Faarfannaa 132:1-18

  • Daawitii fi Xiyoon ni filataman

    • “Isa dibde sana hin dhiisin” (10)

    • Luboonni Xiyoon fayyina uffataniiru (16)

Faarfannaa Ol Baʼuu. 132  Yaa Yihowaa, Daawitiin,Rakkina isaa hundumaas,+   Inni akkamitti Yihowaadhaaf akka kakate,Akkamitti akkana jedhee isa Humna Qabeessa kan Yaaqoobiif wareega akka wareege yaadadhu:+   “Ani gara dunkaana koo isa mana koo taʼetti hin seenu.+ Siree koo isa iddoo ciisichaa koo taʼe irra hin ciisu;   Ijji koo akka rafu,Qolli ija kootiis akka mugu hin heyyamu;   Kunis Yihowaadhaaf iddoo,Isa Humna Qabeessa kan Yaaqoobiif bakka jireenyaa gaarii* hamman argadhutti.”+   Kunoo, Efraataa+ keessatti waaʼee isaa* dhageenyeerra;Dirreewwan bosonaa keessattis isa arganneerra.+   Kottaa gara iddoo jireenyaa isaatti* haa seennu;+Iddoo ejjeta miila isaattis haa sagannu.+   Yaa Yihowaa, atis taate Taabonni jabina keetii,+Gara iddoo boqonnaa keetti dhufuuf kaʼaa.+   Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan,Warri siif amanamoo taʼanis haa ililchan. 10  Tajaajilaa kee Daawitiif jedhiitiiIsa dibde sana hin dhiisin.*+ 11  Yihowaan Daawitiif kakateera;Inni matumaa isa akkana jedhee dubbate raawwachuu irraa duubatti hin jedhu: “Ani sanyii* kee keessaa isa tokkoTeessoo kee irra nan kaaʼa.+ 12  Ilmaan kee kakuu koo fiYaadachiisawwan koo warra ani isaan barsiisu yoo eegan,+Ilmaan isaaniisBara baraaf teessoo kee irra ni taaʼu.”+ 13  Yihowaan Xiyooniin filateera;+Akkana jechuudhaanis iddoo jireenyaa isaa akka taatu kan barbaadu taʼuu isaa ibseera:+ 14  “Kun bara baraaf iddoo boqonnaa koo ti;Fedhii koo waan taʼeef, as nan jiraadha.+ 15  Wantoota barbaachisan ishiidhaaf kennuudhaan baayʼisee ishii nan eebbisa;Hiyyeeyyii ishii nyaata nan quubsa.+ 16  Luboota ishiitti fayyina nan uwwisa,+Warri amanamoon ishii keessa jiranis ni ililchu.+ 17  Achitti jabinni* Daawit akka guddatu nan godha. Isan dibe sanaafis ibsaa qopheesseera.+ 18  Diinota isaatti qaanii nan uwwisa,Gonfoon mataa isaa irra jiru garuu ni dagaaga.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “godoo qulqulluu isa guddaa.”
Kun Taaboticha kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “godoo qulqulluu isaa isa guddaatti.”
Kal., “Fuula isa dibde sanaa hin garagalchin.”
Kal., “firii gadameessaa.”
Kal., “gaanfi.”