Faarfannaa 77:1-20

  • Kadhannaa yeroo dhiphinaatti dhihaate

    • Hojiiwwan Waaqaa irratti xiinxaluu (11, 12)

    • ‘Yaa Waaqayyo, akka kee guddaa kan taʼe eenyu?’ (13)

Geggeessaa muuziqaatiif; Yedutuuniin.* Faarfannaa Asaaf.+ Faarfannaa. 77  Sagalee koo ol kaasee gara Waaqayyootti nan iyyadha;Gara Waaqayyootti nan iyyadha, innis na dhagaʼa.+   Guyyaa dhiphina kootti Yihowaa nan barbaaddadha.+ Halkanis harki koo boqonnaa malee* gara isaatti diriirfameera. Ani jajjabaachuu hin dandaʼu.   Yommuun Waaqayyoon yaadadhu, nan aada;+Rakkadheera, humni koos laafeera.*+ (Seelaa)   Ati qola ija kootii banteetta;Ani jeeqameera, dubbachuus hin dandaʼu.   Yaanni koo gara bara duriitti,+Gara waggoota dur duriitti deebiʼeera.   Halkan faarfannaa koo* nan yaadadha;+Garaa koottis nan xiinxala;+Dhimmee qorannaa nan godha.*   Yihowaan bara baraaf nu gataa?+ Matumaa deebiʼee gaarummaa nutti hin argisiisuu?+   Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf addaan citeeraa? Waadaan inni gale dhaloota hundumaa keessatti utuu hin raawwatamin ni hafaa?   Waaqayyo gaarummaa isaa argisiisuu irraanfateeraa?+ Aariin isaa hoo gara laafinni isaa akka badu godheeraa? (Seelaa) 10  Yeroo hundumaa, “Wanti na dhiphisu* kana dha:+ Inni Hundaa Olii ilaalcha nuuf qabu* jijjiireera” jechuun qabaa? 11  Hojiiwwan Yaah nan yaadadha;Gochawwan kee warra dinqisiisoo bara duriitti raawwatte nan yaadadha. 12  Gocha kee hundumaa irratti nan xiinxala,Wantoota ati raawwatte irrattis nan yaada.+ 13  Yaa Waaqayyo, karaawwan kee qulqulluu dha. Yaa Waaqayyo, waaqni akka kee guddaa taʼe isa kami?+ 14  Ati Waaqa dhugaa wantoota dinqisiisoo raawwatu dha.+ Jabina kee namootatti mulʼisteetta.+ 15  Humna* keetiin saba kee,Ilmaan Yaaqoobii fi ilmaan Yoseef oolchiteetta.*+ (Seelaa) 16  Yaa Waaqayyo, bishaanonni si argan;Bishaanonni si arganii jeeqaman.+ Bishaanonni gad fagoonis ni raafaman. 17  Duumessoonni bishaan roobsaniiru. Samiiwwan duumessa uffatan kakawweessaʼaniiru,Xiyyawwan kees asii fi achi futtaafamaniiru.+ 18  Sagaleen kakawwee+ kee akka geengoo gaarii fardaa ti;Balaqqeessi bakakkaa guutummaa lafaa* ibsa;+Lafti ni raafamte, ni kirkirtes.+ 19  Karaan kee galaana keessa,+Daandiin kee bishaanota hedduu keessa dha;Taʼus faana si dhaʼuun hin dandaʼamu. 20  Ati kunuunsa* Musee fi Aaron jalatti,+Akkuma hoolotaatti saba kee geggeessiteetta.+

Miiljaleewwan

Kal., “hadoodee.”
Kal., “hafuurri koo dadhabeera.”
Kal., “Hafuurri koo dhimmee qorannaa godha.”
Ykn., “muuziqaa meeshaa muuziqaa ribuu qabuun taphatamu.”
Kal., “harka isaa mirgaa.”
Ykn., “na waraanu.”
Kal., “Irree.”
Kal., “furteetta.”
Ykn., “lafa oomisha kennitu.”
Kal., “harka.”