Isaayyaas 42:1-25

  • Tajaajilaa Waaqaa fi ergama isaa (1-9)

    • ‘Maqaan koo Yihowaa dha’ (8)

  • Faarfannaa galataa haaraa Yihowaadhaaf faarfatame (10-17)

  • Israaʼel jaamaa fi duudaa dha (18-25)

42  Ilaa, tajaajilaa koo+ isan deggeru! Isan filadhe,+ isan* itti gammadu!+ Ani hafuura koo isa keessa kaaʼeera;+Innis sabootaaf haqa ni fida.+   Inni hin iyyu yookiin sagalee isaa ol hin kaasu,Sagaleen isaa daandii irratti akka dhagaʼamus hin godhu.+   Inni shomboqqoo buruqfame hin cabsu,Foʼaa ibsaa aarus hin dhaamsu.+ Inni amanamummaadhaan haqa ni fida.+   Hamma lafa irratti haqa fidutti ifni isaa hin hirʼatu yookiin inni hin cabu;+Odolawwanis seera* isaa ni eeggatu.   Waaqa dhugaa kan taʼe Yihowaan,Uumaan samiiwwanii, inni Guddichi inni isaan diriirse,+Inni lafaa fi oomisha ishii tolche,+Inni namoota lafa irra jiraniif hafuura,+Warra ishii irra deddeebiʼaniifis jireenya kenne+ akkana jedha:   “Ani Yihowaan qajeelummaadhaan si waameera;Harka kee qabeera. Ani sin eega, namootaaf kakuu godhee,+Sabootaafis ifa godhee sin kenna;+   Kanas kanan godhu, ati ija jaame akka bantuuf,+Isa hidhame mana hidhaa dukkana taʼe keessaa,Warra dukkana keessa taaʼanis mana hidhaatii akka baastuufi.+   Ani Yihowaa dha. Maqaan koos isa kana;Ulfina koo eenyuuf iyyuu hin kennu,*Galata koos fakkiiwwan bocamaniif hin kennu.+   Kunoo, wantoonni jalqabaa raawwatamaniiru;Amma wantoota haaraa nan labsa. Isaan dhufuu isaanii dura, waaʼee isaanii nan dubbadha.”+ 10  Isin warri gara galaanaatti gad buutanii fi warri isa keessa guuttan hundi,Isin odolawwanii fi warri isaan keessa jiraattan,+Yihowaadhaaf faarfannaa haaraa faarfadhaa,+Andaara lafaa irraas isa jajadhaa.+ 11  Lafti onaanii fi magaalonni ishii,Gandeen Qeedaar+ keessa buufatu sunis haa iyyan.+ Warri qarsaa keessa jiraatan haa ililchan;Isaan fiixee gaarotaa irraa haa iyyan. 12  Isaan Yihowaadhaaf ulfina haa kennan,Odolawwan keessattis isa haa jajatan.+ 13  Yihowaan akka nama jabaatti gad ni baʼa.+ Akka loltuutti hinaaffaa isaa ni dammaqsa.+ Inni ni iyya, eeyyee, iyya waraanaa ni dhageessisa;Diinota isaa caalaa jabaa taʼuu isaas ni argisiisa.+ 14  “Ani yeroo dheeraadhaaf nan callise. Calluma nan jedhe, ofis nan qabe. Akkuma dubartii ciniinsifachaa jirtuutti,Nan aada, nan hargana, hafuurri koos ni ciccita. 15  Gaarotaa fi tabbawwan nan balleessa,Biqiltuu isaanii hundumaas nan gogsa. Lageen gara odolawwaniitti* nan jijjiira,Kuufamawwan bishaanii biqiltuudhaan guutamanis nan gogsa.+ 16  Namoota qaro dhabeeyyii taʼan daandii isaan hin beekne irra nan geggeessa,+Daandiiwwan isaaniif haaraa taʼan irra akka ejjetanis nan godha.+ Dukkana isaan dura jiru gara ifaatti,+Lafa buʼaa baʼii qabus gara lafa diriiraatti nan jijjiira.+ Ani kana isaaniif nan godha, ani isaan hin dhiisu.” 17  Warri fakkiiwwan bocamanitti amanaman,Warri siidaawwan sibiilaatiin,* “Isin waaqolii keenya” jedhan,Duubatti ni deebiʼu, guutummaattis ni salphatu.+ 18  Isin warri duudaan, dhagaʼaa;Isin jaamonnis ilaalaa, argaas.+ 19  Tajaajilaa koo malee jaamaan eenyu? Akka ergamaa kootti duudaa kan taʼe hoo eenyu? Akka isan badhaase sanaatti,Akka tajaajilaa Yihowaatti jaamaa kan taʼe eenyu?+ 20  Ati wantoota hedduu ni argita, garuu dammaqinaan hin eeggattu. Gurra kee ni banta, garuu hin dhageessu.+ 21  Yihowaan qajeelummaa isaatiif jedhee,Seericha* guddaa fi ulfina qabeessa gochuutti gammadeera. 22  Haa taʼu malee, sabni kun guutummaatti saamamaniiru,+Hundi isaanii boolla keessatti qabamaniiru, mana hidhaa keessas dhokfamaniiru.+ Isaan saamamaniiru, kan isaan oolchus hin jiru,+Saamamaniiru, “Isaan deebisaa!” kan jedhus hin jiru. 23  Isin gidduudhaa kana kan dhagaʼu eenyu? Gara fuulduraatti faayidaa argachuuf jedhee xiyyeeffannaa kan kennuu fi kan dhagaʼu eenyu? 24  Yaaqoobiin boojuutti,Israaʼeliin warra isa saamanitti dabarsee kan kenne eenyu? Yihowaa isa nuti cubbuu irratti hojjenne mitii? Isaan daandiiwwan isaa irra deemuu didaniiru,Seera* isaatiifis hin ajajamne.+ 25  Kanaan kan kaʼes, inni dheekkamsa isaa,Aarii isaa fi waraana sodaachisaa isa irratti ni fide.+ Ibiddichi wanta naannoo isaatti argamu hundumaa ni nyaate, inni garuu xiyyeeffannaa hin kennine.+ Isa irratti ni bobaʼe, inni garuu kana hin qalbeeffanne.+

Miiljaleewwan

Ykn., “isa lubbuun koo.”
Ykn., “barumsa.”
Ykn., “hin hiru.”
Ykn., “qarqarawwan galaanaatti.”
Ykn., “siidaawwan baqfamanii tolfamaniin.”
Ykn., “Barumsicha.”
Ykn., “Barumsa.”