Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qorumsa Moʼuu Ni Dandeessa!

Qorumsa Moʼuu Ni Dandeessa!

“Pornoograafii ilaaluuf fedhii hin qabun ture. Haataʼu malee, Intarneetii utuun fayyadamaa jiruu ergaa gabaabaan tokko dhufe. Akkuma tasaa ergaa dhufe sana tuqeen bane.”—KOODII. *

“Dubartii bareedduun tokko bakka hojiitti na kolomsuu jalqabde. Gaaf tokko hoteela dhaqnee akka waliin taphannu na afeerte. Wanti isheen barbaadde sirriitti naa galee ture.”—DIILAAN.

NAMOONNI tokko tokko qorumsi kan nama gammachiisu akka taʼetti yaadu; warri kaanimmoo diina isaan ariʼatuufi ofirraa ittisuu qaban akka taʼetti yaadu. Atoo maaltu sitti dhagaʼama? Qorumsi yeroo si mudatu keessummeessuumoo ofirraa ittisuu qabda?

Hawwii gadhee, keessumaa hawwii gara ejjaatti nama geessu keessummeessuun, haalli gaddisiisaan akka nu mudatu gochuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun, “Namni ejju qalbii hin qabu, namni kana godhu of in balleessa” jechuudhaan nu akeekkachiisa.—Fakkeenya 6:32, 33.

Qorumsi gara ejjaatti nama geessu akka tasaa yoo si mudate maal gochuu qabda? Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo halalummaa irraa fagaattanii qulqullummaatti jiraachuu isin irraa in fedha” jechuudhaan deebii nuu kenna. (1 Tasaloniiqee 4:3) Ejjennoo cimaa akka qabaattu kan si gargaaru maalidha? Tarkaanfii kana gochuuf si gargaaru sadii ilaali.

Tarkaanfii 1: Ijakee Eeggadhu

Wantoota fedhii qunnamtii saalaa kakaasan ilaaluun, hawwii gadheen akka nu keessatti uumamu gochuun alatti faayidaa hin qabu. Yesus, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” jechuudhaan, ilaaluufi fedhii gidduu walitti dhufeenyi jiraachuusaa nuu mirkaneesseera. Kana malees, mala dubbii arbeessuutti fayyadamee, “Iji kee mirgaa cubbuu yoo si hojjechiise, isa of keessaa baasii gati” jechuudhaan gorsa kenneera. (Maatewos 5:28, 29) Wanti Yesus nu barsiisuu barbaade maalidha? Qorumsa moʼuudhaaf, ejjennoo cimaa qabaachuufi wantoota fedhii qunnamtii saalaa kakaasan ilaaluurraa ija keenya deebisuu qabna.

Fakkii fedhii qunnamtii saalaa kakaasurraa garagali

Fakkeenyaaf, ifa cimaa yeroo namni tokko sibiila baqsuudhaan walitti suphu uumamu akka tasaa argite haa jennu. Dhaabbattee ifa sana ilaaluukee itti fuftaa? Akkas akka hin goone beekamaadha! Daftee irraa garagalta ykn ijakee haguuggatta. Haaluma walfakkaatuun, wanta qunnamtii saalaatiif si kakaasu waraqaarratti, fiilmiidhaan ykn qaamaan akka tasaa yoo argite dafii irraa garagali. Sammuunkee akka hin faalamne eeggadhu. Juwaan inni kanaan dura pornoograafii ilaaluun araada itti taʼee ture, “Dubartii bareedduu yeroon argu, irra deddeebiʼee ishee ilaaluufan qorama. Kanaaf, of dirqisiiseen irraa garagala. Achiis, ‘Yihowaa kadhadhu! Ammuma kadhachuunkee baayʼee barbaachisaadhan’ ofiin jedha. Ergan kadhadhee booda hawwiin na keessa ture ni bada.”—Maatewos 6:9, 13; 1 Qorontos 10:13.

Iyoob inni amanamaa taʼes, “Ani ija kootii wajjin kakuudhaan walii galeera, egaa attamittan ija hawwaatiin gara durbaa ilaala ree?” jedheera. (Iyoob 31:1) Atoo murtoo akkasii maaliif hin gootu?

Akkas gochuuf yaali: Wanta fedhii qunnamtii saalaa kakaasu tokko akka tasaa yoo argite dafii irraa garagali. Barreessaan Macaafa Qulqulluu tokko, “Ija koo wanta waaʼee hin baafne ilaaluu irraa jalʼisi” jechuudhaan kadhateera; atis fakkeenyasaa hordofi.—Faarfannaa 119:37.

Tarkaanfii 2: Yaadakee Eeggadhu

Hundi keenyayyuu mudaa waan qabnuuf, darbee darbee hawwii gadhee wajjin walʼaansoo wal qabna taʼa. Macaafni Qulqulluun, “Tokkon tokkon namaa kajeellaa ofii isaatii isa hamaadhaan harkifamee yommuu qabamu in qorama. Kajeellaan hamaan erga iddoo gaʼee cubbuu in dhala” jedha. (Yaaqoob 1:14, 15) Amala oolee bulee araada sitti taʼuufi keessaa baʼuun si rakkisuu dandaʼurraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti?

Yaadni gadheen yeroo sitti dhufu yeruma sana kadhadhu

Hawwii gadheen yeroo sitti dhufu, tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qabdu kan murteessu si akka taʼe yaadadhu. Hawwii akkasii ofirraa faccisi. Sammuukee keessaa baasi. Wantoota fedhii qunnamtii saalaa kakaasan yaaduurraa fagaadhu. Namni Tirooy jedhamuufi pornoograafii ilaaluun araada itti taʼee ture tokko, “Yaada gaarii taʼerratti xiyyeeffachuudhaanan, yaada gadhee sammuukoo keessaa baasuuf carraaqa. Akkas gochuun salphaa hin turre. Yaadni akkasii yeroo baayʼee natti deddeebiʼa ture. Yeroo booda garuu yaadakoo toʼachuu dandaʼeera” jedheera. Dubartiin Eelsaa jedhamtuufi dargaggummaasheetti hawwiin qunnamtii saalaa raawwachuu ishee qoraa ture, “Hojiidhaan qabamuudhaan, akkasumas Yihowaa kadhachuudhaan yaada gadhee natti dhufu moʼuu dandaʼeen ture” jetteetti.

Akkas gochuuf yaali: Yaadni gadheen yeroo sitti dhufu yeruma sana kadhadhu. “Waaʼee waanuma dhugaa taʼee, waanuma ulfina qabuu, waanuma qajeelaatti lakkaaʼamuu, waanuma qulqulluu taʼee, waanuma jaallatamaa, waanuma gurratti toluu, waanuma gaarii taʼee, waanuma galata qabuu” yaaduudhaan yaada gadhee ofirraa faccisi.—Filiphisiiyus 4:8.

Tarkaanfii 3: Adeemsakee Eeggadhu

Hawwiin, qorumsiifi carraan wanta sana raawwachuuf si dandeessisu wal faana yeroo dhufu, salphaadhumatti rakkinaaf saaxilamuu dandeessa. (Fakkeenya 7:6-23) Rakkina akkasiirraa ooluu kan dandeessu akkamitti?

“Yeroo namoonni na bira jiranittan Intarneetii fayyadama”

Macaafni Qulqulluun, “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata, namni wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas” jechuudhaan gorsa ogummaarratti hundaaʼe kenna. (Fakkeenya 22:3) Kanaafuu adeemsakee eeggadhu. Wantoota rakkina uumuu dandaʼan dursitee beekuuf yaali; achiis irraa fagaadhu. (Fakkeenya 7:25) Namni Fiiliip jedhamuufi araada poornoogiraafii moʼuu dandaʼe tokko akkas jedheera: “Kompiitara keenya iddoo namni hundi arguu dandaʼurra kanan kaaʼe siʼa taʼu, sooftiweerii wantoota hin barbaachisne calalus irratti feʼeera. Yeroo namoonni na bira jiranittan Intarneetii fayyadama.” Tirooy inni armaan olitti caqasames, “Fiilmii fedhii qunnamtii saalaa kakaasu ilaaluufi namoota waaʼee qunnamtii saalaa gadhiisiidhaan haasaʼanii wajjin yeroo dabarsuu nan dhiise. Rakkina keessa of galchuu hin barbaadu” jedheera.

Akkas gochuuf yaali: Dadhabina kee amanamummaadhaan qori; achiis wantoota qorumsa keessa si galchuu dandaʼanirraa fagaachuuf dursii karoorfadhu.—Maatewos 6:13.

ABDII HIN KUTATIN!

Utuma carraaqqii guddaa gootuu, qorumsaaf yoo moʼamtehoo? Abdii kutattee carraaqqii gochuukee hin dhiisin. Macaafni Qulqulluun, “Namni qajeelaan siʼa torba utuma kufee iyyuu, deebiʼee in kaʼa” jedha. (Fakkeenya 24:16) Eeyyee, Abbaan keenya inni samii ‘deebinee akka kaanu’ nu jajjabeessa. Gargaarsa inni jaalalaan kakaʼee sii godhu ni fudhattaa? Taanaan, kadhannaa dhiheessuurraa duubatti hin jedhin. Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan amantiikee guddifadhu. Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti argamuudhaan murtoonkee akka cimu godhi. Waadaa Waaqayyo, “Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras” jechuudhaan galerraa jajjabina argadhu.—Isaayaas 41:10.

Koodiin inni jalqabarratti caqasame akkas jedheera: “Araada pornoograafii moʼuun carraaqqii guddaa gochuu na gaafateera. Baayʼee kan na rakkisee ture taʼus, dhumarratti gargaarsa Waaqayyootiin milkaaʼuu dandaʼeera.” Diilaan inni armaan olitti caqasames, “Dubartii naa wajjin hojjettu sanaa wajjin salphaadhumatti qunnamtii saalaa raawwachuu nan dandaʼan ture. Ani garuu ejjennoo kootti jabaachuudhaan ‘Hin taʼun!’ isheedhaan jedhe. Sammuu qulqulluu qabaachuun nama gammachiisa. Hunda caalaammoo, Yihowaan akka natti gammadu beeka” jedheera.

Atis ejjennoo keetti jabaattee qorumsa yeroo mootu, Waaqayyo akka sitti gammadu mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeessa!—Fakkeenya 27:11.

^ key. 2 Maqaawwan mataduree kana keessa jiran jijjiiramaniiru.