Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wal Dandaʼuu—Kitaabni Qulqulluun Obsa Argisiisuuf kan Gargaaru Akkamitti?

Wal Dandaʼuu—Kitaabni Qulqulluun Obsa Argisiisuuf kan Gargaaru Akkamitti?

 “Wal dandaʼuun amala nagaan akka jiraatu godhudha.”—UNESCO Declaration of Principles on Tolerance, 1995.

 Karaa kan biraatiinimmoo, wal dadhabuun kabajni akka hin jiraannee fi jibbi akka uumamu gochuu dandaʼa. Namoonni ilaalcha akkasii qaban yeroo baayʼee wanta jibba argisiisu dubbachuu, looguu fi hamminni akka itti caalu gochuu dandaʼu.

 Haa taʼu malee, wal dandaʼuun maalfaa akka dabalatu ilaalchisee namoonni yaada garagaraa qabu. Warri tokko tokko wal dandaʼuun wantoota warri kaan hojjetan hunda irratti walii galuu akka dabalatu dubbatu. Kaanimmoo namoonni wal dandaʼan wanta namni inni kan biraan itti amanuu fi ejjennoo isaa deggeruu baatanis, mirgaa fi ejjennoo walii waliif deggeruu akka qaban dubbatu. Yaada kanammoo Kitaabni Qulqulluunis ni deggera.

 Maarree Kitaabni Qulqulluun yeroo harʼaatti namoonni akka wal dandaʼan gargaaruu ni dandaʼaa?

Wal dandaʼuu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

 Kitaabni Qulqulluun namoonni akka wal dandaʼan gorsa. Akkana jedha: “Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu.” (Filiphisiyus 4:5) Kitaabni Qulqulluun warra kaaniif akka yaannuu fi akka isaan kabajnu nu jajjabeessa. Namoonni gorsa kana hojiirra oolchan ejjennoo warra kaanii irratti walii galuu ykn hordofuu baatanis, namni sun akka filannaa isaatti akka deddeebiʼu heyyamu.

 Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo gama amalaatiin ulaagaa ilmaan namootaa ittiin jiraachuu qaban akka baase dubbata. “Yaa namaa, [Waaqayyo] wanta gaarii taʼe sitti himeera” jedha. (Miikiyaas 6:8) Kitaabni Qulqulluun, qajeelfama Waaqayyo ilmaan namootaa jireenya gaarii akka jiraatan isaan gargaaruuf baase qabateera.—Isaayyaas 48:17, 18.

 Waaqayyo namoota kaan irratti akka murteessinu aboo nuuf hin kennine. Kitaabni Qulqulluun, “Seera kan tumuu fi Abbaan Murtii tokko qofa dha . . . Nama kan biraatti kan murteessitu ati eenyu?” jedha. (Yaaqoob 4:12) Waaqayyo hundi keenya filannaa mataa keenyaa, dhuunfaadhaan itti gaafatamnu akka goonu mirga nuuf kenneera.—Keessa Deebii 30:19.

Wal kabajuu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

 Kitaabni Qulqulluun, ‘namoota akaakuu hundumaa kabajuu’ akka qabnu dubbata. (1 Pheexiros 2:17) Kanaafuu, namoonni qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hordofan, wanti namoonni kaan itti amanan ykn akkaataan jireenyaa isaanii maaliyyuu yoo taʼe, namoota akaakuu hundumaa ni kabaju. (Luqaas 6:31) Kana jechuun garuu, namoonni gorsa Kitaaba Qulqulluu hordofan, wanta namoonni kaan itti amanan ykn yaada isaanii ykn murtoo isaan godhan hundarratti walii galu jechuu miti. Haa taʼu malee, kabaja isaan dhowwachuu mannaa, akkaataa Yesuus namoota itti qabeen warra kaan qabuuf yaalu.

 Fakkeenyaaf, Yesuus yeroo tokko dubartii amantaa inni hin deggerre hordoftu tokkoo wajjin wal argee ture. Dubartiin kun, namicha abbaa manaa ishii hin taanee wajjin jiraachaa kan turte yommuu taʼu, kunis akkaataa jireenyaa Yesuus hin deggerre ture. Taʼus Yesuus haala kabaja qabuun ishii haasofsiiseera.—Yohaannis 4:9, 17-24.

 Akkuma Yesuus, Kiristiyaanonnis waaʼee amantaa isaanii namoota dhagaʼuuf fedhii qabanitti himuuf qophaaʼoo yommuu taʼan, kanas “ulfina guddaadhaan” gochuu qabu. (1 Pheexiros 3:15) Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni ilaalcha isaanii akka fudhatan warra kaan akka hin dirqisiisne barsiisa. Dabalataanis, namoonni duuka buutota Kiristoos taʼan warra amantaa kan biraa hordofan dabalatee, ‘namoota hundumaatiif garraamii akka taʼan’ dubbata.—2 Ximotewos 2:24.

Jibba ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal barsiisa?

 Kitaabni Qulqulluun “namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf” carraaqqii akka goonu barsiisa. (Ibroota 12:14) Namni nagaa barbaadu jibba ni balaaleffata. Namni akkasii wanta ejjennoo isaa tuqu kamiyyuu utuu hin raawwatin, warra kaanii wajjin nagaadhaan jiraachuuf carraaqqii cimaa godha. (Maatewos 5:9) Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni namoota karaa sirrii hin taaneen isaan qabanittillee, gaarummaa argisiisuudhaan diinota isaanii akka jaallatan jajjabeessa.—Maatewos 5:44.

 Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo gocha warra kaan salphisu ykn warra kaan miidhuu akka “jibbu” dubbata. (Fakkeenya 6:16-19) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun asirratti jecha “jibbuu” jedhu kan fayyadame gochawwan gadhee taʼaniif jibba guddaa qabaachuu argisiisuufidha. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo dhiifama gochuuf qophaaʼaa akka taʼe, akkasumas namoota daandii isaanii jijjiiruu fi ulaagaa inni baase hordofuu barbaadan akka gargaaru ibsa.—Isaayyaas 55:7.

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu waaʼee wal dandaʼuu fi wal kabajuu dubbatan

 Tiitoo3:2: “Yaada ofiitti kan hin cichine, akkasumas namoota hundatti garraamummaa hundumaa [kan argisiistan taʼa].”

 Namni yaada isaatti hin cichine yaada garaagaraa lama garraamummaadhaan keessummeessa; kun immoo wal kabajuun akka jiraatu godha.

 Maatewos 7:12: “Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa.”

 Hundi keenyayyuu namoonni kaan yommuu nu kabajan, akkasumas ilaalchaa fi miira keenyaaf bakka guddaa akka kennan nutti tola. Seera amalaa beekamaa Yesuus barsiise kana caalaatti beekuuf mata duree, “Seera Beekamaa Taʼe kan Jedhame Isa Kami Dha?” jedhu ilaali.

 Iyyaasuu 24:15: “Isa kam akka tajaajiltan harʼa filadhaa.”

 Mirga namoonni kaan filannaa mataa isaanii gochuuf qaban yommuu kabajnu nagaan akka jiraatu goona.

 Hojii Ergamootaa 10:34: ‘Waaqayyo hin loogu.’

 Waaqayyo aadaa, saala, biyya, qomoo fi akkaataa guddinaa irratti hundaaʼee eenyuufiyyuu hin loogu. Warri fakkeenya Waaqayyoo hordofuu barbaadan namoota hundumaa kabaju.

 Anbaaqom 1:12, 13: ‘Waaqayyo hammina callisee hin ilaalu.’

 Obsi Waaqayyoo daangaa qaba. Amalli hamminaa ilmaan namootaa argisiisan bara baraaf akka itti fufu hin heyyamu. Waaʼee kanaa caalaatti beekuuf, viidiyoo Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu kan Heyyame Maaliifi? jedhamu ilaali.

 Roomaa 12:19: “‘Haaloo baʼuun kan koo ti; ani deebisee nan kaffala’ jedha Yihowaan a jedhamee waan barreeffameef, dheekkamsa Waaqayyoof dhiisaa malee ofii keessanii haaloo hin baʼinaa.”

 Yihowaan haaloo baʼuu eenyuufiyyuu hin heyyamne. Yeroo ofiisaatii murteessetti haqni akka raawwatamu godha. Waaʼee kanaa caalaatti beekuuf, mata duree “Iyyi Namoonni Haqa Argachuuf Dhageessisan Deebii ni Argata Laata?” jedhu dubbisi.

a Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyo ittiin beekamudha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree, “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.