Faarfannaa 110:1-7
Faarfannaa Daawit. Faarfannaa.
110 Yihowaan Gooftaa kootiin,“Diinota kee ejjeta miila keetii hamman siif godhutti+Mirga koo taaʼi”+ jedheera.
2 Yihowaan, “Diinota kee gidduutti bulchi”+ jedhee,Ulee mootii aangoo kee argisiisu Xiyoon keessaa ni hiixata.
3 Guyyaa humna waraanaa kee geggeessitutti* sabni kee fedhiidhaan of dhiheessa.
Tuutni dargaggoota keetii akka fixeensa barraaqa buʼuu ti.
Bifti isaanii ulfina qabeessaa fi qulqulluu dha.
4 Yihowaan, “Ati akkuma Malkiseedeq+Bara baraaf luba dha!”+ jedhee kakateera,Yaada isaas hin jijjiiru.*
5 Yihowaan karaa harka mirgaa kee ni taʼa;+Guyyaa dheekkamsa isaattis mootota ni caccabsa.+
6 Saboota irratti* murtii ni dabarsa;+Lafas reeffaan ni guuta.+
Bulchaa* biyya balʼaas* ni caccabsa.
7 Inni* burqaa daandii qarqara jiru irraa ni dhuga.
Kanaafuu, mataa isaa ol ni qaba.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Guyyaa raayyaan waraanaa kee sochoʼutti.”
^ Ykn., “hin gaabbu.”
^ Ykn., “gidduutti.”
^ Kal., “Mataa.”
^ Ykn., “guutummaa lafaas.”
^ Isa lakk. 1 irratti, “Gooftaa koo” jedhame argisiisa.