’ qabaachuufi dhiisuu keenya argisiisa. Hinaaffaa ykn ofittummaadhaan kan ka’e kan koorru, kan sobnu ykn hamii nama miidhu kan babal’isnu yoo ta’e, kun waa’ee keenya maal ibsa? Faarfannaan 94:4 warra of gurguddisaniin, ‘warra hamaa godhan’ jedhaan. Arrabsoon, maqaa gaarii namni qulqulluun tokko qabu yeruma tokkotti balleessuu danda’a! (Faarfannaa 64:2-4) Kana malees, ‘namni sobaan dhugaa ba’u soba dubbachuusaatiin’ miidhaan akkamii ga’uu akka danda’u yaadi. (Fakkeenya 14:5; 1 Mootota 21:7-13) Yaaqoob arraba ofiitti karaa dogoggora ta’een fayyadamuu ilaalchisee erga dubbatee booda, “Kun akkas ta’uun irra hin jiru, obboloota ko” jedheera. (Yaaqoob 3:10b) Oo’a dhugaa argisiisuun, arraba keenyatti qulqullinaan, karaa naga qabeessa ta’eefi garraamummaadhaan fayyadamuu gaafata. Yesus akkas jedheera: “Ani isinittan hima, namoonni dubbii yaada malee afaan isaanii keessaa ba’e hundumaatti gaafatamanii, guyyaa firdiitti deebii deebisuuf jiru.” (Maatewos 12:36) Akkaataa arraba keenyatti itti fayyadamnuun oo’a argisiisuun keenya baay’ee barbaachisaadha!
‘Namootaaf Irra Daddarbaasaanii Dhiisaafii’
12, 13. (a) Fakkeenya waa’ee hojjetaa gooftaansaa liqii guddaa irraa qabu dubbatamerraa, oo’a ilaalchisee maal baranna? (b) Obboloota keenyaaf “hamma si’a torbaatamii torbaatti” dhiifama gochuu jechuun maal jechuudha?
12 Fakkeenyi Yesus waa’ee hojjetaa gooftaansaa inni mootiin meetii 60,000,000 irraa qabuu dubbate, karaa itti oo’a argisiisuu dandeenyu kan biraa nuu ibsa. Hojjetichi liqii isarra jiru kaffaluu waan hin dandeenyeef, gooftaansaa oo’a akka isatti argisiisu kadhate. “Kana irratti gooftaan isaa hojjetaa isaa sanaaf garaa laafee” liqiisaa isaaf dhiise. Haata’u malee, hojjetaan sun yeroo achii ba’u hojjetaa akka isaa meetii dhibba irraa qabu argatee, oo’a argisiisuufii dhiisee mana hidhaa isa galche. Gooftichi wanta raawwatame kana yommuu dhaga’u, hojjetaa dhiifamni godhameef sana waamsisee akkas jedheen: “Ati hojjetaa hamaa nana! Ani gatii si irra jiru sana hundumaa waan ati ana kadhatteefan siif dhiise. Akkuma ani siif oo’e, atis immoo hojjetaa akka keetiitiif oo’uun siif hin ta’u turee ree?” Maatewos 18:23-35.
Achii gooftichi namoota isa dhiphisanitti dabarsee isa kenne. Yesus akkas jechuudhaan fakkeenyasaa xumure: “Isinis tokkon tokkon keessan garaa keessaniin obboleessa keessaniif yoo dhiisuu dhaabaattan, abbaan koo inni waaqa irraa akkas isin in godha.”—13 Fakkeenyi armaan olitti ibsame kun, oo’a argisiisuun dhiifama namaaf gochuuf fedha qabaachuus akka dabalatu addeessa. Yihowaan liqii cubbuu guddaa ta’e nuu dhiiseera. Nuyis ‘namootaaf irra-daddarbaa isaanii dhiisuufii hin qabnuuree?’ (Maatewos 6:14, 15) Yesus waa’ee hojjetaa oo’a hin qabne sanaa fakkeenya kennuusaa dura, Phexros akkas jedhee isa gaafatee ture: “Gooftaa, obboleessi koo si’a meeqa yoo na yakke dhiisuuf? Hamma si’a torbaattii?” Yesus deebisee, “Ani hamma si’a torbaatamii torbaatti malee, hamma si’a torbaatti siin hin jedhu” jedheen. (Maatewos 18:21, 22) Eeyyee, namni oo’a qabeessa ta’e “hamma si’a torbaatamii torbaatti” jechuunis yeroo hundumaaf dhiifama namaa gochuuf qophaa’aadha.
14. Maatewos 7:1-4rratti akka ibsametti, guyyaa guyyaadhaan oo’a argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
14 Yesus Lallabasaa isa Gaara Gubbaarratti, sababii oo’a argisiisuu qabnuuf kan biraa akkas jechuudhaan dubbateera: “Waaqayyo akka isinitti hin farannetti isin namatti hin faradinaa! Firdiidhuma isin namatti faraddaniin isinittis in faradama; . . . Maaliif huuba ija obboleessa kee keessa jiru ilaalta? Utubaa isa ija kee keessa jiru hin hubattuu? Yookiis attamitti obboleessa keetiin, ‘Lakkii huuba ija kee keessaa siifan baasa’ jetta ree? Kunoo, utubaanoo ija kee keessa jiraa!” (Maatewos 7:1-4) Kanaafuu, dogoggora warra kaanii obsaan darbuufi isaanitti faraduu ykn isaan yakkuu dhiisuudhaan, guyyuma guyyaatti oo’a argisiisuu ni dandeenya.
‘Nama Hundumaaf Gaarii Hojjedhaa’
15. Oo’a kan argisiisnu namoota hidhata amantii keenya ta’an qofaaf ta’uu kan hin qabne maaliifi?
15 Kitaaba Macaafa Qulqulluu kan ta’e Yaaqoob, amantoota gidduutti oo’a argisiisuurratti kan xiyyeeffate ta’uyyuu, kana jechuun namoota gumii Kiristiyaanaa keessa jiraniif qofa oo’a argisiisuu qabna jechuu miti. Faarfannaa 145:9, “Waaqayyo nama hundumaaf gaarii dha; hojii harka isaa hundumaafis in oo’a” jedha. Nuyis ‘fakkeenya Waaqayyoo akka fudhannuufi’ ‘nama hundumaaf gaarii akka hojjennu’ gorfamneerra. (Efesoon 5:1; Galaatiyaa 6:10) “Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa” kan hin jaallanne taanus, wanta namoota biyya lafaa keessa jiraniif barbaachisu gochuuf dhimma hin qabnu jechuu miti.—1 Yohannis 2:15.
16. Akkaataa warra kaaniif oo’a itti argisiisnu kan murteessan haalawwan akkamiiti?
16 Kiristiyaanota waan taaneef, namoota ‘yeroofi walitti dhufuun’ miidhaa isaanirraan ga’eef ykn haala rakkisaa keessa jiran waan dandeenyu hundaan gargaaruurraa duubatti hin jennu. (Lallaba 9:11, 1899) Gargaarsa akkamiifi hangamii gochuu akka dandeenyu kan murteessu haala keessa jirru akka ta’e beekamaadha. (Fakkeenya 3:27) Warra kaaniif wanta jireenyaaf isaan barbaachisu yeroo goonuuf, gochi gaarii fakkaatu kun dhibaa’oo akka isaan hin goone of eeggannoo gochuu barbaanna. (Fakkeenya 20:1, 4; 2 Tasaloniiqee 3:10-12) Kanaaf, oo’a dhugaa argisiisuun, sababii dhugaarratti hundaa’anii namaaf gadduudhaan gargaarsa gochuudha.
17. Namoota gumii Kiristiyaanaatiin ala ta’aniif oo’a argisiisuuf karaan hundarra caalu kami?
17 Karaan inni gaariin namoota gumii Kiristiyaanaatiin ala jiraniif oo’a qabaachuu keenya itti argisiisnu, dhugaa Macaafa Qulqulluu isaanitti himuudha. Gochi kun hundumaarra caala kan jennu maaliifi? Ilmaan namootaa keessaa baay’eensaanii dukkana hafuuraa keessa waan jiraniifi. Namoonni hedduun, rakkoo isaan mudate akkamitti akka hiikan kan hin beekneefi gara fuulduraatiif abdii amansiisaa kan hin qabne waan ta’aniif, “akka hoolota tiksee hin qabneetti bututanii, gatamanii” jiru. (Maatewos 9:36) Ergaan Dubbii Waaqayyoo keessa jiru rakkina isaan mudatu hiikuuf waan isaan gargaaruuf, ‘miillasaaniitiif ibsaa’ ta’uu danda’a. Akkasumas, Macaafni Qulqulluun namoonni abdii nama gammachiisu akka qabaatan gochuudhaan kaayyoo Waaqayyo gara fuulduraatiif qabu ilaalchisee raajii waan dubbatuuf, ‘daandiisaaniirrattis ifuu danda’a.’ (Faarfannaa 119:105) Ergaa dhugaa dinqisiisaa ta’e kana warra isaan barbaachisutti himuun mirga guddaa mitii? “Rakkinni guddaan” waan dhihaateef, yeroon ammaa kun yeroo hojii lallabaa Mootummichaafi bartoota gochuurratti hinaaffaadhaan itti hirmaannudha. (Maatewos 24:3-8, 21, 22, 36-41; 28:19, 20) Oo’i hamma kanaa barbaachisaa ta’e hin jiru.
“Qodicha Keessa Isa Jiru Hiyyeessaaf Kennaa”
18, 19. Caalaatti oo’a argisiisuu kan qabnu maaliifi?
18 Yesus, “Qodicha keessa isa jiru hiyyeessaaf kennaa” jedhee ture. (Luqaas 11:41) Gochi gaariin tokko oo’a dhugaa ta’uuf, qodicha keessaa jechuunis jaalalaafi fedhiidhaan kakaanee garaadhaa kan goonu ta’uu qaba. (2 Qorontos 9:7) Addunyaa hamminniifi ofittummaan keessa guute, akkasumas namoota dhiphataniifi rakkataniif dantaa dhabuun itti barame kana keessatti, oo’a akkasii argachuun baay’ee kan nama jajjabeessudha.
19 Egaa, caalaatti oo’a argisiisuuf carraaqqii haa goonu. Caalaatti oo’a qabeeyyii yommuu taanu, caalaatti Waaqa keenya fakkaanna. Kana gochuun keenya, jireenya kaayyoo qabuufi gammachiisaa ta’e jiraachuuf nu gargaara.—Maatewos 5:7.
Maal Baratte?
• Keessumaa namoota hidhata amantii keenya ta’aniif oo’a argisiisuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
• Gumii Kiristiyaanaa keessatti oo’a argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
• Namoota gumiidhaan ala jiraniif gaarii hojjechuu kan dandeenyu akkamitti?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]