FAARFANNAA 32
Yihowaa Deggeri!
-
1. Burjaajofnee fi gaddinee turre,
Xoofoo amantii sobaarraa dhugnee;
Waaʼee Mootummaa Waaqaa dhageenyee
Gammachuudhaan guutamne.
(BUUSAA)
Yihowaa deggeri; itti gammadi.
Ifasaatiin deemi; jira si maddii.
Misiraachoo nagaaf birmaduu himi.
Babalʼachaa deema bulchiinsi samii.
-
2. Yihowaaf dhaabbanna waliin taanee,
Misiraachicha hundaaf lallabnee,
Amma dha yeroonsaa murtoo gochuuf,
Waaqa keenya deggeruuf.
(BUUSAA)
Yihowaa deggeri; itti gammadi.
Ifasaatiin deemi; jira si maddii.
Misiraachoo nagaaf birmaduu himi.
Babalʼachaa deema bulchiinsi samii.
-
3. Hin sodaannu hojiiwwan Seexanaa.
Yoomiyyuu Yihowaattʼ amanamna.
Isaan hedduu dha nuti muraasa,
Taʼus Waaqni nu cimsa.
(BUUSAA)
Yihowaa deggeri; itti gammadi.
Ifasaatiin deemi; jira si maddii.
Misiraachoo nagaaf birmaduu himi.
Babalʼachaa deema bulchiinsi samii.
(Dabalataan, Far. 94:14; Fak. 3:5, 6; Ibr. 13:5 ilaali.)