Faarfannaa 40:1-17
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa.
40 Ani garaadhaa Yihowaa nan abdadhe,*Innis gurra isaa natti qabee* iyyan gargaarsa argachuuf dhiheesse ni dhagaʼe.+
2 Boolla huursu keessaa,Dhoqqee mucucaatu keessaas na baase.
Miila koo kattaa irra dhaabbachiise,Iddoo amansiisaa irras na dhaabe.
3 Achiis Waaqa keenyaaf faarfannaa haaraa,+Faarfannaa galataa afaan koo keessa ni kaaʼe.
Namoonni hedduun kabaja guddaadhaan ni ilaalu,Yihowaattis ni amanamu.
4 Namni Yihowaatti amanamu,Namni gara namoota tole hin jennetti yookiin gara warra soba* taʼanitti hin garagalle gammadaa dha.
5 Yaa Waaqa koo Yihowaa,Ati wantoota dinqisiisoo hedduu nuuf gooteetta,Yaadawwan nuuf qabdus hedduu dha.+
Kan siin gitu tokko illee hin jiru;+Ani waaʼee wantoota kanaa himuu fi dubbachuuf utuun yaalee,Lakkoofsi isaanii gita hin qabu!+
6 Ati aarsaa fi kennaa hin barbaanne,*+Taʼus akkan dhagaʼuuf gurra koo ni bante.+
Ati aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu hin gaafanne.+
7 Anis akkanan jedhe: “Kunoo, ani dhufeera.
Waaʼeen koo maraa kitaabaa irratti barreeffameera.+
8 Yaa Waaqa koo, fedhii kee raawwachuun na gammachiisa.*+
Seerri kees garaa koo keessa jira.+
9 Gumii guddaa keessatti misiraachoo qajeelummaa nan labsa.+
Yaa Yihowaa, ati akka gaariitti akkuma beektu,Kunoo, ani afaan koo hin dhowwu.+
10 Ani qajeelummaa kee garaa koo keessatti hin dhoksu.
Amanamummaa kee fi fayyisuu kee nan labsa.
Gumii guddaa keessatti jaalala kee isa amanamaa fi dhugaa kee hin dhoksu.”+
11 Yaa Yihowaa, gara laafina kee na hin dhowwatin.
Jaalalli kee inni amanamaanii fi dhugaan kee yeroo hundumaa na haa eegan.+
12 Badiisni natti marse lakkoofsa hin qabu.+
Daandii koo ilaaluu hamman dadhabutti dogoggorawwan koo na liqimsaniiru;+Isaan rifeensa mataa koo caalaa hedduu dha,Anis abdii kutadheera.
13 Yaa Yihowaa, maaloo na oolchuuf fedhii qabaadhu.+
Yaa Yihowaa, na gargaaruuf ariifadhu.+
14 Warri lubbuu koo balleessuu barbaadan hundiHaa qaaneffaman, haa salphifamanis.
Warri rakkina kootti gammadanSalphinaan duubatti haa deebiʼan.
15 Warri, “Ishoo! Ishoo!” naan jedhan,Qaanii isaan irra gaʼuun haa rifatan.
16 Warri si barbaaddatan+ garuuSitti haa gammadan, haa ililchanis.+
Warri gochawwan fayyinaa kee jaallatan yeroo hundumaa,“Yihowaan ulfina haa argatu” haa jedhan.+
17 Ani garuu nama gargaarsa hin qabnee fi hiyyeessa dha;Yihowaan xiyyeeffannaa naaf haa kennu.
Ati isa na gargaaruu fi isa na baraaru dha;+Yaa Waaqa koo, hin turin.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Ani Yihowaa obsaan nan eeggadhe.”
^ Ykn., “na dhaggeeffachuuf gad jedhee.”
^ Ykn., “sobduu.”
^ Ykn., “kennaatti hin gammanne.”
^ Ykn., “hawwii koo ti.”