GAAFFII 18
Waaqayyotti Dhihaachuu kan Dandeessu Akkamitti?
“Yaa isa kadhannaa namaa dhageessuu, namoonni gosa hundumaa gara kee ni dhufu.”
“Garaa kee guutuudhaan Yihowaatti amanami, hubannaa ofii keetiittis hin hirkatin. Daandii kee hundumaa irratti tilmaama keessa isa galchi, innis daandii kee wal siif qixxeessa.”
“Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si Waaqa dhugaa isa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu.”
“[Waaqayyo] tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo miti.”
“Jaalalli keessan beekumsa sirrii fi hubannaa guutuudhaan caalaatti guddachaa akka deemu kadhachuu koo ittan fufa.”
“Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, Waaqa kadhachuu isaa itti haa fufu; sababiin isaas, inni utuu hin ceephaʼin nama hundumaatiif arjummaadhaan ni kenna, isaafis ni kennama.”
“Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata. Isin cubbamoonni, harka keessan qulqulleessaa; isin warri yaada dhaabbataa hin qabne, garaa keessan qulqulleessaa.”
“Waaqayyoon jaallachuu jechuun ajajawwan isaa eeguu dha; ajajawwan isaa immoo baʼaa ulfaatoo miti.”