Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhugaa Baatonni Yihowaa dinqiidhaan ni fayyisuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa dinqiidhaan ni fayyisuu?

Gaaffii Dubbistootaa . . .

Dhugaa Baatonni Yihowaa dinqiidhaan ni fayyisuu?

▪ Dhugaa Baatonni Yihowaa gonkumaa dinqiidhaan hin fayyisan. Akkuma Yesus, isaanis hojiinsaanii inni guddaan misraachoo Mootummaa Waaqayyoo labsuu akka taʼe amanu. Akkasumas, Kiristiyaanonni dhugaan dinqiidhaan namoota fayyisuudhaan osoo hin taʼin, kana caalaa wanta baayʼee barbaachisaa taʼe raawwachuudhaan akka beekaman ni amanu.

Yesus Kiristos jaarraa jalqabaatti gara laafinaan kakaʼee namoota dhukkubsatan fayyisuunsaa, hunda keenyaaf hiika guddaa kan qabu akka taʼe beekamaadha. Yesus kana gochuudhaan, Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee yeroo bulchutti abdiin “namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru” jedhu akka raawwatamu mirkaneesseera.—Isaayaas 33:24.

Yeroo harʼaahoo? Namoonni saba Kiristiyaanaa keessas taʼe amantiiwwan Kiristiyaanummaadhaa ala taʼan tokko tokko keessa jiran dinqiidhaan akka fayyisan dubbatu. Haataʼu malee, Yesus namoota ‘hojii aangoo maqaasaatiin baayʼee akka hojjetan’ dubbatan ilaalchisee akeekkachiisa cimaa kenneera. Namoota akkasiitiin, “Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!” akka jedhus dubbateera. (Maatewos 7:22, 23) Dinqiin namoonni yeroo harʼaa raawwanneerra jedhan kun, dhugumaan deggersaafi eebba Waaqayyoo akka qaban kan argisiisudhaa?

Yesus dinqiidhaan fayyisuusaa ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu hubadhu. Haala yeroo ammaatti dinqiin itti hojjetamu, haala Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamee jiruu wajjin walbira qabudhaan, dinqiin tokko kan raawwatamu dhuguma gargaarsa Waaqayyootiin taʼuufi dhiisuusaa beekuu dandeenya.

Yesus, namoota dhukkubsatan kan fayyise duuka buutotaafi dhaggeeffattoota baayʼee ofitti harkisuuf jedhee hin turre. Kanaa mannaa, namoota baayʼee kan fayyise utuu namoonni hin argin ture. Yeroo baayʼee, namoonni inni fayyisu dinqii raawwatame eenyuttiyyuu akka hin himne isaan akeekkachiisa ture.—Luqaas 5:13, 14.

Yesus, dinqii raawwatuuf gonkumaa gatii hin gaafanne. (Maatewos 10:8) Yeroo hundaas dinqii raawwatuun milkaaʼina argata ture. Namoonni dhukkubsatanii garasaa dhufan hundi guutummaatti kan fayyan yoo taʼu, fayyinni isaan argatanis, amantii isaan qabanirratti kan hundaaʼe hin turre. (Luqaas 6:19; Yohannis 5:5-9, 13) Yesus nama duʼellee kaaseera!—Luqaas 7:11-17; 8:40-56; Yohannis 11:38-44.

Yesus dinqiiwwan kana hunda godhus, xiyyeeffannaansaa inni guddaan namoonni dinqiiwwan inni raawwate arguudhaan miiraan jeeqamanii duuka buutotasaa taʼuuf akka kakaʼan gochuu hin ture. Kanaa mannaa, hojiin inni dursa kennuuf misraachoo Mootummaa Waaqayyoo labsuu ture. Yesus duuka buutonnisaa namoota kaan bartoota akka godhan isaan barsiiseera. Bartoonni kunimmoo warri kaan Mootummaa Waaqayyoo jalatti fayyaa guutuu akka argatan barsiisu turan.—Maatewos 28:19, 20.

Dhugaadha, duuka buutonni Yesus jaarraa tokkoffaatti jiraatan, dinqiidhaan fayyisuuf kennaa addaa kan qaban taʼuyyuu, kun wanta gara fuulduraatti hafu ture. (1 Qorontos 12:29, 30; 13:8, 13) Kiristiyaanonni dhugaan yeroo ammaa jiran dinqiidhaan fayyisuudhaan osoo hin taʼin, jaalala fedhii ofii aarsaa gochuudhaan argisiifamuun beekamu. (Yohannis 13:35) Dinqiin namoota fayyisuu bara ammaatti godhamu, Kiristiyaanota sanyii hundumaa keessaa dhufaniifi haala addaddaa qaban jaalala akkasiitiin walitti hidhee maatii tokko gochuu hin dandeenye.

Haataʼu malee, gareen Kiristiyaanotaa jaalala cimaadhaan tokkummaa qabaniifi yeroo walitti buʼiinsi cimaan namoota gidduutti uumamuttillee waliisaaniis taʼe warra kaan miidhuu hin barbaanne jiru. Kiristiyaanonni kun warra kami? Dhugaa Baatota Yihowaa yommuu taʼan, isaanis addunyaa maratti jaalala akka Yesus argisiisuudhaan beekamu. Namoota sanyii, lammummaa, aadaafi haala addaddaa keessaa dhufan tokko gochuun waan dinqii taʼedha. Kun taʼuu kan dandaʼu gargaarsa hafuura Waaqayyootiin qofadha. Kana, walgaʼii isaan godhan keessaa tokkorratti argamtee ofii keetiin ilaalu dandeessaa?

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Namoonni yeroo harʼaa dinqiidhaan fayyisan (gara mirgaatti) dhugumaan deggersa Waaqayyoo qabuu?