Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amantii Gaariin Miseensonnisaa Akka Wal Jaallatan Barsiisa

Amantii Gaariin Miseensonnisaa Akka Wal Jaallatan Barsiisa

Amantii Gaariin Miseensonnisaa Akka Wal Jaallatan Barsiisa

MACAAFNI QULQULLUUN “Waaqayyo jaalala waan ta’eef, namni hin jaallatin, Waaqayyoon hin beekne” jedha. (1 Yohannis 4:8) Kanaaf, amantii gaariin miseensonnisaa namoota kaan akka jaallatan barsiisuu qaba jechuudha.

Amantiiwwan hedduun warra dhukkubsatan, warra dulloomaniifi hiyyeessota gargaaruudhaan hojii gaarii hojjetu. Miseensonnisaanii gorsa Yohannis ergamaan akka armaan gadii jechuudhaan kenne hojiirra akka oolchan jajjabeessa: “Namni biyya lafaa kana irratti waan ittiin jiraatu qabu, dhaba obboleessa isaatii argee yoo garaa itti jabaate, jaalalli Waaqayyoo attamitti isa keessa jiraata ree? Yaa ijoollee ko! Kottaa dubbiidhaa fi afaaniin utuu hin ta’in hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan in jaallannaa!”—1 Yohannis 3:17, 18.

Yommuu biyyoonni waraanaatti hirmaatan gochawwan akkamii argina? Abboommiin Waaqayyoo inni, “Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta’a” jedhu, yeroo nagaatti kan eegamuufi namoonni siyaasaa ykn mootiin tokko biyya ollaa tokkoo wajjin yeroo wal lolan cabsamuu kan qabudhaa?—Maatewos 22:39.

Yesus, “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedheera. (Yohannis 13:35) Gaaffiiwwan armaan gadii yommuu deebistu akkas jedhii of gaafadhu: ‘Miseensonni amantii kanaa dubbiidhaan qofa utuu hin ta’in, gochaanis namoota hundaatiif yeroo hundaa jaalala ni argisiisuu?’

MATADUREE: Waraana.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL BARSIISA?: Yesus bartootasaatiin, “Ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaalladhaa, warra isin ari’ataniifis kadhadhaa!” jedheera.—Maatewos 5:44.

Loltoonni yommuu Yesusiin qabuu dhufan, Phexros ergamaan isarra goree loluuf billaa luqqifate. Ta’us, Yesus “Billaakee man’eesaatti deebisi; billaa kan fudhatanu hundinuu billaadhaan badu’oo” jedheen.—Maatewos 26:52, hiika bara 1899.

Yohannis ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Namni waan qajeelaa hin hojjenne, obboleessa isaa hin jaallannes hundinuu, kan Waaqayyoo miti; ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen Seexanaas kanaan in beekamu. Ergichi isin jalqabaa jalqabdanii dhageessan, ‘Wal jaallachuun nuuf ta’a’ isa jedhuu dha. Akka Qaayin ta’uun hin ta’u. Inni kan isa hamaa sanaa ture; obboleessa isaas in ajjeese.”—1 Yohannis 3:10-12.

GAAFFII: Amantiin kun, miseensonnisaa waraanarratti akka hirmaatan jajjabeessaa?

MATADUREE: Siyaasa.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL BARSIISA?: Bara duriitti namoonni tokko tokko Yesus dinqiiwwan hojjechuu akka danda’u erga ilaalanii booda, siyaasa yeroo sanaa keessa akka galu barbaadan. Yeroo kanatti maal godhe? “Yesus namoonni kun dhufanii humnaan isa qabanii, mootii isa godhachuudhaaf abbaluutti akka jiran hubatee, kophaa isaa ammas gara gaaraatti jalaa sokke.”—Yohannis 6:15.

Yesus, namoota mootummaarratti kakaaseera jedhamee yommuu qabame, akkas jechuudhaan deebii kenneera: “Mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti; utuu mootummaa biyya lafa kanaa ta’ee, akka ani warra Yihudootaatti hin kennamneef, namoonni koo anaaf in lolu turan; garuu mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti.”—Yohannis 18:36.

Yesus bartootasaa ilaalchisee yommuu Waaqayyoon kadhate, “Ani dubbii kee isaaniif kenneera; akkuma ani kan biyya lafaa hin ta’in, isaanis kan biyya lafaa waan hin ta’iniif, biyyi lafaa isaan jibbe” jedheera.—Yohannis 17:14.

GAAFFII: Amantiin kun, miseensonnisaa kana gochuunsaanii namoota siyaasaa tokko tokko biratti akka jibbaman kan godhu yoo ta’ellee, fakkeenya Yesus hordofuudhaan siyaasarratti hirmaachuurraa ni fagaataa?

MATADUREE: Loogii.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL BARSIISA?: Warri Yihudoota hin taaneefi dhagna hin qabatin Kiristiyaanota yommuu ta’an, Phexros ergamaan, “Waaqayyo akka nama wal hin caalchifne amma hubadheera. Saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaa dha” jedheera.—Hojii Ergamootaa 10:34, 35.

Yaaqoob Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa ilaalchisee akkas jechuudhaan barreesseera: “Yaa obboloota ko! Gooftaa keenya Yesus Kristos, gooftaa ulfinaatti amantii erga qabaattanii, nama wal hin caalchisinaa! Fakkeenyaaf namni sooressi tokko amartii warqee kaa’atee, uffata ba’eessas uffatee gara walitti qabama keessanii in dhufa; akkasuma namni hiyyeessi uffata xurii uffatus in dhufa. Isin namicha uffata ba’eessa uffate sana yaadaan qabdanii, ‘Ati iddoo ba’eessa kana taa’i!’ jettanii, namicha hiyyeessa sanaan immoo, ‘Ati achi dhaabadhu yookiis as miilla koo bukkeedhaan taa’i!’ in jettu ta’a. Yoo akkas ta’e walii keessan gidduutti garaagarummaa fiduu keessan akkasumas warra yaada hamaadhaan faradan ta’uu keessan mitii ree?”—Yaaqoob 2:1-4.

GAAFFII: Amantiin kun, namoonni hundi Waaqayyo duratti kan wal hin caalle akka ta’aniifi miseensonnisaa sababii sanyiitiin ykn sababii dinagdeetiin eenyuufiyyuu looguu akka hin qabne ni barsiisaa?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 7rra jiru]

Amantiin miseensonnisaa siyaasaan, qomoofi dinagdeedhaan akka wal hin qoonne barsiisu isa kami?