Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA | YAADDOO MOʼUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

Waaʼee Maatii Yaaddaʼuu

Waaʼee Maatii Yaaddaʼuu

Jaaneet akkana jetteetti: “Abbaan koo duʼee utuu baayʼee hin turin, abbaan manaa koo dubartii gara biraa akka jaallate natti hime. Achiis akkuma tasaa utuu nagaa nutti hin dhaamin, saanduqa dhaabbii isaa onsee anaa fi ijoollee keenya lamaan dhiisee deeme.” Jaaneet hojii kan argatte taʼus, mindaan ishiidhaaf kaffalamu wanta mana ishiitiif barbaachisu guutuuf ishii hin gaʼu ture. Taʼus rakkina qarshii caalaas wanti ishii yaaddessu jira ture. Akkana jetteetti: “Itti gaafatamummaa haaraan ani kophaa koo raawwachuu qabu hedduu taʼuu isaa hubachuun koo akka malee na yaaddesse. Wanta maatiiwwan kaan godhan ijoollee kootiif gochuu waanan dadhabeef sammuun koo na ceephaʼa ture. Amma illee ilaalchi namoonni anaa fi ijoollee kootiif qaban na yaaddessa. Gaaʼela koo oolchuuf wanta naaf dandaʼame hunda gochuu koo ni shakkuu laata?”

Jaaneet

Jaaneet miira ishii akka toʼattuu fi michummaa Waaqayyoo wajjin qabdu akka cimsattu kadhannaan ishii gargaareera. “Keessumaa halkan yeroo wanti hundi callisuu fi yaaddoon anatti baayʼatu haalli isaa ulfaataa dha. Kadhannaa gochuu fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuun hirriba rafuuf na gargaara. Caqasni ani baayʼee jaalladhu Filiphisiiyus 4:6, 7 siʼa taʼu, caqasichi akkana jedha: ‘Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.’ Guyyoota hedduudhaaf halkan kadhachaa kanan bule siʼa taʼu, nagaan Yihowaas akka na jajjabeesse natti dhagaʼama.”

Wanti Yesus kadhannaa ilaalchisee Lallaba Gaaraa irratti, “Abbaan keessan, utuudhuma isin hin himatin iyyuu waan isiniif barbaachisu in beeka” jechuudhaan dubbate, yaaddoo gosa hundumaa moʼuuf ni gargaara. (Maatewos 6:8) Nutis isa kadhachuun keenya barbaachisa dha. Kadhannaan karaa ‘gara Waaqayyootti dhihaachuu’ itti dandeenyu keessaa isa guddaa dha. Kana gochuun buʼaa maalii qaba? “Innis isinitti in dhiʼaata.”—Yaaqoob 4:8.

Eeyyee, kadhannaan yaaddoo keenya waan ibsineef qofa miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu gochuu caalaa wanta raawwatu qaba. Yihowaan inni ‘kadhata namaa dhagaʼu’ namoota amantiidhaan isa barbaadan hunda gargaaruufis tarkaanfii ni fudhata. (Faarfannaa 65:2) Yesus duuka buutonni isaa, “yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif taʼu, kadhachuus akka hin dadhabne” kan isaan barsiise kanaafi. (Luqaas 18:1) Waaqayyo amantii argisiisneef akka nu kiisu mirkanaaʼoo taanee, qajeelfamaa fi gargaarsa akka nuu kennu yeroo hunda isa kadhachuu qabna. Fedhii ykn dandeettii inni nu gargaaruuf qabu matumaa shakkuu hin qabnu. Haala kanaan, ‘itti fufnee kadhachuun’ keenya amantii dhugaa akka qabnu argisiisa.—1 Tasaloniiqee 5:17.

AMANTII QABAACHUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?

Haa taʼu malee, amantiin maali dha? Amantiin, Waaqayyo qaama mataa isaa akka qabu ‘beekuu’ dabalata. (Yohannis 17:3) Jalqaba, Kitaaba Qulqulluutti fayyadamnee yaada Waaqayyoo akka gaariitti hubachuudhaan kana gochuu dandeenya. Waaqayyo tokkoo tokkoo keenya akka ilaaluu fi nu gargaaruu akka barbaadu ni baradna. Haa taʼu malee, amantii dhugaan waaʼee Waaqayyoo waan tokko beekuu caalaa waan dabalatu qaba. Isaa wajjin michummaa cimaa kabaja irratti hundaaʼe qabaachuus kan dabalatu dha. Akkuma nama tokkoo wajjin takkaatti michoomuu hin dandeenye, michummaa akkasiis guyyaa tokkotti uumuu hin dandeenyu. Waaʼee isaa caalaatti yommuu barannu, ‘wanta isa gammachiisu yommuu hojjennuu’ fi gargaarsa isaa yommuu argachaa deemnu, ‘amantiin’ keenya guddachaa deema. (2 Qorontos 10:15; Yohannis 8:29) Jaaneet yaaddoo akka mootu kan ishii gargaare amantii akkanaa qabaachuu ishii ture.

Jaaneet akkana jetteetti: “Wanti dhugumaan amantii koo akkan guddifadhu na gargaare, tarkaanfiin fudhadhu hunda irratti harka Yihowaa arguu koo ture. Yeroo baayʼee jalʼinni humna keenyaa ol akka taʼe nutti dhagaʼamu nu mudateera. Kadhannaa hedduu erga goonee booda, Yihowaan yeroo baayʼee karaa ani matumaa ofii kootii hin yaadneen keessaa nu baaseera. Isa galateeffachuun koo wanta hedduu akkamii akka inni naaf godhe na yaadachiisa. Yihowaan yeroo hunda yeroo isaatti, yeroo baayʼee immoo yeruma sana nu gargaara. Dhiirotaa fi dubartoonni Kiristiyaanota dhugaa taʼan michuu akka anaaf taʼan godheera. Isaan yeroo na barbaachisu hundatti na gargaaru, akkasumas ijoollee kootiif fakkeenya gaarii taʼu.” *

“Yihowaan Miilkiyaas 2:16, (NW) irratti, ‘wal hiikuu nan jibba’ kan jedhe maaliif akka taʼe naa galeera. Wal hiikuun, hiriyaa gaaʼelaa isa balleessaa hin qabneef gantummaa guddaa dha. Abbaan manaa koo erga na dhiisee deemee waggoonni hedduun darbaniiru; taʼus amma illee kophaa akkan taʼee fi gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama. Yommuu yaanni akkasii natti dhagaʼamu, nama tokko gargaaruuf wanta tokko gochuuf nan yaala, kana gochuun koo immoo yeroo hunda na gargaara.” Jaaneet seera buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu namoota irraa akka adda of hin baase dubbatu hojii irra oolchuudhaan yaaddoo ishii hirʼisuu dandeesseetti. *Fakkeenya 18:1.

“Warra abbaa hin qabneef abbaan, haadhotii hiyyeessaafis falmaan” Waaqayyo dha.—Faarfannaa 68:5

Jaaneet, “Wanti na jajjabeessu inni guddaan, Waaqayyo ‘warra abbaa hin qabneef abbaa, haadhotii hiyyeessaafis falmaa’ taʼuu isaa beekuu koo ti. Inni akka abbaan manaa koo godhe matumaa nu hin gatu” jetteetti. (Faarfannaa 68:5) Jaaneet Waaqayyo ‘hamaadhaan’ akka nu hin qorre beekti. Kanaa mannaa, inni “nama hundumaaf harka guutee” ogummaa ni kenna; akkasumas yaaddoowwan keenya akka moonu nu gargaaruuf, ‘humna humna gararraa’ nuu kenna.—Yaaqoob 1:5, 13; 2 Qorontos 4:7.

Haa taʼu malee kan yaaddofnu lubbuun keenya balaadhaaf waan saaxilameef yoo taʼe hoo?

^ KEY. 10 Karaawwan yaaddoo moʼuun itti dandaʼamu dabalataa argachuuf, Dammaqaa! Adoolessa 2015 (Amaariffa) mata dureewwan qola isaa irraa jalqabee walitti aanaanii baʼanii fi www.mt1130.com/am irratti argaman ilaali.