Faarfannaa 62:1-12
Geggeessaa muuziqaatiif; Yedutuuniin.* Faarfannaa Daawit.
62 Dhugumaan, ani calluma jedhee Waaqayyoon nan eeggadha.
Fayyinni koo isa biraa dhufa.+
2 Dhugumaan, inni qarsaa koo, fayyisaa koo fi iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu* dha;+Ani matumaa akka malee hin raafamu.+
3 Isin nama ajjeesuuf hamma yoomiitti isa haleeltu?+
Hundi keessan akka dallaa jalʼateetti, akka dallaa dhagaa jiguuf jedhettis balaa kan geessistani dha.*
4 Isaan iddoo isaa isa ol kaʼaa* irraa isa kuffisuuf waliin mariʼatu;Isaan sobatti gammadu.
Afaan isaaniitiin ni eebbisu, keessa isaaniitti garuu ni abaaru.+ (Seelaa)
5 Abdiin koo isa biraa waan dhufuuf+Dhugumaan, ani calluma jedhee Waaqayyoon nan eeggadha.*+
6 Dhugumaan, inni qarsaa koo, fayyisaa koo fi iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu dha;Ani matumaa hin raafamu.+
7 Fayyinni koo fi ulfinni koo Waaqayyo irratti kan hundaaʼe dha.
Waaqayyo qarsaa koo isa cimaa fi iddoon kooluu itti galu dha.+
8 Yaa namootaa, yeroo hundumaa isatti amanamaa.
Garaa keessan isaaf banaa.*+
Waaqayyo iddoo kooluu itti gallu dha.+ (Seelaa)
9 Ilmaan namootaa qilleensa qofa dha,Abjuu dhas.+
Isaan yommuu madaallii irra waliin kaaʼaman, qilleensa caalaa salphatu.+
10 Saamichatti hin amanaminaaYookiin hanna irratti abdii sobaa hin qabaatinaa.
Qabeenyi keessan yoo dabale, garaa keessan isa irra hin kaaʼatinaa.+
11 Jabinni kan Waaqayyoo taʼuu isaa+Waaqayyo siʼa tokko ni dubbate, anis wanta kana siʼa lama nan dhagaʼe.
12 Yaa Yihowaa, jaalalli amanamaanis kan kee ti,+Sababiin isaas, ati tokkoon tokkoon namaatiif akka hojii isaatti ni deebista.+
Miiljaleewwan
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “ol kaʼaa taʼe.”
^ Ykn tarii, “Hundi keessan akka waan inni dallaa jalʼatee fi dallaa dhagaa jiguuf jedhu taʼetti isa haleeltu.”
^ Ykn., “ulfina isaa.”
^ Ykn., “yaa lubbuu koo, calluma jedhii Waaqayyoon eeggadhu.”
^ Ykn., “isa duratti dhangalaasaa.”