Dhimma ijoo ta'etti seeni

ONKOLOOLESSA 10, 2024
ERTIRAA

Dhugaa Baatonni Yihowaa Ertiraa Jiran Hedduun Jalʼinaan Hidhaman

Obboleettiin Umurii Waggaa 85 Namoota 23 Hidhaman Keessaa Tokkodha

Dhugaa Baatonni Yihowaa Ertiraa Jiran Hedduun Jalʼinaan Hidhaman

Fulbaana 27, 2024, abbootiin taayitaa Ertiraa Dhugaa Baatonni Yihowaa mana dhuunfaa keessatti utuu walgaʼii godhachaa jiranii qabanii hidhan. Yeroo kanatti poolisiin obboloota 6, obboleettota 16 fi ijoollee xixinnoo 2 dimshaashumatti namoota 24 qabaniiru. Guyyaa sadii booda abbootiin taayitaa deebi‵anii obboleettii umurii waggaa 85 mana jirtu hidhaniiru. Boodas ijoollee xixinnoo 2 kan gadhiisan yeroo taʼu namoonni 23 Mana Hidhaa Maayi Serwaa jedhamutti geeffamaniiru.

Yeroo ammaa Ertiraatti obboloota umuriin isaanii waggaa 70 ol taʼan 10 dabalatee, Dhugaa Baatonni Yihowaa 63 sababa amantii isaaniitiin mana hidhaa jiru. Warra reefuu hidhaman dabalatee obboloonnii fi obboleettonni kun balleessaa hojjetan jedhamee himanni isaan irratti baname hin jiru.

Dhugaa Baatonni Yihowaa Ertiraatti waggaa hedduudhaaf ariʼatamni isaan irra gaʼaa tureera. Waggaa 30 dura Onkoloolessa 25, 1994, pireezidaantiin Ertiraa Dhugaa Baatota Yihowaa biyyichatti dhalatan lammummaa isaanii irra mulqeera. Yeroo sanaa kaasee obboloonnii fi obboleettonni keenya ariʼatamni cimaan isaan irra gaʼaa akkasumas jalʼinaan hidhamaa jiru.

Ariʼatamni isaan irra gaʼe kun baay‵ee nu jeeqeera, nu gaddisiiseeras. Obboloota keenya Ertiraa “warra mana hidhaa keessa jiran[iif]” kadhachuu keenya itti fufna. Akkasumas Yihowaan jajjabina, obsaa fi cimina akka isaaniif kennu amantaa qabna.—Ibroota 13:3.