Faarfannaa 34:1-22
Faarfannaa Daawit yeroo Abimelek duratti qalbii kan dabarse fakkaatee+ dhihaachuu isaatti inni ariʼee isa baasetti faarfate.
א [Aleef]
34 Yeroo hundumaa Yihowaa nan jajadha;Galanni isaa yoom iyyuu afaan koo irra jira.
ב [Beet]
2 Ani Yihowaadhaan of nan jaja;+Garraamonni kana dhagaʼanii ni gammadu.
ג [Giimel]
3 Anaa wajjin Yihowaa jajadhaa;+Maqaa isaa waliin ol haa qabnu.
ד [Daalet]
4 Ani Yihowaa nan kadhadhe, innis deebii naaf kenne.+
Sodaa koo hundumaa jalaas na oolche.+
ה [Hii]
5 Warri gara isaa ilaalan ni ifan;Fuulli isaaniis qaaneffamuu hin dandeenye.
ז [Zaayin]
6 Inni rakkataan kun ni iyyate, Yihowaanis ni dhagaʼe.
Dhiphina isaa hundumaa jalaas isa oolche.+
ח [Heet]
7 Maleekaan Yihowaa naannoo warra Waaqayyoon sodaatan hundumaa ni buufata.+
Isaan ni oolchas.+
ט [Teet]
8 Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamaa ilaalaa;+Namni isatti kooluu galu gammadaa dha.
י [Yood]
9 Isin qulqulloonni isaa hundi Yihowaa sodaadhaa,Warri isa sodaatan homtuu isaanitti hin hirʼatu.+
כ [Kaaf]
10 Leenconni saafelaa ciccimoo taʼan illee ni beelaʼu,Warri Yihowaa barbaaddatan garuu wanti gaariin tokko illee isaanitti hin hirʼatu.+
ל [Laamed]
11 Yaa ilmaan koo, kottaa na dhagaʼaa;Yihowaa sodaachuu isin nan barsiisa.+
מ [Meem]
12 Ati jireenyatti gammaduu,Guyyoota gaggaarii hedduus arguu yoo barbaadde,+
נ [Nuun]
13 Arraba kee wanta hamaa taʼe irraa,+Afaan kees gowwoomsaa dubbachuu irraa eegi.+
ס [Saamek]
14 Wanta hamaa irraa deebiʼi, wanta gaariis raawwadhu;+Nagaa barbaadi, isa duukaas buʼi.+
ע [Ayiin]
15 Ijji Yihowaa qajeelota irra jira,+Gurri isaas iyya isaan gargaarsa argachuuf dhiheessan ni dhagaʼa.+
פ [Pee]
16 Taʼus, yaadannoo isaanii hundumaa lafa irraa haquuf,Yihowaan warra wanta hamaa hojjetan irraa ni garagala.+
צ [Tsadee]
17 Isaan ni iyyatan, Yihowaanis ni dhagaʼe;+Dhiphina isaanii hundumaa jalaas isaan oolche.+
ק [Qoof]
18 Yihowaan warra garaan isaanii cabetti* dhihoo dha;+Warra hafuurri isaanii caccabes* ni oolcha.+
ר [Reesh]
19 Rakkinni nama qajeelaa hedduu dha,+Yihowaan garuu hunduma isaa jalaa isa ni oolcha.+
ש [Shiin]
20 Inni lafeewwan isaa hundumaa ni eega;Isaan keessaa tokko illee hin cabne.+
ת [Taaw]
21 Nama hamaa balaan ni ajjeesa;Warri nama qajeelaa jibban yakkamtoota taʼu.
22 Yihowaan lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura;Warra isatti kooluu galan keessaa tokko illee yakkamaa hin taʼu.+