Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname

Gorsaa fi yaada milkaaʼina argachuuf si gargaaru argadhu.

GAAFFII 1

Ani Eenyu?

Wantoota iddoo guddaa kennituuf, cimina, dadhabinaa fi galma kee beekuun yommuu dhiibbaan si irra gaʼu murtoo sirrii gochuuf si gargaara.

GAAFFII 2

Waaʼee Bifa Koo Dhiphachuun Qabaa?

Yommuu daawwitiidhaan of ilaaltu bifa kee ni jibbitaa? Fooyyaʼiinsa akkamii gochuu dandeessa?

GAAFFII 3

Warra Koo Wajjin Walii Galuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Gorsawwan kunneen warra kee wajjin walii galuun baayʼee salphaa akka siif taʼu gochuu dandaʼu.

GAAFFII 4

Yommuun Balleessu Maal Gochuun Qaba?

Balleessuun kee hin oolu. Namni hundi ni balleessaa. Yeroo dogoggortu maal goota?

GAAFFII 5

Mana Barumsaatti Ijoolleen Abbaa Humnaa yoo Na Rakkisan Maal Godhu?

Homaa gochuu hin dandeessu jechuu miti. Aboottee utuu hin fayyadamin abbaa humnaa moʼuu ni dandeessa.

GAAFFII 6

Dhiibbaa Hiriyaa Damdamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Wanta sirrii akka taʼe beektuuf ejjennoo qabaachuun ulfaataa taʼuu dandaʼa.

GAAFFII 7

Saalqunnamtii Akkan Raawwadhu Dhiibbaan yoo Ana Irratti Godhame Maalan Godha?

Miidhaa dargaggoonni akka malee walitti dhihaachuu isaaniitiin isaan irra gaʼe tokko tokko yaadi.

GAAFFII 8

Miidhaa Saalaa Ilaalchisee Maal Beekuun Qaba?

Caalaatti kanaaf kan saaxilamu ijoollee dha. Haala kana akkamitti damdamatta?

GAAFFII 9

Jijjiirama Tirannaatti Amanuun Qabaa?

Ibsa isa kamtu caalaatti nama amansiisa?

GAAFFII 10

Kitaabni Qulqulluun kan Na Gargaaru Akkamitti?

Namoonni hedduun Kitaabni Qulqulluun oduu durii fi sheekkoodhaan kan guutame, yeroon kan itti darbe ykn hubachuuf kan nama rakkisu akka taʼe dubbatu. Dhugaan isaa garuu kana irraa adda dha.