Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Miidhaa Wal Hiikuun Geessisu Dandaʼanii Jiraachuu

Miidhaa Wal Hiikuun Geessisu Dandaʼanii Jiraachuu

“Waanan qabee gadhiisun wallaale. Jireenyi gaariin ani jiraachaa ture hundi akkuma tasaa jijjiirame.”​—MAARK, * haadha manaasaa wajjin erga wal hiikanii waggaa tokko.

“Abbaan manaakoo shamarree umriinshee umrii intala keenyaa wajjin qixxee taʼe faana ejja raawwate. Amallisaa gaarii waan hin turreef yommuu wal hiikne baayʼee gammadee kanan ture taʼus, qaaniifi gatii akkan hin qabne natti dhagaʼame.”​—EEMALIIN, abbaa manaashee wajjin erga wal hiikanii waggaa 17.

Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko jireenya fooyyaʼaa jiraachuu akka dandaʼan waan isaanitti dhagaʼamuuf wal hiiku. Kaanimmoo gaaʼellisaanii akka itti fufu kan barbaadan taʼus, hiriyaan gaaʼelaasaanii garuu waan hin barbaanneef wal hiikuuf dirqamu. Kanas taʼe sana, hiriyoonni gaaʼelaa wal hiikan hedduun jireenyisaanii isa abdatanii turanirra baayʼee ulfaataa taʼuusaa hubataniiru. Hiriyaa gaaʼelaakee wajjin kan wal hiikte dhiheenyatti taanaan, haalli ati keessa jirtu wanta jireenyakee keessatti si mudate kamiyyuu caalaa ulfaataa akka taʼe sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Kanaaf, gorsa Macaafa Qulqulluu miidhaa wal hiikuun geessisu dandeessee jiraachuuf si gargaaru tokko tokko qoruunkee gaariidha.

RAKKINA 1: MIIRA HIN TAANE.

Rakkinni qarshii wajjin wal qabate, itti gaafatamummaan ijoollee guddisuuf qabduufi kophaa jiraachuun sitti ulfaachuufi miirri akkasii yeroo dheeraadhaaf sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Hayyuu xiinsammuu kan turte Juudaat Waalaristiin akka jetteetti namoonni tokko tokko wal hiikanii waggaa baayʼee boodallee, hiriyaan gaaʼelaasaanii akka isaan ganeefi akka isaan gate itti dhagaʼama. “Jireenyi jalʼinaan kan guutameefi abdii kan nama kutachiisu akka taʼe yaadu; kophummaanis isaanitti dhagaʼama.”

WANTA GOCHUU DANDEESSU

  • Gadda sitti dhagaʼamu hin ukkaamsin. Hiriyaa gaaʼelaakee ammayyuu waan jaallattuuf ni yaaddaan taʼa. Hariiroon gidduu keessan ture gaarii akka hin taane beektus, gammachuun gaaʼelarraa argachuuf hawwite fashalaaʼuunsaa baayʼee si gaddisiisa taʼa. (Fakkeenya 5:18) Kanaan kan kaʼe miirrikee yeroo jeeqamu ‘booʼuuf’ qaaniin sitti hin dhagaʼamin.​—Lallaba 3:1, 4.

  • Namootarraa adda of hin baasin. Gadda sitti dhagaʼamerraa boqonnaa argachuuf jecha yeroo dheeraadhaaf namootarraa adda of baasuun gaarii miti. (Fakkeenya 18:1, hiika bara 1899) Michootakee wajjin yommuu haasoftu hiriyaa gaaʼelaakee durii ilaalchisee yeroo hunda komii (sirriillee yoo taʼe) kaasuun namoonni akka sirraa fagaatan gochuu waan dandaʼuuf, yaada nama jajjabeessu qofa dubbadhu. Erga wal hiiktanii baayʼee utuu hin turin murtoo cimaa gochuun kan si barbaachisu taanaan, nama imaanaa irratti gattu gargaarsa gaafadhu.

  • Fayyaa keetiif xiyyeeffannaa kenni. Wal hiikuun yeroo baayʼee dhibee fayyaa kanneen akka dhiibbaa dhiigaa ykn mataa bowwuu cimaa (maayigireenii) geessisuu dandaʼa. Kanaaf, akka gaariitti sooradhu, sochii qaamaa godhi, akkasumas hirriba gaʼaa rafi.​—Efesoon 5:29.

  • Wantoota hiriyaa gaaʼelaakee duriirratti akka aartu si godhan of duraa fageessi. Wantoota barbaachisaa taʼan garuu hin gatin. Suurri cidhaa miirakee ni jeeqa taanaan, walitti qabii ijoollee keetiif kaaʼi.

  • Yaada hin taanerraa fagaadhu. Oolgaa isheen abbaan manaashee ejja waan raawwateef isa hiikte, “‘Narraa maaltu isa hanqannaan ishee bira deeme?’ jedheen yeroo hunda of gaafadha” jetteetti. Haataʼu malee yeroo booda, yaada hin taanerratti xiinxaluun ‘yaadni namaa akka cabu’ kan godhu taʼuusaa hubatteetti.​—Fakkeenya 18:14.

    Namoonni hedduun yaada gara sammuusaaniitti dhufu barreessuun miirasaanii sirriitti hubachuufi yaadasaanii toʼachuuf akka isaan gargaare dubbatu. Atis akkas gochuunkee, yaada hin taanerratti utuu hin taʼin yaada gaarii taʼerratti xiinxaluuf si gargaara. (Efesoon 4:23) Mee fakkeenya lama haa ilaallu:

    Yaada hin taane: Hiriyaan gaaʼelaakoo ejja kan raawwate balleessaa kootiinidha.

    Yaada sirrii: Ani hanqina qabaadhullee hiriyaan gaaʼelaakoo ejja raawwachuunsaa sirriidha jechuu miti.

    Yaada hin taane: Umrii dargaggummaakoo nama hin taanee wajjinan balleesse.

    Yaada sirrii: Wanta darbe dhiisee isa gara fuulduraarratti yoon xiyyeeffadhe gammaduu nan dandaʼa.

  • Yaada nama miidhuufi namoonni kaan dubbataniif xiyyeeffannaa hin kennin. Hiriyoonniifi firoonnikee si miidhuuf yaadanii taʼuu baatuyyuu yaada si miidhu ykn sirrii hin taane dubbachuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, ‘Duras taanaan nama siif taatu hin turre’ ykn ‘Waaqayyo wal hiikuu ni jibba’ siin jedhu taʼa. * Macaafni Qulqulluun, “Wanta namni dubbatu hunduma isaa yaadaan hin qabin!” kan jedhu sababii malee miti. (Lallaba 7:21) Maarteenaa isheen erga abbaa manaashee wajjin wal hiiktee waggaan lama darbe, “Dubbii nama miidhurratti xiinxaluu mannaa, wanta tokko akka ilaalcha Waaqayyootti hubachuuf carraaqqiin godha. Yaanni Waaqayyoo yaada keenyarraa baayʼee fagoodha” jetteetti.​—Isaayaas 55:8, 9.

  • Waaqayyoon kadhadhu. Waaqayyo namoonni isa waaqeffatan keessumaa dhiphinni cimaan ennaa isaan mudatu, ‘yaaddoosaanii hundumaa isatti gatanii akka dhiisan’ isaan jajjabeessa.​—1 Phexros 5:7.

AKKAS GOCHUUF YAALI: Caqasoota Macaafa Qulqulluu na fayyadu jettee yaaddu barreessuudhaan bakka arguu dandeessu kaaʼi. Namoonni hedduun caqasoota olitti argamaniin alattis caqasoota kanneen akka, Faarfannaa 27:10; 34:18; Isaayaas 41:10⁠fi Roomaa 8:38, 39⁠rraa faayidaa argataniiru.

Haalli rakkisaa taʼe yommuu si mudatu Dubbii Waaqayyootti gargaarami

RAKKINA 2: HARIIROO HIRIYAA GAAʼELAAKEE DURII WAJJIN QABDU.

Juuliyaanaa, isheen waggaa 11f gaaʼela keessa turte, “Abbaan manaakoo na dhiisee akka hin deemne isa kadhadheen ture. Erga deemee booda garuu isas taʼe dubartii isaa wajjin jiraattutti nan aaran ture” jechuudhaan dubbatteetti. Namoonni wal hiikan hedduun, waggoota dheeraadhaaf hiriyaa gaaʼelaasaanii duraaniitti aaruu dandaʼu. Ijoollee qabu taanaanimmoo yeroo yerootti waliin haasaʼuuf dirqamuu dandaʼu.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

  • Hiriyaa gaaʼelaakee durii wajjin nagaa qabaachuuf yaali. Wantoota barbaachisoo taʼan qofarratti xiyyeeffadhu; haasaan keessan gabaabaafi dhimmicha qofarratti kan xiyyeeffate haataʼu. Namoonni hedduun akkas gochuun nagaan gidduusaanii akka jiraatu gochuuf akka gargaaru hubataniiru.​—Roomaa 12:18.

  • Yaada nama aarsu hin dubbatin. Keessumaa miidhaan akka sirratti raawwatame yommuu sitti dhagaʼamutti gorsa Macaafa Qulqulluu, “Namni beekaan of qusachaa dubbata” jedhu hojiirra oolchuunkee ogummaa guddaadha. (Fakkeenya 17:27) Yeroo sanatti karaa naga qabeessa taʼeen waliin haasaʼuu yoo dadhabdan, “Mee dhimma kanarratti ergan yaadee booda yeroo kan biraa waliin haa haasofnu” jechuu dandeessa.

  • Hanga sii dandaʼametti dhimmoota hiriyaa gaaʼelaakee durii wajjin wal si qunnamsiisan kanneen akka seera, qarshiifi yaalii fayyaa wajjin wal qabatan hambisuuf yaali.

AKKAS GOCHUUF YAALI: Hiriyaa gaaʼelaakee durii wajjin yommuu haasoftu abbaan tokko dheekkamaa ykn karaa sirrii hin taaneen yaadasaa ibsaa akka jiru yoo sitti dhagaʼame, yeroodhaaf maricha dhaabuuf ykn iimeeliidhaan waliin haasaʼuuf yaada dhiheessi.​—Fakkeenya 17:14.

RAKKINA 3: IJOOLLEENKEE HAALA JIRUU WAJJIN AKKA WAL BARAN GARGAARUU.

Maariyaan haala tibba abbaa manaashee wajjin wal hiikte ture ilaalchisee akkas jetteetti: “Intallikoo isheen xinnoon yeroo hunda boossi; iddoo ciisichaatti fincaaʼuu dhiistee kan turte taʼus fincaaʼuu jalqabde. Intallikoo isheen guddoon miirashee dhoksuuf yaaluu yommuu isheen jalqabde isheerrattis jijjiiramni akka jirun hubadhe.” Kan nama gaddisiisu garuu, yommuu gargaarsi guddaan ijoolleekee barbaachisu kanatti, isaan gargaaruuf yeroofi jabina miiraa akka hin qabne sitti dhagaʼamuu dandaʼa.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

  • Ijoolleenkee bilisaan miirasaanii akka ibsan isaan jajjabeessi. Yeroo tokko tokko akkaataan isaan itti dubbatan ‘dheekkamsa’ (hiika bara 1899) kan kaasu yoo taʼeyyuu miirasaanii akka ibsan gochuun gaariidha.​—Iyoob 6:2, 3.

  • Itti gaafatamummaa sirrii hin taane hin kenniniif. Deggersi miiraa yommuu si barbaachisuufi mucaan keemmoo deggersa kana siif gochuuf fedhii yoo qabaate, gargaarsa namni guddaan siif gochuu qabu mucaa keerraa eeguun sirrii miti. (1 Qorontos 13:11) Mucaankee nama iccitiikee wajjin haasoftu ykn siifi hiriyaa gaaʼelaakee duraanii gidduu oduu kan deddeebisu akka taʼu hin godhin.

  • Mucaankee jireenya dhaabataa taʼe akka jiraatu godhi. Bakka jireenyaafi sagantaa dhaabataa taʼe qabaachuun gaariidha; wanti hunda caalaa barbaachisaa taʼe garuu, maatiidhaan wantoota hafuuraarratti mariʼachuu, jechuunis Macaafa Qulqulluu waliin dubbisuufi waaqeffannaa maatii gochuudha.​—Keessa Deebii 6:6-9.

AKKAS GOCHUUF YAALI: Torban kana keessa, ijoolleekee akka jaallattuufi hiriyaa gaaʼelaakee wajjin wal hiikuu keetiif isaan sababa akka hin taane mirkaneessiif. Hiriyaan gaaʼelaakee duraanii balleessaa akka qabu utuu hin dubbatin gaaffii isaan si gaafataniif deebii kenniif.

Hiriyaa gaaʼelaakee wajjin erga wal hiiktanii boodas, jireenya mataakee jiraachuu ni dandeessa. Meeliisaa isheen waggaa 16 gaaʼela keessatti dabarsite, “Hiriyaa gaaʼelaakoo yommuun hiike, ‘Jireenyikoo akkas akka taʼu hin barbaadun ture’ jedheen yaade” jetteetti. Haataʼu malee yeroo ammaa, haalli akkasii ishee mudatus jireenyasheetti gammaduu dandeesseetti. “Wanta darbe sirreessuuf yaalii gochuu ergan dhaabee booda, miira gaariitu natti dhagaʼamuu jalqabe” jechuudhaan dubbatteetti.

^ key. 2 Maqaawwan mataduree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 18 Waaqayyo hiriyaa gaaʼelaa ofii gowwoomsuudhaan ykn haxxummaadhaan hiikuu ni jibba. Haataʼu malee, hiriyaan gaaʼelaa inni tokko ejja yoo raawwate, inni balleessaan irratti raawwatame hiikuuf mirga akka qabaatu heyyameera. (Miilkiyaas 2:16; Maatewos 19:9) Barruu Dammaqaa! Guraandhala 8, 1994, mataduree, “Macaafni Qulqulluun Maal Jedha?—Waaqayyo Wal Hiikuu Gosa Akkamii Jibba?” jedhuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe ilaali. (Ingiliffa)

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .

  • Gadda wal hiikuu keenyatti natti dhagaʼamu ukkaamsuufan yaalamoo sirriittan ibsa?

  • Hiriyaa gaaʼelaakoo duraanii wajjin haala wal qabateen aarii natti dhagaʼamu irraanfachuu kanan dandaʼu akkamitti?