Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Rakkina Addunyaa Maraatiif Furmaata Argachuu

Rakkina Addunyaa Maraatiif Furmaata Argachuu

Rakkina Addunyaa Maraatiif Furmaata Argachuu

RAKKINNI bakka hundatti kan babal’ate si’a ta’u, namoonni hedduunis gara laafinaan kaka’anii namoota rakkataniif gargaarsa godhu. Fakkeenyaaf ogeessonni yaalii fayyaa, warra dhukkubsatan ykn warra madaa’an gargaaruuf hospitaala keessatti sa’aatii dheeraa hojjetu. Hojjettoonni ittisa balaa ibiddaa, poolisoonni, warri seera tumaniifi warri yommuu balaan ga’u nama gargaaran, rakkina namootarra ga’u hir’isuuf ykn ittisuuf carraaqqii godhu. Carraaqqiin akkasii namoota hedduu kan gargaaru ta’us, namni ykn jaarmiyaan addunyaa maratti rakkoowwan ilmaan namootaa furuu danda’u hin jiru. Waaqayyo garuu rakkoowwan kanaaf addunyaa maratti furmaata fiduu danda’a, ni fidas.

Kutaan Macaafa Qulqulluu inni dhumaa, “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!” jechuudhaan nuu mirkaneessa. (Mul’ata 21:4) Abdii kanarraa namoonni meeqa faayidaa akka argatan yaadi. Abdiin kun, Waaqayyo rakkoowwan hunda balleessuuf kaayyoo akka qabu ibsa. Waaqayyo waraana, beela, dhukkuba, murtoo jal’aafi namoota hamoo hunda lafarraa balleessuudhaan kana godha. Namni kamiyyuu kana gochuu hin danda’u.

Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

Waaqayyo, Yesus Kiristos isa du’aa ka’eefi aboosaatiin uumama cufarratti sadarkaa lammaffaarra jirutti fayyadamee kaayyoosaa galmaan ga’a. Yeroon Yesus guutummaa biyya lafaarraa utuu mormiin isarra hin ga’in, Mootii ta’ee bulchu ga’eera. Sana booda ilmaan namootaa mootii, pireezidaantii ykn namoota siyaasaatiin hin bulfaman. Kanaa mannaa, Mootummaa Waaqayyoo isa tokkicha jalatti Mootii tokkoon bulfamu.

Mootummaan sun, mootummoota ilmaan namootaa hunda ni balleessa. Macaafni Qulqulluun waggoota hedduu dura, “Bara mootota sanaatti Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebi’ee matumaa hin badne, isa mo’ichi isaas saba biraatti hin darbine dhaabuuf jira; inni mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata” jechuudhaan raajii dubbateera. (Daani’el 2:44) Namoonni lafarra jiraatan hundi, bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo isa qajeelummaan keessa buufate jalatti tokko ta’u.

Yesus, nama ta’ee yommuu lafarra ture, yeroo baay’ee waa’ee Mootummaa sanaa dubbateera. Kadhannaa akka fakkeenyaatti dhiheesserratti, duuka buutonnisaa, “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” jedhanii akka kadhatan barsiiseera. (Maatewos 6:10) Yesus Mootummichi jaalalli Waaqayyoo lafarratti raawwatamuusaa wajjin walitti dhufeenya akka qabuufi jaalallisaammoo rakkina lafarraa balleessuu akka ta’e ibsuusaa hubadhu.

Mootummaan Waaqayyoo inni qajeelummaan keessa buufatu, eebbawwan mootummoonni ilmaan namootaa fiduu hin dandeenye fida. Yihowaan, ilmaan namootaa jireenya barabaraa akka argataniif Ilmasaa furee gochuudhaan akka kenne yaadadhu. Bulchiinsa gaarii Mootummichaa jalatti, namoonni suutuma suuta mudaa kan hin qabne ta’u. Sana booda Yihowaan, “raawwatees du’a in balleessa, Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa.”—Isaayaas 25:8.

Haata’u malee namoonni tokko tokko, “Waaqayyo kanaan dura maaliif tarkaanfii hin fudhanne? Maal eegaa jira?’ jedhanii gaafatu ta’a. Yihowaan rakkoowwan hunda balleessuuf ykn hambisuuf yeroo dheeraa dura tarkaanfii fudhachuu danda’a ture. Haata’u malee, fedha ofittummaatiif utuu hin ta’in, ijoolleensaa warri lafarra jiran faayidaa barabaraa akka argataniif, rakkinni akka itti fufu heyyameera. Warri jaalala qabeessa ta’an, kana gochuun yeroo dheeraadhaaf mucaasaanii akka fayyadu kan beekan yoo ta’e, mucaansaanii rakkina keessa akka darbu ni heyyamu. Yihowaanis ilmaan namootaa yeroo muraasaaf akka rakkatan sababii itti heyyame kan qabu si’a ta’u, sababiiwwan kunis Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamaniiru. Sababiiwwan kun, mirga filannaa, cubbuufi mirga Yihowaan bulchuuf qabu kan ilaallatanidha. Akkasumas, Macaafni Qulqulluun, Seexanni biyya lafaa kana yeroo muraasaaf akka bulchu isaaf heyyamamuusaa ibsa. *

Sababiiwwan Waaqayyo rakkinni akka jiraatu itti heyyame hunda amma ibsinee fixuu kan hin dandeenye ta’us, wantoonni abdiifi jajjabina nuu kennan lama jiru. Sababii inni tokkoffaan: Yihowaan eebbawwan rakkina nurra ga’erra caalu nuu kenna. Akkasumas Waaqayyo, “Wanti dur ta’e hin yaadatamu, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufu” jechuudhaan waadaa nuu galeera. (Isaayaas 65:17) Waaqayyo, hamminni yeroodhaaf akka jiraatu heyyamuusaatiin, rakkoofi gidiraa nurra ga’u barabaraaf guutummaatti ni balleessa.

Sababii inni lammaffaan, Waaqayyo yeroo itti rakkina balleessu murteesseera. Anbaaqom raajichi, Waaqayyo hamma yoomiitti hamminaafi jibba akka heyyamu gaafatee akka ture yaadadhu. Yihowaanis, “Mul’anni kun yeroo itti raawwatamuun isaaf ta’u [yeroo murame, hiika bara 1899] in eega, . . . hin turus” jechuudhaan deebii kenneeraaf. (Anbaaqom 2:3) Mataduree ittaanurratti akkuma ilaallu, ‘yeroon murame’ kun dhihaateera.

[Footnotes]

^ key. 9 Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif akka heyyame bal’inaan hubachuuf, Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e boqonnaa 11 ilaali.

[Saanduqa fuula 23rra jiru]

Caqasawwan Abdii Gammachiisaa Akka Qabnu Argisiisan

WARAANNI HIN JIRAATU:

“Kottaa, wanta Waaqayyo hojjetu, badiisa isa sodaachisaa inni lafatti fidus ilaalaa! Inni hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu in godha.”—Faarfannaa 46:8, 9.

MICHUUWWAN KEENYA DU’AA KA’U:

‘Warra qajeelotaa fi warra jal’ootaafis du’aa ka’uun jira.’—Hojii Ergamootaa 24:15.

NAMNI NYAATA DHABU HIN JIRAATU:

“Biyyicha keessa midhaan baay’atee irraa haa hafu, hamma bantii tullootaattis gobbatee haa biqilu.”—Faarfannaa 72:16.

DHUKKUBNI NI BADA:

“Isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.”—Isaayaas 33:24.

HAMOONNI NI BALLEEFFAMU:

“Warri jal’oonni garuu biyyicha keessaa in balleeffamu; warri hin amanamnes isa keessaa in buqqifamu.”—Fakkeenya 2:22.

MURTOO QAJEELAAN NI ARGAMA:

“Kunoo, mootiin [Kiristos Yesus] qajeelummaadhaan mo’uu fi gurguddoonni firdii qajeelaadhaan geggeessan in dhufu.” —Isaayaas 32:1.

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Mootummaan Waaqayyoo rakkina kanaan dura nurra ga’e kamiyyuu ni balleessa