CAAMSAA 26, 2020
KOORIYAA KIBBAA
Abbootiin Taayitaa Kooriyaa Kibbaa, Dhugaa Baatonni Yihowaa Sagantaa Isaanii Intarneetiidhaan Geggeeffachuuf Waan Murteessaniif Isaan Galateeffataniiru
Abbootiin taayitaa Kooriyaa Kibbaa iddoowwan walgaʼii guguddaatiif heyyama kennan, jaarmiyaan keenya walgaʼii naannoo 2020 istaadiyeemii gurguddaa keessatti utuu hin taʼin interneetiidhaan godhachuuf murteessuu isaatiif galateeffataniiru. Abbootiin taayitaa kun sagantaa hafuuraa keenya utuu hin dhiisin, murtoo namoota hedduudhaaf eegumsa godhu akkasii gochuu keenyatti nu galateeffataniiru. Baasiin iddoowwan walgaʼii kanaaf kaffalame hundis deebiʼeera.
Abbaan taayitaa magaalaa Seʼoolitti argamu tokko akkana jedheera: “Dhugaa Baatonni Yihowaa akkuma yeroo kaanii murtoo ogummaa irratti hundaaʼe murteessaniiru. Dhugaa Baatota Yihowaa baayʼee jaallanna. Dhaabbileen amantii kan biroon akka isaaniitti hawaasa keenyaaf wanta gaarii raawwatan waan jiran natti hin fakkaatu.” Itti fufees akkana jedheera: “Dhugaa Baatonni Yihowaa fedhii warra kaaniitiif dursa kennu. Barana gamoo keenya keessatti walgaʼii isaanii waan hin geggeeffanneef baayʼee gaddineerra. Sagantaawwan gara fuulduraatti qabaniif garuu gamoo keenyatti fayyadamu jennee abdanna.”
Abbaan taayitaa magaalaa Suuwaanitti argamu tokkos akkana jedheera: “Dhugaa Baatota Yihowaa warra waggoota 35 darbaniif gamoo kana akka waan kan isaanii taʼetti ilaaluudhaan itti fayyadaman baayʼeen galateeffadha. Amma immoo murtoo mootummaan dhukkubni COVID-19 akka hin tatamsaaneef dabarse hojii irra oolchuuf dursa waan fudhataniif caalaatti isaan galateeffachuun barbaada. Warra kaaniif yaaduun isaanii baayʼee na ajaaʼibsiisa. Bara dhuftu Dhugaa Baatonni Yihowaa gamoo keenyatti akka fayyadaman nan barbaada.”
Abbaan taayitaa buufata xiyyaaraa gamoo walgaʼii godhachuuf itti fayyadamnutti dhihoo jiru tokko akkana jedheera: “Bara 2018 fi 2019tti [Dhugaa Baatonni Yihowaa] namoota seera qabeeyyii taʼanii fi gaaffiiwwan keenyaaf dafanii deebii kennan akka taʼan hubanneerra. Murtoon isaan walgaʼii baranaa asitti godhachuu dhiisuuf murteessan, warra kaaniif akka yaadan argisiisa; kun immoo baayʼee na dinqisiiseera.” Itti fufees, “Namoonni hundi akkuma Dhugaa Baatota Yihowaa utuu taʼanii baayʼee gaarii ture” jechuudhaan dubbateera.
Saba Yihowaa waan taaneef, namootatti jaalala argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe barachuu keenyatti, akkasumas jaalalli kun yeroo rakkisaa kanatti mulʼachuu isaatti baayʼee galateeffanna.—Maatewos 22:39.