BARUMSA 18
Obboloota Keenya Rakkinni Isaan Mudate Akkamitti Gargaarra?
Yeroo balaan uumamaa gaʼu, Dhugaa Baatonni Yihowaa battalumasanatti wanta barbaachisu walitti qabanii obboloota balaa sanaan miidhamaniif gargaarsa godhu. Gochi akkasii jaalala dhugaa akka waliif qabnu kan mulʼisudha. (Yohannis 13:34, 35; 1 Yohannis 3:17, 18) Maarree gargaarsa gochuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?
Buusii qarshii gochuudhaan. Yommuu biyya Yihudaatti beelli cimaan gaʼe, Kiristiyaanonni biyya Anxokiyaa obbolootasaaniitiif gargaarsa qarshii godhanii turan. (Hojii Ergamootaa 11:27-30) Haaluma wal fakkaatuun, nutis obboloota keenya biyya biraa jiran rakkinni akka mudate yoo dhageenye, karaa gumii keenyaa wanta barbaachisu buusii gochuudhaan gargaarsa goona.—2 Qorontos 8:13-15.
Gargaarsa humnaa gochuudhaan. Jaarsoliin gumii naannoo itti balaan gaʼe jiran, miseensonni gumii jiraachuusaaniifi fayyaa taʼuusaanii mirkaneessuuf tokkoo tokkoosaanii gaafatu. Koreen gargaarsaa, nyaata, bishaan qulqulluu, uffata, bakka buufataniifi gargaarsa fayyaa karaa isaan itti argachuu dandaʼan qindeessa. Obboloonni dandeettii barbaachisaa taʼe qaban, fedhiisaaniitiin kakaʼanii, baasii mataasaaniitiin bakka gargaarsi barbaachisu dhaquudhaan gargaarsa godhu ykn manneeniifi Galma Mootummaa diigaman suphuurratti hirmaatu. Akka jaarmiyaatti tokkummaan qabnuufi muuxannoon waliin hojjechuudhaan arganne, yeroo barbaachisaa taʼetti gargaarsaafi hojjettoota dafnee walitti qabuuf nu gargaareera. Gargaarsa kan goonu “warra amantii [keenya] keessa jiraniif” taʼus, amantiinsaanii maaliyyuu yoo taʼe hamma dandeenye warra kaanis ni gargaarra.—Galaatiyaa 6:10.
Karaa hafuuraafi miiraa gargaarsa gochuudhaan. Keessumaa namoonni balaa uumamaatiin miidhaman jajjabina argachuu barbaadu. Yeroo akkasiitti Yihowaa isa ‘Waaqa jajjabinaa’ taʼe biraa gargaarsa argachuu dandeenya. (2 Qorontos 1:3, 4) Warra abdii kutataniif, abdii Macaafa Qulqulluu isa Mootummaan Waaqayyoo wantoota gaddisiisoo rakkinaafi dhiphina namarraan gaʼaa jiran hundumaa dhiheenyatti akka balleessu ibsu itti himuun nu gammachiisa.—Mulʼata 21:4.
-
Yeroo balaan gaʼutti obboloonni dafanii gargaarsa kan godhan maaliifi?
-
Warra balaa sanarraa oolaniif karaa hafuuraa jajjabina akkamii kennuu dandeenya?