FAARFANNAA 57
Akaakuu Namootaa Hundumaaf Lallabuu
-
1. Wal hin caalchisu Yihowaan nama;
Nutis isa fakkaachuu barbaanna.
Nama hunda fayyisuu barbaada;
Nama akkamiiyyuu ni simata.
(BUUSAA)
Nama dha kan barbaannu;
Fuula ʼlaallee hin loognu.
Ergaa Yihowaa himna hundatti.
Warra kaaniif waan yaannuuf,
Eessattuu ni lallabna,
“Michuusaa taʼuu dandeessu” jenna.
-
2. Eessayyuu yoo taʼe kan jiraatan,
Jalqaba maaliyyuu yoo fakkaatan,
Iddoo guddaa kan qabu garaa dha;
Yihowaan keessasaanii barbaada.
(BUUSAA)
Nama dha kan barbaannu;
Fuula ʼlaallee hin loognu.
Ergaa Yihowaa himna hundatti.
Warra kaaniif waan yaannuuf,
Eessattuu ni lallabna,
“Michuusaa taʼuu dandeessu” jenna.
-
3. Nama kutaa addunyaa hin taane,
Yihowaan gammachuudhaan simata.
Kana beekna, himuus ni barbaanna;
Lallabuudhaan beeksisna namoota.
(BUUSAA)
Nama dha kan barbaannu;
Fuula ʼlaallee hin loognu.
Ergaa Yihowaa himna hundatti.
Warra kaaniif waan yaannuuf,
Eessattuu ni lallabna,
“Michuusaa taʼuu dandeessu” jenna.
(Dabalataan, Yoh. 12:32; HoE. 10:34; 1 Xim. 4:10; Tit. 2:11 ilaali.)