Faarfannaa 145:1-21
Faarfannaa galataa Daawit.
א [Aleef]
145 Mootii kan taate yaa Waaqa koo,+ ol sin qaba,Baraa hamma bara baraatti maqaa kee nan jajadha.+
ב [Beet]
2 Guyyaa guutuu sin jajadha;+Baraa hamma bara baraatti maqaa kee nan jajadha.+
ג [Giimel]
3 Yihowaan guddaa fi hundumaa caalaa jajamuun kan isaaf malu dha;+Guddinni isaa qoramuu kan hin dandeenye* dha.+
ד [Daalet]
4 Dhaloonni tokko dhaloota kaanitti hojiiwwan kee ni labsa;Isaan waaʼee gochawwan kee warra jajjaboo taʼanii ni himu.+
ה [Hii]
5 Waaʼee guddinaa fi simboo ulfina keetii ni dubbatu,+Anis hojiiwwan kee warra dinqisiisoo taʼan irratti nan xiinxala.
ו [Waaw]
6 Isaan waaʼee gochawwan kee warra sodaachisoo taʼanii* ni dubbatu,Anis guddina kee nan labsa.
ז [Zaayin]
7 Isaan gaarummaa kee isa hedduu taʼe yommuu yaadatan gammachuudhaan dubbatu,+Qajeelummaa keetiin kan kaʼes ni ililchu.+
ח [Heet]
8 Yihowaan gara laafessaa* fi araara qabeessa,+Aariidhaaf suuta kan jedhuu fi jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe dha.+
ט [Teet]
9 Yihowaan uumamawwan hundumaatiif gaarii dha,+Gara laafinni isaas hojiiwwan isaa hundumaa irratti mulʼata.
י [Yood]
10 Yaa Yihowaa, hojiiwwan kee hundi ulfina siif kennu,+Warri siif amanamoo taʼanis si jajatu.+
כ [Kaaf]
11 Isaan ulfina mootummaa keetii ni labsu,+Waaʼee jabina keetiis ni dubbatu,+
ל [Laamed]
12 Kanas kan godhan, gochawwan kee warra jajjaboo,+Simboo mootummaa keetii+ isa ulfina qabeessa taʼes namootatti beeksisuufi.
מ [Meem]
13 Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti,Bulchiinsi kee dhaloota hundumaa keessatti jabaatee dhaabbata.+
ס [Saamek]
14 Yihowaan warra kufuuf jedhan hundumaa ni deggera,+Warra gombifaman hundumaas ol ni kaasa.+
ע [Ayiin]
15 Ijji hundi abdiidhaan gara kee ilaala;Atis nyaata isaanii waqtii isaatti isaaniif kennita.+
פ [Pee]
16 Ati harka kee ni banta,Fedhii uumamawwan jiraatoo hundumaas ni quubsita.+
צ [Tsadee]
17 Yihowaan karaawwan isaa hundumaatiin qajeelaa dha,+Wanta raawwatu hundumaatiinis amanamaa dha.+
ק [Qoof]
18 Yihowaan warra isa waammatan hundumaatti,Warra dhugaadhaan* isa waammatan+ hundumaatti dhihoo dha.+
ר [Reesh]
19 Inni fedhii warra isa sodaatanii ni quubsa;+Iyya gargaarsa argachuuf dhageessisan ni dhagaʼa, isaan ni oolchas.+
ש [Shiin]
20 Yihowaan warra isa jaallatan hundumaa ni eega,+Hamoota hundumaa garuu ni balleessa.+
ת [Taaw]
21 Afaan koo jajannaa Yihowaa ni labsa;+Uumamni jiraataan* hundi baraa hamma bara baraatti maqaa isaa isa qulqulluu haa jajatu.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “hubannaadhaa oli.”
^ Ykn., “humna kee isa sodaachisaa taʼee.”
^ Ykn., “arjaa.”
^ Ykn., “garaa qulqulluudhaan.”
^ Kal., “Foon.”