Laayitbiirari Ifa Hafuuraa Kibba Baha Eeshiyaatti Geesse
Jalqaba baroota 1930nitti Dhugaa Baatonni Yihowaa Indooneeshiyaa, Maaleeshiyaa fi biyya yeroo ammaatti Paappuwaa Niiwuu Giinii jedhamutti hin lallabamne ture. Misiraachichi biyyoota kana gaʼuu kan dandaʼu akkamitti? Fedhii kana guutuudhaaf waajjirri damee Awustiraaliyaa (amma waajjira damee Awustiraaleeshiyaa) bidiruu mootoraa meetira 16 dheeratuu fi utubaa lama qabu tokko bite. Imaltoonni hundi qajeelchitoota a yommuu taʼan, ifa hafuuraa biyyoota fagootti babalʼisuuf waan itti fayyadamaniif maqaa Laayitbiirari jedhuun moggaasan.—Maatewos 5:14-16.
Niiwuu Giiniitti Lallabuu
Guraandhala 1935 imaltoonni torba buufata doonii kaaba Siidnii isa baha Awustiraaliyaatti argamuu kaʼanii gara buufata doonii Moorzibii Niiwu Giiniitti qajeelan. Imala isaanii irratti qurxummii qabu turan, akkasumas bobaʼaa guuttachuu, nyaata dabalataa bitachuu fi suphiinsa tokko tokko gochuuf buufata doonii hedduutti ni dhaabatu turan. Ebla 1935 Kuuktaawun, Kuwiinsilaandi kaʼanii deemsa isaanii itti fufan. Achiis Baariyer Riif Guddicha balaa geessisuu dandaʼu keessa yeroo qaxxaamuranitti mootora doonichaatti fayyadaman. Taʼus, motorri isaa sagalee baramaa hin taane dhageessisuu waan jalqabeef dhaamsuun isaan barbaachise. Duubatti deebiʼuu qabu moo gara Niiwu Giiniitti imaluu isaanii itti fufu? Eriik Ewiins inni doonicha oofu, “duubatti deebiʼuu hin barbaannu turre” jedheera. Achiis, Ebla 28, 1935tti Laayitbiirari buufata doonii Moorzibii nagaadhaan gaʼuu dandaʼeera.
Makaanikiin tokko motooricha hamma sirreessutti, obboleessa Firaank Dewaariin alaatti imaltoonni hundumtuu Buufata Doonii Moorzibiitti misiraachicha lallabaniiru. Namoota sana keessaa tokko waaʼee Firaank yommuu ibsu, ‘Inni qajeelchaa cimaa’ akka taʼe dubbateera, Firaank, wanta raawwate yommuu dubbatu, ‘kitaabota hedduu qabadhee gara kiiloomeetira 32 ykn isaa olii deemee jiraattota naannichaa haasofsiiseera’ jedheera. Firaank yommuu deebiʼutti, karaa kan biraa kan fayyadame siʼa taʼu laga xinnoo naacha qabu ceʼuun isa barbaachisee ture. Taʼus, of eeggannoo godhee nagaadhaan gara magaalaatti deebiʼeera. Carraaqqiin imaltoonni kun tajaajila irratti godhan buʼaa gaarii argamsiiseera. Namoonni yeroo sanatti barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe fudhatan tokko tokko Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼaniiru.
Jaavaatti Lallabuu
Yommuu motorichi suphamu Laayitbiirarichi buufata doonii Moorzibiitii kaʼee gara odoola Jaavaa isa Daachi Baha Indiyaatti (yeroo ammaatti Indoneeshiyaa) argamuutti deeman. Imaltoonni kun wantoota barbaachisoodhaaf iddoo baayʼeetti erga dhaabanii booda Adoolessa 15, 1935 Baataaviyaatti (yeroo ammaa Jaakaartaa) dhaabatan.
Yeroo achii gaʼan Chaarlees Haariis inni imaltoota keessaa tokko taʼe Laayitbiiraricha dhiisee Jaavaatti jechuunis bakka misiraachicha hinaaffaadhaan lallabuu isaa itti fufetti hafe. b Inni akkas jedheera, “Guyyoota sanatti, hojiin keenya adda durummaadhaan barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan kennuudhaan magaalaa tokkoo gara kan biraatti deemuu irratti kan hundaaʼe ture. Barreeffamoota afaan Araabaa, Chaayinaa, Daachii, Ingiliffaa fi afaan Indooneeshiyaatin qophaaʼaan nan qabadhan ture. Barreeffamoota keenya namoonni fedhiidhaan fudhachaa waan turaniif, waggaatti barreeffamoota gara 17,000 taʼu nan raabsan ture.”
Hinaaffaan Chaarlees argisiise xiyyeeffannaa abbootii taayitaa Daachi harkisee ture. Yeroo tokkootti, abbaan taayitaa tokko, Baha Jaavaa bakka Chaarlees jiru Dhugaa Baatonni meeqa akka jiran, Dhugaa Baatuu kan biraa Jaavaatti lallabu tokko gaafate. Obbolesichis, “tokko qofadha” jedhee deebise. Achiis abbaan taayitaa sun “Akkan si amanu barbaaddaa? Barreeffamoota keessan raabsaman irratti hundaaʼuudhaan, achitti hojjetoota hedduu kan qabdan taʼuu qaba” jechuudhaan itti iyye.
Singaapoorii fi Maaleeshiyaatti Lallabuu
Laayitbiirarichi Indooneeshiyaati kaʼee Hagayya 7tti Singaapooriin gaʼe. Obboloonni yeroo dhaabatan hundatti, meeshaa doonichaa sagalee guddisuutti fayyadamanii haasaa sagaleedhaan waraabame taphachiisu turan. Malli misiraachoo itti labsan kun yeroo baayʼee xiyyeeffannaa guddaa argateera. Dhugaa dubbachuuf, gaazexaan Singaapoor akka jedhetti, “laga gamaa sagalee guddaan tokko dhagaʼameera . . . Kunis kan taʼe Roobii galgala dha,” itti dabalees, ‘haasaan kun baayʼee adda siʼa taʼu, Laayitbiirari irraa darba ture; Laayitbiirari Awustiraaliyaadhaa gara Singaapoor erga dhufee kaasee haasaa Masaraa Eegumsaa waraabame kana dhageessisaa ture.’ Gabaasichi itti dabalee akka jedhetti, ‘yeroo haalli qilleensaa gaarii taʼutti, sagantichi laga gamatti, kiiloo meetira 3 hanga 4tti akka gaariitti dhagaʼamuu dandaʼa ture.’
Laayitbiirari utuu Singaapooriin jirtuu Firaank Deewaar hojii kan biraatiif achii deeme. Waaʼee deemsa isaa yommuu yaadatu akkas jedheera: “Qajeelchaa taanee tajaajiluu kan jalqabne Singaapooritti utuu bidiruu irra jiraannu ture. Laayitbiirari yeroon itti deemu yommuu gaʼutti, Eeriik Eewiin wanta baayʼee na dinqisiise tokko dubbate. Akkas jedhe: ‘Tole Firaank, ati naannoo tajaajilaa Siyaam (amma Taayilaandi jedhamu) akka filatte dubbatteetta. Asiin si geenyeerra. Amma buutee deemuu dandeessa.’ Anis miirri adda taʼe natti dhagaʼame, ‘Garuu, Siyaam achi irraa hangam akka fagaatu matumaa hin beekun ture.’” Eriikis, Kuulaa Luumpar, isa yeroo ammaa Maaleeshiyaa jedhamu irraa baabura yaabbatee dhaquu akka dandaʼu Firaankitti hime. Firaankis ajajamuudhaan, Kuulaa Luumparii kaʼee jiʼoota hedduu booda Taayilaandi gaʼe. c
Laayitbiirariin qarqara galaanaa dhiha Maaleeshiyaa irra ol yeroo deemutti, qarqara galaanaa Johoorii Baahiruu, Muuʼar, Maalaakaa, Kilaangi, Poorti Siweeteenhaam (amma Poort Kilaang jedhamuu) fi Peenaangi dhaabbatee ture. Imaltoonni kun qarqara galaanaa hundatti haasaa Kitaaba Qulqulluu waraabame meeshaa sagalee guddisuun doonicha irraa ni dhageessisu turan. Jeen Deeschaam Dhugaa Baatuun yeroo sanatti Indooneeshiyaatti tajaajilu, ‘namoonni doonii kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennanii akka turan’ dubbateera. Imaltoonni kun haasaa waraabame sana erga taphachiisanii booda, namoota fedhii qabaniif barreeffamoota kennaniiru.
Suumaatraatti lallabuu
Imaltoonni kun Peenaangii kaʼanii karaa galaana Maalaakaa gara Meedaan, Suumaatraa (isa amma kutaa Indooneeshiyaa taʼe) dhaqan. Eeriik Eewiin, wanta yaadatu yommuu dubbatu, ‘Koonyaa Maalaakaatti yeroo gammachiisaa dabarsineerra, namoonni hedduunis misiraachoo dhagaʼaniiru’ jedheera. Obboloonni naannoo sanatti barreeffamoota gara 3,000 raabsaniiru.
Laayitbiirariin gara kibbaatti deemuu kan itti fufe siʼa taʼu, imaltoonni sun qarqara galaanaa gurguddoo baha Suumaatiraa jiranitti lallabaniiru. Sadaasa 1936 doonichi gara Siingaapor bakka Eeriik Eewiin isaan irraa addaan baʼetti deebiʼe. Torban muraasa booda Dhugaa Baatu Ireen Stiruuyis jedhamtuu fi Singaapoor jiraattu fuudhe. Eeriikii fi Ireen Suumaatiraatti qajeelchitoota taʼanii tajaajiluu isaanii itti fufaniiru. Kanaafuu, amma kaapiteeniin Laayitbiiraricha oofu kan biraa ni barbaachisa.
Boorniyootti Lallabuu
Kaapiteeniin keenya inni haaraan Noorman Seeniyer isa doonii ofuu leenjiʼe ture. Inni Siidnii irraa kaʼee Amajjii 1937 nu bira gaʼe. Achiis imaltoonni sun Singaapoorii gara Boorniyoo fi Seleebees (amma Suulaawees jedhamu), bakka hanga kiilomeetira 480 miillaan deemanii balʼinaan dhugaa baʼan dhaqan.
Laayitbiirariin buufata doonii Samaariindaa isa Boorniyootti argamu yommuu gaʼu, itti gaafatamaan buufatichaa namoota naannichaatti akka hin lallabne isaan dhowwe. Haa taʼu malee, Noorman waaʼee hojii lallabaa keenya yommuu isaaf ibsu, namichi ni heyyame akkasumas barreeffamoota keenya tokko tokko ni fudhate.
Yeroo kan biraatti tajaajilaan naannoo sanaa tokko waldaa isaatti akka lallabu Noormaniin afeere. Taʼus, Noorman ofuma isaatii haasaa kennuu mannaa, haasaa Kitaaba Qulqulluu waraabame shan Foonoogiraafiidhaan taphachiise; tajaajilaan sunis wanta dhagaʼe ni jaallate. Hiriyoota isaatiif kennuuf barreeffamoota tokko tokko illee fudhateera. Taʼus, qeesota keessaa haasicha kan jaallate isa qofa ture. Walumaa galatti qeesonni hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa hojjetanitti hin gammadan turan. Siruma iyyuu, imaltoonni kun ija jabinaan lallabuu isaanitti baayʼee aaran, akkasumas Laayitbiirariin buufata doonii kan biraa akka hin deemne akka dhorkan abbootii taayitaa irratti dhiibbaa godhan.
Awustiraaliyaatti Deebiʼuu
Dhorkaa dhiibbaan qeesotaa geessiseen kan kaʼe, Laayitbiirariin Muddee 1937 gara Awustiraaliyaatti deebiʼe. Imaltoonni sun walgaʼii naannoo Dhugaa Baatota Yihowaa Ebla 1938 godhamu hirmaachuuf buufata doonii Siidnii dhaabbatan. Kun kan taʼe, Laayitbiirariin Siidniidhaa erga kaʼee gara waggaa sadii booda jechuu dha. Doonichi hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa Awustiraaliyaatti dhorkamee utuma baayʼee hin turin baroota 1940mman gara jalqabaatti gurgurame. Obboleessi Eewiin inni tajaajila Laayitbiirarii irratti raawwate ‘jireenya isaa keessatti yeroo gammachiisaa akka taʼe dubbate’ ‘doonichi hojii barbaachisaa hedduu hojjeteera’ jedheera.
Seenaa Gaarii Laayitbiirarii Kaaʼee Darbe
Imaltoonni Laayitbiirarii firii Mootummichaa naannoo balʼaa uummata hedduu qabutti facaasaniiru. Mormiin kan jiru taʼus, hojiin isaanii suutuma suuta firii godhateera. (Luqaas 8:11, 15) Eeyyee, biyyoota qajeelchitoonni jalqabaa lallabanitti yeroo ammaa labsitoota Mootummichaa 40,000 oltu argama. Obboloonni muraasni kunii fi dooniin isaanii, Laayitbiirarii inni isaan ifa dhugaa Kitaaba Qulqulluu babalʼisuuf itti fayyadaman, hojii guddaa hojjechuudhaan fakkeenya guddaa nuuf taʼaniiru!