Irbaata Gooftaa Kan Kabajnu Maaliifi?
“Kanas seenaa [“Yaadannoo,” NW] kootiif godhadhaa!” —1 QOR. 11:24.
1, 2. Dh.K.B. bara 33, Niisaan 14 galgala Yesus maal godhe? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
GUYYAAN isaa Dh.K.B. bara 33, Niisaan 14 dha. Kan dhihe taʼus, addeessi waan goobanteef Yerusaalem ifa dimimmisa taʼeen guutamteetti. Yesusii fi ergamoonni isaa waggoota 1500 dura yeroo Israaʼeloonni garbummaa Gibxii jalaa itti baʼan ayyaaneffachuuf Faasikaa kabajanii xumuruu isaanii ti. Yesus ergamoota isaa amanamoo 11 wajjin taʼuudhaan irbaata addaa tokko hundeesse; irbaanni kun duʼa inni guyyaan kun xumuramuu isaa dura duʼuuf yaadannoo kan taʼu dha. *—Mat. 26:1, 2.
2 Yesus maxinoo raacitii hin qabne fuudhee erga eebbisee booda ergamoota isaatti kennee “Fudhadhaa nyaadhaa” isaaniin jedhe. Achiimmoo, xoofoo waynii fuudhee erga galateeffatee booda, “Hundumti keessan kanattii dhugaa” jedheen. (Mat. 26:26, 27) Kana booda Yesus nyaata kan biraa isaanitti hin kennine; taʼus yeroo seena qabeessa taʼe kanatti wanta duuka buutota isaa amanamoo taʼanitti himu hedduu qaba ture.
3. Mata duree kana keessatti gaaffilee kamfaa ilaalla?
3 Yeroo kanatti Yesus Ayyaana Yaadannoo duʼa isaa kan hundeesse siʼa taʼu, Ayyaanni kun “irbaata gooftaa” jedhamees ni waamama. (1 Qor. 11:20) Dhimma kana ilaalchisee gaaffileen armaan gadii kaʼuu dandaʼu: Duʼa Yesus yaadachuun maaliif barbaachise? Maxinoo fi waynichi maal argisiisu? Ayyaana Yaadannootiif haala akkamiitiin qophaaʼuu dandeenya? Maxinoo fi waynicha irraa hirmaachuu kan qabu eenyu? Kiristiyaanonni abdii Macaafa Qulqulluu keessatti isaanii kennameef iddoo guddaa akka kennan akkamitti argisiisu?
YAADANNOO DUʼA YESUS KAN KABAJNU MAALIIFI?
4. Duuti Yesus maal nuuf argamsiise?
4 Sanyii Addaam waan taaneef, cubbuu fi duʼa dhaalleerra. (Rom. 5:12) Namni cubbamaa taʼe kam iyyuu ofii isaatiifis taʼe warra kaaniif Waaqayyo duratti furee dhiheessuu hin dandaʼu. (Far. 49:6-9) Yesus garuu, foon isaa isa mudaa hin qabnee fi dhiiga isaa isa dhangalaʼe aarsaa gochuudhaan gatii furii fudhatama qabu dhiheesseera. Yesus gatii furichaa Yihowaa duratti dhiheessuudhaan, cubbuu fi duʼa irraa akka bilisa baanu, akkasumas jireenya bara baraa akka argannu karaa baneera.—Rom. 6:23; 1 Qor. 15:21, 22.
5. (a) Waaqayyoo fi Kiristos ilmaan namootaa akka jaallatan maaliin beekna? (b) Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesus irratti argamuu kan qabnu maaliifi?
5 Qophiin furii, Yihowaan ilmaan namootaa akka jaallatu argisiisa. (Yoh. 3:16) Aarsaan Yesus dhiheesse innis akka nu jaallatu argisiisa. Yesus nama taʼee gara lafaa utuu hin dhufin Waaqayyo biratti “hojjetaa” (hiika bara 1899) yeroo turetti, ‘nama hundumaatti in gammada’ ture. (Fak. 8:30, 31) Galateeffannaan Waaqayyoo fi Ilma isaatiif qabnu Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesus irratti argamuudhaaf nu kakaasa; yeroo akkas goonu ajaja isa, “Kanas seenaa [“yaadannoo,” NW] kootiif godhadhaa” jedhu raawwanna.—1 Qor. 11:23-25.
MAXINOO FI WAYNICHI MAAL ARGISIISU?
6. Maxinoo fi waynii Ayyaana Yaadannoo irratti dhihaatu akkamitti ilaaluu qabna?
6 Yesus Ayyaana Yaadannoo yeroo hundeessetti, dinqiidhaan maxinicha gara foon isaatti, waynicha immoo gara dhiiga isaatti hin jijjiire. Kanaa mannaa maxinicha ilaalchisee, “Kun foon koo jechuu dha” kan jedhe siʼa taʼu, waynicha ilaalchisee immoo, “Kana jechuun dhiiga koo isa dhiiga kakuu taʼee fi namoota hedduudhaaf dhangalaʼu dha” jedheera. (Mar. 14:22-24, NW) Kanaaf, maxinoo fi waynichi akka fakkeenyaatti kan ilaalamani dha.
7. Maxinoon Ayyaana Yaadannoo irratti itti fayyadamnu maal argisiisa?
7 Ayyaana seena qabeessa Dh.K.B. bara 33tti kabajame kana irratti, Yesus maxinoo raacitii hin qabnee fi nyaata isaan Faasikaa irratti nyaatan irraa hafetti fayyadame. (Bau. 12:8, NW) Macaafa Qulqulluu keessatti iddoo tokko tokkotti raacitiin hirʼina ykn cubbuu argisiisuuf itti hojjetameera. (Mat. 16:6, 11, 12; Luq.12:1) Kanaaf, Yesus maxinoo raacitii hin qabnetti fayyadamuun isaa foon isaa isa mudaa hin qabne kan argisiisu dha. (Ibr. 7:26) Yeroo harʼaas Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo akkasiitti kan fayyadamnu kanaafi.
8. Wayniin Ayyaana Yaadannoo irratti dhihaatu maal argisiisa?
8 Akkuma waynii yeroo harʼaatti Ayyaana Yaadannoo irratti itti fayyadamnuu, wayniin Yesus Dh.K.B. bara 33, Niisaan 14tti itti fayyadame dhiiga isaa kan argisiisu dha. Iddoo Golgootaa jedhamuu fi Yerusaalemii alatti argamutti, dhiigni isaa ‘dhiifamuu cubbuutiif’ dhangalaʼeera. (Mat. 26:28; 27:33) Maxinoo fi wayniin Ayyaana Yaadannoo irratti dhihaatu aarsaa gati jabeessa namoota ajajamoo taʼaniif dhihaate kan argisiisu waan taʼeef, akkasumas qophii kanaaf dinqisiifannaa waan qabnuuf, Ayyaana Yaadannoo waggaa waggaadhaan kabajnu kanaaf dhuunfaatti qophaaʼuu qabna.
KARAA AYYAANICHAAF QOPHAAʼUU ITTI DANDEENYU TOKKO TOKKO
9. (a) Sagantaa dubbisa Macaafa Qulqulluu Ayyaana Yaadannoo hordofuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Qophii furii ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?
9 Sagantaa dubbisa Macaafa Qulqulluu Ayyaana Yaadannoo buukleetii Caaffata Qulqullaaʼoo Guyyaa Guyyaan Qoruu jedhamu irratti baʼu hordofuudhaan, wanta Yesus duʼuu isaa dura godhe irratti xiinxaluu ni dandeenya. Akkas gochuun keenya, Ayyaana Yaadannootiif garaa keenya qopheessa. * Obboleettiin tokko akkas jettee barreessiteetti: ‘Ayyaana Yaadannoo hawwiidhaan eegganna; waggaa waggaatti caalaatti adda nutti taʼa. Yeroo abbaan koo duʼetti dhaabadhee reeffa isaa utuun ilaaluu, dinqisiifannaan furichaaf qabu baayʼee akka dabale nan yaadadha. Caqasoota hunda beekan ture; ibsa irratti kennuus nan dandaʼan ture! Haa taʼu malee, wanta qophiin furii nuuf argamsiisu ilaalchisee garaan koo gammachuudhaan kan guutame, duuti hammam akka nama miidhu yeroon hubadhetti dha.’ Ayyaana Yaadannootiif yeroo qophoofnutti, aarsaan Yesus kiyyoo cubbuu fi duʼaa jalaa kan nu baase akkamitti akka taʼe xiinxaluun keenya baayʼee gaarii dha.
10. Qophiin Ayyaana Yaadannootiif goonu tajaajila keenya irratti jijjiirama akkamii fida?
10 Karaan Ayyaana Yaadannootiif qophaaʼuu itti dandeenyu inni kan biraan, tajaajila keenya guddisuuf karoorfachuu dha; tarii tibba sana qajeelchaa gargaaraa taʼuudhaan kana gochuu dandeenya taʼa. Namoota Macaafa Qulqulluu qayyabatanii fi kaan Irbaata Gooftaa irratti ennaa afeerru, waaʼee Waaqayyoo fi Ilma isaa, akkasumas eebbawwan namoota isa gammachiisanii fi isa jajataniif qopheesse dubbachuudhaan gammachuu arganna.—Far. 148:12, 13.
11. Warri Qorontos tokko tokko, kan isaaniif hin malle taʼee utuu jiruu maxinoo fi waynicha irraa kan hirmaatan akkamitti?
11 Irbaata Gooftaatiif yeroo qophooftanitti, yaada Phaawulos Kiristiyaanota gumii Qorontosiif barreesse irratti yaadaa. (1 Qorontos 11:27-34 dubbisi.) Phaawulos namni kam iyyuu utuu gargar hin baafatin (akka Hiika Addunyaa Haaraatti, kan isaaf hin malle taʼee utuu jiruu), maxinicha irraa yoo nyaate ykn waynicha irraa yoo dhuge ‘dhagna gooftaa [Yesus Kiristos] dhiiga isaas akka yakku’ addeesseera. Namni dibame tokko wantoota kana irraa hirmaachuu isaa dura ‘qoree of ilaaluu’ qaba. Kun taʼuu baannaan garuu, “firdii of irratti fiduudhaaf in nyaata in dhugas.” Gocha sirrii hin taane raawwachuu isaanii irraa kan kaʼe, warri Qorontos hedduun, ‘dhukkubsatoo fi dadhaboo taʼanii, kaanis [karaa hafuuraa] duʼanii turan.’ Tarii, warri tokko tokko Ayyaana Yaadannoo dura ykn Ayyaanicha irratti garmalee waan nyaatanii fi dhuganiif sammuun isaanii dammaqaa hin turre taʼa; karaa hafuuraas rafanii turan. Amala hin taane akkasii utuu argisiisanii maxinoo fi waynicha irraa hirmaachuun isaanii Waaqayyo duratti fudhatama isaan dhabsiiseera.
12. (a) Phaawulos Ayyaana Yaadannoo maalitti fakkeesse? Warra maxinoo fi waynicha irraa hirmaataniif hoo akeekkachiisa akkamii kenne? (b) Obboleessi maxinoo fi waynicha irraa hirmaatu tokko cubbuu cimaa yoo hojjete maal gochuu qaba?
12 Phaawulos Ayyaana Yaadannoo maaddii namootaa wajjin hirmaatanitti fakkeessuudhaan, warra maxinoo fi waynicha irraa hirmaataniin akkas jedheera: “Xoofoo gooftaa keessaa akkasumas xoofoo hafuurota hamootaa keessaa dhuguu hin dandeessan; maaddii gooftaa irraa akkasumas maaddii hafuurota hamootaa irraa hirmaachuu hin dandeessan.” (1 Qor. 10:16-21) Namni maxinoo fi waynii Irbaata Gooftaa irratti dhihaatu irraa hirmaatu tokko, cubbuu cimaa yoo hojjete gargaarsa hafuuraa gaafachuu qaba. (Yaaqoob 5:14-16 dubbisi.) Obboleessi hafuura qulqulluutiin dibame kun ‘yaada garaa gedderachuudhaan ija gaarii’ yoo godhate, maxinoo fi waynicha irraa hirmaachuun isaa aarsaa Yesus kaffaleef kabaja akka hin qabne kan argisiisu miti.—Luq. 3:8.
13. Waaʼee abdii Waaqayyo nuu kennee kadhachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
13 Dhuunfaatti Ayyaana Yaadannootiif yeroo qophoofnutti, abdii Waaqayyo nuu kenne irratti kadhannaadhaan yaaduu qabna. Namni Yihowaadhaaf of murteessee fi duuka buutuu Yesus amanamaa taʼe tokko, ragaa qabatamaa utuu hin qabaatiin maxinoo fi waynicha irraa hirmaachuudhaan aarsaa Yesusiif kabaja akka hin qabne argisiisuu hin barbaadu. Erga akkas taʼee, namni tokko maxinoo fi waynicha irraa hirmaachuu kan qabu taʼuuf dhiisuu isaa akkamitti beeka ree?
HIRMAACHUU KAN QABU EENYU?
14. Dibamtoonni kutaa kakuu haaraa waan taʼaniif, yeroo Ayyaana Yaadannootti maal godhu?
14 Warri karaa sirrii taʼeen maxinoo fi waynicha irraa hirmaatan, kutaa kakuu haaraa taʼuu isaanii guutummaatti mirkanaaʼoo dha. Waynicha ilaalchisee Yesus, “Xoofoon kun kakuu isa haaraa, dhiiga kootiin dhaabatuu dha” jedheera. (1 Qor. 11:25) Waaqayyo, kakuu haaraa kakuu Seerichaa Israaʼelootaa wajjin galame irraa adda taʼe akka galu karaa Ermiyaas raajichaa dursee dubbatee ture. (Ermiyaas 31:31-34 dubbisi.) Yihowaan kakuu haaraa kan gale Israaʼeloota hafuuraa wajjini dha. (Gal. 6:15, 16) Duuti Yesus kakuun kun hojii irra akka oolu godheera. (Luq. 22:20) Yesus kakuu kanaaf gidduu galeessa siʼa taʼu, dibamtoonni amanamoon kakuu kana keessatti hammataman dhaala isa samii argatu.—Ibr. 8:6; 9:15.
15. Kutaa kakuu Mootummichaa kan taʼan eenyu faʼi? Namoonni kun amanamoo yoo taʼan mirga akkamii argatu?
15 Namoonni maxinoo fi waynicha irraa hirmaachuuf mirga argatan kutaa kakuu Mootummichaa taʼuu isaanii beeku. (Luqaas 12:32 dubbisi.) Duuka buutonni Yesus warri dibamoo taʼanii fi dhiphina isaa irraa hirmaachuudhaan amanamummaadhaan isatti maxxanan, isaa wajjin samii irratti bulchu. (Filp. 3:10) Dibamtoonni amanamoo taʼan, kutaa kakuu Mootummichaa waan taʼaniif, Yesusii wajjin mootota taʼanii samii irratti bara baraaf bulchu. (Mul. 22:5) Namoonni akkasii maxinoo fi waynii Irbaata Gooftaa irratti dhihaatu irraa hirmaachuun isaanii sirrii dha.
16. Hiika Roomaa 8:15-17 gabaabsi ibsi.
16 Warra ilmaan Waaqayyoo taʼuu isaanii hafuurri qulqulluun dhugaa isaaniif baʼe qofatu, maxinoo fi waynii Ayyaana Yaadannoo irratti dhihaatu irraa hirmaachuu qaba. (Roomaa 8:15-17 dubbisi.) Phaawulos yaada “abbaa keenya” jedhutti fayyadamuu isaa hubadhaa! Phaawulos bakka kanatti jecha afaan Aramaayikii jaalalaa fi kabaja argisiisutti fayyadame. Mucaan tokko abbaa isaa waamuuf, jecha “abbaa” jedhutti fayyadamuu dandaʼa. Warri “hafuura ilmummaatti guddifamuu” argatan, ijoollee Waaqayyoo taʼu. Hafuurri Waaqayyoo hafuura isaanii wajjin walii galee, ilmaan isaa hafuuraan dibaman taʼuu isaanii mirkaneessaaf. Kun kan taʼu, waan isaan lafa irra jiraachuu hin barbaanneef miti. Hamma dhumaatti amanamoo yoo taʼan Mootummaa isa samii irratti Yesusii wajjin mootota akka taʼan beeku. Yeroo harʼaa duuka buutota Kiristos 144,000 Yihowaa ‘isa qulqulluu sanaan dibaman’ keessaa lafa irratti kan hafan baayʼee muraasa dha. (1 Yoh. 2:20; Mul. 14:1) Yihowaatti baayʼee akka dhihaatan waan isaanitti dhagaʼamuuf “abbaa keenya” jedhanii isa waamu!
ABDII MACAAFA QULQULLUU KEESSATTI NUU KENNAMEEF IDDOO GUDDAA KENNUU
17. Warri dibamoon abdii akkamii qabu? Kana akkamitti beekuu dandaʼu?
17 Kiristiyaana dibame yoo taate, abdiin ati samii irra jiraachuuf qabdu kutaa kadhannaa keetii taʼuu qaba. Macaafni Qulqulluun waaʼee Misirricha isa samiitti, jechuunis Yesus Kiristositti ‘heerumsiifamuu’ yeroo dubbatu, dhimmi kun akka si ilaallatu hubachuudhaan, yeroo kutaa “misirroo” Kiristos itti taatu hawwiidhaan eeggatta. (2 Qor. 11:2; Yoh. 3:27-29; Mul. 21:2, 9-14) Waaqayyo Macaafa Qulqulluutti fayyadamee jaalala ijoollee isaa hafuuraatiif qabu yeroo ibsutti, “Anaan jechaa jira” jettee yaadda. Kana malees, Yihowaan karaa Dubbii isaa ilmaan isaa dibamaniif qajeelfama yeroo kennu, hafuurri qulqulluun akka ajajamtuu fi garaa keetti “Kun anaaf hojjeta” akka jettu si kakaasa. Karaa kanaan hafuurri Waaqayyoo fi hafuurri kee walii galanii samii irra jiraachuuf abdii akka qabdu si hubachiisu.
18. ‘Hoolonni kan biraan’ abdii akkamii qabu? Abdii akkasii qabaachuu keetti maaltu sitti dhagaʼama?
18 “Tuuta sonaan baayʼee” kutaa “hoolota kan biraa” taʼan keessaa yoo taate immoo, Waaqayyo lafa irra akka jiraattu abdii sii kenneera. (Mul. 7:9; Yoh.10:16) Jannata keessa bara baraaf jiraachuu barbaadda; akkasumas wanta Macaafni Qulqulluun jireenya lafa irraa isa gara fuulduraa ilaalchisee dubbatu irratti xiinxaluun si gammachiisa. Nagaa guddaa yeroo maatii kee fi namoota qajeeloo kaaniin marfamtee jiraattutti argattu hawwiidhaan eeggatta. Yeroo hanqinni nyaataa, hiyyummaan, dhiphinni, dhukkubnii fi duuti ilmaan namootaa itti hin miine hawwiidhaan eeggatta. (Far. 37:10, 11, 29; 67:6; 72:7, 16; Isa. 33:24) Namoota duʼaa kaʼan simachuuf ni hawwita. (Yoh. 5:28, 29) Bara baraaf lafa irra akka jiraattu abdii si kennuu isaatti Yihowaa baayʼee hin galateeffattuu? Maxinoo fi waynicha irraa hirmaachuu baattus, Ayyaana Yaadannoo irratti argamuun kee dinqisiifannaa aarsaa furii Yesus Kiristosiif qabdu ibsuuf si gargaara.
AYYAANA KANA IRRATTI NI ARGAMTAA?
19, 20. (a) Abdiin Waaqayyo kenne kan sii raawwatamu yoo maal goote dha? (b) Irbaata Gooftaa irratti kan argamtu maaliifi?
19 Abdiin kee lafa irra jiraachuus taʼe samii irra jiraachuu, abdiin kun kan sii raawwatamu Yihowaa, Yesus Kiristosii fi furicha irratti amantii akka qabduu yoo argisiiste qofa dha. Ayyaana Yaadannoo irratti argamuun kee, abdii sii qophaaʼe irratti, akkasumas duuti Yesus hammam barbaachisaa akka taʼe xiinxaluuf carraa sii bana. Kanaaf, Irbaata Gooftaa Jimaata, Ebla 3, 2015, erga aduun lixxee booda Galmawwan Mootummaa fi iddoowwan garaa garaatti ayyaaneffamu irratti argamuuf karoorfadhu.
20 Ayyaana Yaadannoo irratti argamuun kee, galateeffannaa aarsaa furii Yesus kaffaleef qabdu sii guddisuu dandaʼa. Haasaa guyyaa sanatti dhihaatu sirriitti dhaggeeffachuun kee, jaalala Yihowaa fi kaayyoo inni ilmaan namootaatiif qabu ilaalchisee wanta baratte namootatti himuudhaan jaalala isaanitti akka argisiistu si kakaasa. (Mat. 22:34-40) Irbaata Gooftaa irratti argamuuf wanta dandeessu hunda godhi.