Faarfannaa 114:1-8
114 Israaʼel Gibxii keessaa,Manni Yaaqoob saba afaan biyya ormaa dubbatu keessaa yommuu baʼetti,+
2 Yihudaan iddoo qulqulluu isaa,Israaʼelis bulchiinsa isaa ni taʼe.+
3 Galaanichi kana argee baqate;+Yordaanosis duubatti deebiʼe.+
4 Gaaronni akka korbeeyyii hoolaatti,Tabbawwanis akka hoolotaatti burraaqan.+
5 Yaa galaanaa, maaltu akka baqattu si godhe?+
Yaa Yordaanos, maaliif duubatti deebite?+
6 Yaa gaarotaa, isin akka korbeeyyii hoolaatti,Yaa tabbawwanii, isin akka hoolotaatti kan burraaqxan maaliifi?
7 Yaa lafaa, sababii Gooftaatiin,Sababii Waaqa Yaaqoobiin holladhu;+
8 Inni qarsaa gara bishaan kuufamaa biqiltuudhaan guutametti,Qarsaa cimaas gara burqaawwan bishaaniitti jijjiira.+