Dargaggoota Ga’eessummaadhaaf Qopheessuu
Maatii Gammachuu Qabu
Dargaggoota Ga’eessummaadhaaf Qopheessuu
“Ilmaankoo wajjin haasa’uun na gammachiisa ture. Wantan jedhu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatanii dafanii hojiirra oolchu turan. Amma erga dargaggoota ta’anii booda garuu, waanuma hundaarratti walitti buuna. Sochii dhimmawwan hafuuraatiif goonullee hin jaallatan. ‘Waa’ee Macaafa Qulqulluu mari’achuun nu barbaachisaa?’ jedhanii gaafatu. Ilmaankoo dargaggoota ta’uusaanii dura, rakkina akkasii maatii garabiraa keessatti arguyyuu, kun maatiikoorra ni ga’a jedhee yaadee hin beeku.”—Reejii. *
ATOO mucaa dargaggeessa ta’e guddisaa jirtaa? Taanaan, guddina gammachiisaa mucaankee argisiisu ilaalaa jirta jechuudha. Yeroon kun yeroo nama dhiphisus ta’uu danda’a. Haalli armaan gadii si mudatee beekaa?
▪ Ilmi keessan ijoollummaasaatti yeroo hunda isinitti maxxanee jiraachuu barbaada ture. Amma yommuu dargaggeessa ta’u garuu, karaa ofiisaatii barbaadeen deemuu filata.
▪ Intalli keessan ijoollummaasheetti wanta hunda isinitti himti turte. Amma erga guddattee booda hiriyoota kan baafatte si’a ta’u, isinii wajjin garuu walitti dhufeenya akkasii hin qabdu.
Wanti akkasii maatii keessan keessas jira taanaan, mucaankoo sirreeffamuu kan hin dandeenyedha jettanii daftanii hin murteessinaa. Mucaan keessan amala akkasii kan argisiisu maaliifi? Gaaffii kanaaf deebii argachuuf, dargaggummaan guddina mucaa keessaniirratti shoora olaanaa akkamii akka qabu haa ilaallu.
Dargaggummaan, Guddina Mucaa Tokkoo Keessatti Bakka Guddaa Qaba
Mucaan tokko erga dhalatee jalqabee, wantoota hedduu yeroo jalqabaatiif raawwata. Yeroo jalqabaatiif daaddisuu, yeroo jalqabaatiif jecha tokko dubbachuu, akkasumas yeroo jalqabaatiif mana barumsaa galuun isaan keessaa muraasadha. Warri, yommuu mucaansaanii sadarkaa guddinaa tokkorra ga’u ni gammadu. Wanti inni raawwatu guddinasaa kan argisiisu si’a ta’u, kana arguunsaaniis isaan gammachiisa.
Warri tokko tokko yeroo kanatti kan hin gammanne yoo ta’aniyyuu, dargaggummaan sadarkaa guddinaati. Wanti isaan yaaddessu maal akka ta’e beekamaadha. Abbaafi haati mucaansaanii inni yeroo tokko akka gaariitti ajajamaa ture, amma amallisaa jijjiiramuu waan jalqabeef yaadda’uunsaanii sirriidha. Haata’u malee, dargaggummaan sadarkaa guddinaa barbaachisaa ta’edha. Akkamitti?
Macaafni Qulqulluun wanta yeroo booda ta’u ilaalchisee, “Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa” jedha. (Uumama 2:24) Dargaggummaan, mucaa ykn intala keessan yeroo gammachuufi gadda walitti qabate sanaaf qopheessa. Yeroo kanatti mucaan keessan akkuma Phaawulos jedhe itti dhaga’amuu qaba. Phaawulos, “Mucummaa kootti akka mucaatti nan dubbadhe, akka mucaatti nan yaade, akka mucaattis sababii nan kennan ture; amma garuu ergan nama ga’aa ta’ee, akka mucaatti jiraachuu dhiiseera” jedheera.—1 Qorontos 13:11.
Ilmi ykn intalli keessan yeroo dargaggoota turanitti amala akkasii qabu turan; sana booda amala
ijoollummaa dhiisuudhaan ga’eessota ofitti amanamaniifi manaa ba’anii jiraachuu danda’an ta’uu baratu. Kitaabni tokko barri dargaggummaa, “yeroo warra ofiirraa adda ba’uuf itti qophaa’an” akka ta’e ibseera.Dhugaadha ilmi ykn intalli keessan “xinnoon,” yeroo booda of danda’anii jiraatu yaanni jedhu isin shakkisiisuu danda’a. Akkas jettanii of gaafattu ta’a:
▪ “Ilmikoo, kutaa keessa rafullee qulqulleessuu erga hin dandeenyee, yeroo of danda’ee jiraatutti itti gaafatamummaasaa akkamitti raawwachuu danda’a?”
▪ “Intallikoo sa’aatii isheedhaaf murtaa’etti manatti hin galtu erga ta’ee, akkamitti hojiishee kabajjee hojjechuu dandeessi?”
Yaaddoo akkasii qabdu taanaan, kana yaadadhaa: Mucaan keessan takkaatti of danda’ee jiraachuu hin danda’u. Of danda’anii jiraachuun, suutuma suuta kan baramudha. Amalli isarratti argaa jirtan, ‘wallaalumni yaada mucaatti qabamee akka jiru’ kan argisiisudha.—Fakkeenya 22:15.
Haata’u malee, mucaan keessan qajeelfama sirrii yoo argate, ‘sammuunsaa hojiidhaan itti baree hamaafi gaarii gargar baasuudhaan,’ dargaggummaarraa gara ga’eessummaatti ce’uu danda’a.—Ibroota 5:14.
Wantoota Milkaa’ina Argamsiisan
Dargaggeessi tokko gara ga’eessummaatti akka darbu gochuu yoo barbaaddan, ‘hubannaansaa’ akka guddatu gochuudhaan, ofumasaatii murtoo gaarii akka godhu gargaaruun isin barbaachisa. * (Roomaa 12:1, 2) Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu armaan gaditti ibsaman, kana gochuuf isin gargaaru.
Filiphisiiyus 4:5: “Garraamummaan [“sababi qabeeyyii ta’uun,” NW] keessan nama hundumaa biratti haa beekamu!” Ilmi keessan inni dargaggeessi, tarii sa’aatii isaaf murteeffamerra dabarsee dhufuu akka barbaadu isin gaafata ta’a. Isinis yeruma sana hin ta’u jettuun. Ilmi keessanis, “Daa’ima na gootanii?” jedhee guunguma. “Eeyyee akka daa’imaa waan si godhuufikaa” jettanii deebisuu keessan dura, yaadawwan armaan gadiirratti xiinxalaa: Dargaggoonni, mirga isaan barbaachisu caalaa argachuuf yaalii gochuu danda’u; warrimmoo mirga ijoolleen argachuu qaban tokko tokko dhowwachuu barbaadu. Yeroodhaa gara yerootti mirga tokko tokko dabalaafii deemuu dandeessuu? Yoo xinnaate, sababii mirga dabalataa argachuuf itti barbaaderratti maaliif hin mari’attan?
AKKAS GOCHUUF YAALI: Karaawwan ilma keessaniif mirga xinnoo dabaluufii itti dandeessan tokko ykn lama barreessaa. Mirga kana kan kennitaniif ittiin isa ilaaluuf akka ta’e itti himaa. Mirga kennameef kanatti karaa sirrii ta’een yoo fayyadame, takka tureemmoo mirga dabalataa kennuufii dandeessu. Ta’uu baannaan garuu, mirgi kennameef sunillee irraa fudhatama.—Maatewos 25:21.
Qolosaayis 3:21: “Abboota nana! Yaadni isaanii akka hin badnetti ijoollee keessan tuttuqxanii hin aarsinaa!” Warri tokko tokko, wanta ijoolleensaanii dargaggoota ta’an godhan hunda to’achuu barbaadu. Nama wajjin oolaniifi maal akka godhan beekuu waan barbaadaniif baay’ee isaan to’atu. Hiriyoota isaaniif filu; akkasumas wanta isaan bilbilaan haasa’an dhokatanii dhaggeeffatu. Ta’us, akkas gochuun yeroo baay’ee bu’aa gaarii hin argamsiisu. To’annaa jala isaan galchuun keessan, miliquuf karaa akka barbaadan isaan kakaasa; yeroo hunda hiriyootasaanii ceepha’uun keessan, caalaatti akka isaan jaallatan gochuu danda’a; wanta isaan bilbilaan haasa’an dhokattanii dhaggeeffachuun keessanimmoo, dhoksaatti akka bilbilan isaan kakaasuu danda’a. Hammuma isin ijoollee keessanirratti to’annaa cimsaa adeemtan, isaanis to’annaa keessan jalaa ba’aa adeemu. Ijoolleen keessan yommuu isinii wajjin jiran ofiisaaniitiif murtoo gochuu hin baranne taanaan, erga of danda’anii manaa ba’anii booda akkamitti murtoo gochuu danda’u?
AKKAS GOCHUUF YAALI: Wanta isin yaaddessu tokko ilaalchisee yeroo itti aanutti yommuu ijoollee keessan warra dargaggoota ta’anii wajjin mari’attan, murtoonsaanii maqaa akkamii akka isaaniif argamsiisu akka yaadan godhaa. Hiriyootasaanii ceepha’uu mannaa, “[Abalu] seera cabsee utuu hidhameehoo? Hiriyaasaa ta’uu keetiin warri kaan siif ilaalcha akkamii qabaatu?” jedhaa gaafadhaa. Filannaan ijoolleen keessan godhan, maqaa gaarii isaaniif argamsiisuu ykn isaan arrabsiisuu akka danda’u akka hubatan gargaaraa.—Fakkeenya 11:17, 22; 20:11.
Efesoon 6:4: “Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa!” Jechi “barsiisa” jedhu, wantoota dhugaa ta’an mucaa tokkotti himuu caalaa gaafata. Kana jechuun, mucaa tokko karaa yaadasaa hawwatuun barsiisuudhaan wanta gaarii akka hojjetu gochuuf carraaquu jechuudha. Keessumaa yommuu ijoolleen keessan dargaggoota ta’an, kana gochuun baay’ee barbaachisaadha. Abbaan Andiree jedhamu tokko akkas jedheera: “Yommuu ijoolleen keessan guddachaa deeman, haala itti isaan haasofsiistaniifi isaan amansiistanirratti sirreeffama gochuun barbaachisaadha.”—2 Ximotewos 3:14.
AKKAS GOCHUUF YAALI: Dhimmi tokko yommuu ka’u, mucaan keessan akka warraa, isinimmoo akka mucaa ta’aatii, utuu isa ta’ee gorsa akkamii akka isinii kennu gaafadhaa. Ragaawwan yaada inni dhiheesse deggeran ykn faallessanirratti qorannaa godhee akka dhufu jajjabeessaa. Torban tokko keessatti dhimma kana irra deebi’aa mari’adhaa.
Galaatiyaa 6:7: “Namni immoo waanuma facaase in galfata.” Mucaa xinnoo tokko, tarii kutaasaa keessaa akka hin baane ykn wanta jaallatu tokko akka hin goone dhowwanii adabuudhaan barsiisuun ni danda’ama. Dargaggeessa yoo ta’e garuu, gochisaa tokko maal akka isarraan geessisu akka yaadu gochuun keessan gaariidha.—Fakkeenya 6:27.
AKKAS GOCHUUF YAALI: Liqii irra jiru isaaf hin kaffalinaa; barumsasaatti qabxii gadaanaa yoo fide barsiisaasaatti sababii hin dhiheessinaa. Kanaa mannaa miidhaa gochisaa isatti fide hubachuudhaan, barumsa yeroo dheeraadhaaf isa gargaaru akka argatu godhaa.
Warra waan taataniif, ilmi keessan inni dargaggeessi, rakkoo tokko malee dafee ga’eessa utuu ta’ee ni hawwitu ta’a. Ta’us, rakkina tokko malee ga’eessummaatti ce’uun hin danda’amu. Haata’u malee, dargaggummaan ilma keessanii, ‘akka itti jiraachuun ta’u isa barsiisuuf’ carraa gaarii isinii bana. (Fakkeenya 22:6) Seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu, gammachuu maatii keessanii guddisuuf bu’uura cimaa isinii ta’a.
[Miiljaleewwan]
^ key. 3 Maqaan kun jijjiirameera.
^ key. 19 Mataduree kana keessatti akka mucaatti kan fudhatame dhiira yoo ta’es, seerri bu’uuraa kun saala lamaaniifuu ni hojjeta.
AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .
Ijoolleenkoo warri dargaggoota ta’an yommuu of danda’anii manaa ba’an, wantoota armaan gadii raawwachuu danda’uu?
▪ wantoota hafuuraatiif sagantaa dhaabbataa qabaachuu
▪ filannaafi murtoo gaarii gochuu
▪ warra kaanii wajjin akka gaariitti walii galuu
▪ fayyaasaanii eeguu
▪ qarshiisaanii sirriitti fayyadamuu
▪ manasaanii qulqullinaafi haala gaariidhaan qabuu
▪ itti yaadanii hojiisaanii hojjechuu
[Fakkii fuula 30rra jiru]
Mucaan keessan itti gaafatamummaan kan itti dhaga’amu yoo ta’e, mirgawwan dabalataa kennuufii dandeessuu?