Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Phaawulos lammummaa warra Roomaa qabaachuun isaa kan isa fayyade akkamitti?

Phaawulos mootii warra roomaatti ol iyyannoo dhiheeffateera

Bara duriitti namni lammummaa warra Roomaa qabu tokko bulchiinsa isaanii keessaa bakka fedhe yoo deeme mirgaa fi carraa tokko tokko argata ture. Namni lammii Roomaa taʼe seera warra Roomaatiif bitama malee, seera kutaawwan biyyaa bulchiinsa ishee keessatti argamaniif miti. Yoo himatame, akka seera naannichaatti himata sana fudhachuu kan dandaʼu taʼus, mana murtii warra Roomaatti ol iyyannoo dhiheeffachuuf mirga qaba. Adabbiin isaa duʼa yoo taʼe immoo, mirga mootichatti ol iyyannoo dhiheeffachuu qaba.

Mirgawwan akkasii wajjin haala wal qabateen, Dh.K.B. jaarraa tokkoffaatti abbaa taayitaa warra Roomaa kan turee fi Siseeroo kan jedhamu, ‘Nama lammii Roomaa taʼe tokko hidhuun yakka dha; rukutuun immoo hammina dha; isa ajjeesuun immoo warra ykn fira dhihoo ajjeesuu irraa adda baʼee kan ilaalamu akka hin taane’ dubbateera.

Phaawulos ergamaan guutummaa bulchiinsa warra Roomaa keessatti lallabeera. Mirga lammii warra Roomaa taʼuudhaan qabu haala adda addaa sadiin itti fayyadameera: (1) Bulchitoonni Filiphisiyus yommuu isa reebanitti mirga isaa akka dhiiban dubbateera. (2) Yerusaalemitti reebicha isa irra gaʼee ture jalaa ooluuf lammii Roomaa akka taʼe ibseera. (3) Murtoon isaa mootii warra Roomaatiin akka isaaf ilaalamu ol iyyannoo dhiheeffatee ture.—Hojii Ergamootaa 16:37-39; 22:25-28; 25:10-12.

Bara duriitti tiksitootaaf mindaan kan kaffalamu akkamitti ture?

Kiyuniifoormii walii galteen gurgurtaa hoolotaa fi reʼootaa irratti barreeffame, dh.k.d. bara 2050

Yaaqoob hoolota Laabaan isa wasiila isaa taʼee waggaa 20f eegeera. Yaaqoob waggoota 14n jalqabaa itti hojjeteef Laabaan intaloota isaa lamaan kan isatti heerumsiise yommuu taʼu, waggoota 6n itti aanan inni hojjeteef immoo hoolota hedduutu isaaf kenname. (Uumama 30:25-33) Barruun Bibilikaal Arkiʼooloojii jedhamu, “Walii galteen tiksee, jechuunis kan akka isa kan Laabaanii fi Yaaqoob gidduutti godhamee barreessitoota fi dubbistoota Macaafa Qulqulluu bara durii biratti beekamaa ture” jechuudhaan ibseera.

Qorannoowwan dachee Nuuzii, Laarsaa fi naannoowwan Iraaq ishee ammaatti argamanitti godhaman irraa walii galteen kanaa wajjin wal fakkaatu argamaniiru. Walii galteen kan turu waggaa tokkoof, jechuunis yeroo itti rifeensi hoolotaa irraa muramuu kaasee hanga waggaa itti aanuutti dha. Horiiwwan akka umrii fi saala isaaniitti galmeeffamanii tiksitoonni sun akka kunuunsan godhama. Waggaa tokko booda abbaan horiiwwan sanaa akka walii galtee isaaniitti suufii, buʼaawwan aannanii, ilmoolee fi k.k.f. gaʼee isaa fudhata. Isa hafe immoo tiksituu sanatu fudhata.

Baayʼinni horiiwwan sanaa dabaluun isaa kan hundaaʼe, horiiwwan dhaltuu tikseen sun akka eeguuf itti kennaman irratti dha. Dimshaashumatti horii dhaltuun 100, ilmoolee 80 akka kennan irraa eegama ture. Baayʼinni horiiwwanii isa eegamu irraa akka hin hirʼanne tikseen sun carraaqqii gochuu qaba. Kanaaf tikseen sun sababa itti horiiwwan adaraadhaan isatti kennaman akka gaariitti kunuunsu qaba jechuu dha.